Seerri 'wal-dhabde hiikuu' Itoophiyaa waggoota 65 booda fooyyaa'e maali?

Burruusa mana murtii

Madda suuraa, MARK METCALFE

Itoophiyaatti Seerri wal-dhabdee furuu ykn araara faluu fi labsiin nagaa buusuu waggoota 65 booda fooyya'ee bahe torbee darbe keessa mana maree bakka bu'oota uummataan ragga'eera.

Seerri waldhibdee furuu ykn murti araaraa (Arbitration) Itoophiyaa yeroo jalqabaaf qabiyyee seeraa keessa kan gale seera Fitaabeerii bara 1952 A.L.Itti bahe keessattii yeroo hammatame ture.

Labsiin kun fooyya'ee kan raggaasifame waggoota 65 boodadha.

Itoophiyaan seera murtii araaraa idil-adunyaa [Arbitrary court], konveenshinii Niw Yoorkiin mallattaa'ee, bara 1958 bahe, addunyaa irraa biyya 162ffaa Afrikaa irraa ammoo biyya 33ffaa tahuun kan mallatteesite bara darbe ture.

Seerri murtii araaraa dhimma daldalaa, investimantii fi kan kana fakkaatan irratti wal dhabdeewwan mudatan irratti mirgaa fi faayidaa nama falmii kaasee eeguun furmaata kennuuf sirna kenninsa murtii filatamudha.

Manni murtii araaraa kun mana murtee idilee kaan irraa maaliin adda taha? Labsiin kun fooyya'uunihoo bu'aa akkamii qaba? Kaampaaniiwwan maaliif seera mana murtii araaraa kana filatu?

Obbo Mikaa'el Tashoomee labsicha fooyyessuuf ogeessota seeraa hirmaatan keessaa tokkodha. ''Mana Murtii araaraa akkaataa seera Itoophiyaan'' kitaaba jedhus ogeessa seeraa gara biraa Siraak Akaaluu jedhamu waliin barreessun maxxansiisaniiru.

Ogeessi kun akka jedhanitti seerri murtii araaraa kun wal dhabdee hiikuu qofa osoo hin taane bu'aan diinagdee inni qabus ol aanaadha.

Manni murtii kaan irraa maaliin adda baha?

Manni Murtii Araaraa namootni wal falman, abbootii seeraa filachuu, bakkaa fi yeroo murteen itti kennamu akkasumas seera ittiin gaggeeffamuu qabu filachuu dandeessisa.

Obbo Mikaa'el akka jedhanitti akkaataa seera kanaatti adeemsa falmichaa kan murteesuu fi mirga gaggeessuu kan qabus falmitootadha.

Kun falmitootaaf bilisummaa waan kennuuf mana murtii kaan irraa filatamaa isa taasisa jedhan.

Akkaataan abbaan murtii itti hundeeffamus kan mana murtii irraa addadha.

Manni murtii kan hundeeffamu akkaataa heera mootummaan yoo tahu adeemsi murtii araaraa kun garuu waliigalteedhaan raawwata.

Namootni wal falman mana murtii araaraa biyya tokkoon murtii argachuuf erga murteessanii waliigalanii jechuudha.

Adeemsi ol iyyannoo itti fudhatanis kan mana murti araaraa fi mana murtii kaanii garaagarummaa biraa tahuu ogeessi seeraa kun himu.

Sirna mana murtiidhaan namni kamiyyuu murtii darbe irratti mirga ol iyyannoo fudhachuu kan qabu yoo tahu, mana murtii araaraa irratti garuu dhimmi akkasii kun filannoodhaanidha.

Namootni wal falman ol iyyata fudhachuu yoo barbaadan ni gaafatu. Yoo hin barbaannes ni dhiisu.

Maaliif filatama?

Adunyaa irratti dhaabbileen daldalaa gurguddoon, abbootiin qabeenyaa fi namootni beekamoon yeroo wal dhabdee keessa galan gara mana murtii araaraa akkanaatti yeroo wal geessan argamu.

Kun maaliif jenne ogeessi seeraa gaafanne Obbo Mikaa'el ''icciitiin isaanii waan eegamuuf murtii dhuunfaa kana filatu'' jedhan.

Akka ogeessi kun jedhanitti abbootii dhimmaa ala qaamni sadaffaan gidduu galee dhimma isaanii kana hordofuu hin danda'u.

Akka seera man murtiitti garuu ''waan addaa'' yoo tahe malee namni kamiyyuu galee hordofuu danda'a.

Haa ta'u malee kenninsi murtii araaraa kun bilisummaa waan kennuuf abbootiin qabeenyaa biyya alaa deemanii qabeenya isaanii gaafa dhangalaasan rakkina isaan mudatu mana murtiin ala mana murtee araaraa kanaan fixachuu filatu jedhu Obbo Mikaa'el.

Karaa biraan ammoo yaada falmisiisaa tahus murtiin dhuunfaa kun baasii qusata jedhama. Kun ammoo adeemsi mana murtii hammuma dheerataa adeemeen baasii dabalataa gaafata yaada jedhu irraati.

Gama biraan ammoo jalqaba irratti abbootii seeraaf sana booda ammoo baasii bulchiinsaa tokko tokko kaffaluun waan barbaachisuuf qaaliidha kan jedhanis jiru.

Itoophiyaan konveenshinii seera idila adunyaa murtii araaraa Niw Yoork bara 1058 A.L Atti bahe mallatteesiteetti.

Murtee mana murtii biyya biraan kenname Itoophiyaa dhaquun raawwachiisuun garuu rakkoo tahuu danda'a.

''Sirni Fitabeerii fi dhimmoota seeraa murteen biyya biraa biyya keessatti akka hin raawwanne seerri Itoophiyaa dhorku jiraachuu danda'a'' jedhu ogeessi seeraa Obbo Mikaa'el.

Sirni murtii araaraa kun kan gaggeeffamu akkaataa waliigaltee Niw Yoorki sanaan waan taheef biyyi kamiyyuu dhimmicha raawwachiisuu dandeessi jedhan.

Waliigalteen Niw Yoorki murteen araaraa biyya biraaf kenname haala akkamiin bakkuma jirutti raawwachuu danda'a kan jedhu seera hubachiisudha.

Raawwiin waliigaltee kanaa akka idila adunyaatti fudhatama qaba.

Seera haaraa keessatti maaltu dabalame?

Itoophiyaan seera murtii araaraa qabiyyee seeraa keessa kan galchite bara 1952 A.L.I yoo ta'u, kan fooyya'e waggoota kurnan jahaan boodadha.

Obbo Mikaa'el seerri kun yeroo dheeraa booda fooyya'us qabxiilee bu'uuraa kan hammatedha jedhu.

Akka isaan jedhanitti dhaabbatni seeraa haaraa akka dhaabbatu ni eeyyama. Kanaafuu dhaabbattootni mootummaatiinis ta'e dhuunfaan dhaabbata seera murtii araaraa hundeessuu ni dandeessisa.

Kunis falmitootaaf irra caalaatti bilisummaa kennaaf jedhu obbo Mikaa'el.

Seerri murtii araaraa bal'aa fi walxaxaa ta'us sadarkaa seeraatti kan labsame yaada murtaa'aa qofa kan jedhan ogeessi seeraa kun amma sadarkaa dhaabbataatti yaadamuun cimaa taasisa jedhaniiru.

Dabalataanis gidduu galtummaa qaama biraa hambisuu danda'a jedhan.

Seera kana duraa irratti manneen murtii haala garaagaraan keessa galuun adeemsi murtii akka addaan cituu fi ogeessi seeraa haalli itti abbootiin seeraa filamaniin aangoo isaa murteessan turan jedhan Obbo Mikaa'el.

Seerri amma fooyya'e garuu manneen murtii irra caalaatti falmitootaaf aangoo akka kenne hubachiiseera.

Seerri murtii araaraa kun yaadawwan bal'aa fi ammayyaawaa qabateera.

Kanaan alattis kan dura hin turree fi dhorkaa qabeenyummaa akkamitti ta'uu akka danda'u, akkasumas dhimmoota qaamni sadaffaa keessa galuun barbaachisu ilaalchisee seera deebii kenne akka ta'e dubbataniiru.

Faayidaan mana murtii araaraa maali?

Abbootiin qabeenyaa gara biyya tokkoo deemanii hojjechuuf yeroo yaadan dhimmoota garaagaraa ilaalcha keessa galchuudhaani.

Lafti duwwaan argameef yookiin maallaqni waan jiru qofaaf maallaqa isaanii hin balleessan. Tasgabbii siyaasaa, seera gibiraa, seera daldalaa, seera hojjetaa fi hojjechiisaa, seera baankii biyyaalessaa fi seerota kan biroo ni qoratu.

Kanneen keessaa tokko seera mana murtii araaraati. Wal dhibdeen hojii irratti yoo mudate biyyuma jiran taa'anii sirna murtii argachuu danda'u waan taheef.

Kanaafuu Itoophiyaan qaama walii galtee seera idil adunyaa mana murtii araaraa Niw Yoork ta'uun ishee abbootii qabeenyaaf karaa bana.

"Abbootiin qabeenyaa' daldaltoota Itoophiyaa waliin wal falminee murtii yoo arganne illee haala kamiini? Akkam goonee raawwachiifna?' kan jedhu isaan hin sodaachisu." jedhu Obbo Mikaa'el.

Haata'u malee of eeggannoodhaan yoo itti hin hojjetamne gatii baasuunis akka jiru ogeessi seeraa ni himu.

Akka obbo Mikaa'el jedhanitti kun kan uumamu maal na dhibdeen waliigalteen yeroo raawwatamudha jedhu.

Waliigalticha kan raggaasisan, kan mallatteessan, ogeessotni dhimma sana irratti hirmaatan hundi waan hundumaa xiyyeeffannaa kennuun ilaaluu qabu jechuun gorsu.

"Biyya kamiyyuu keessatti ogeessotni kaampaaniiwwan Itoophiyaa bakka bu'an itti gaafatamummaa fi dirqama qabu.

Waliigalteewwan maal dhibdeen kan mallatteessan yoo ta'e gatii baasuun keenya hin hafu" jedhaniiru.