Dureen mana amantaa Kaatolikii Itoophiyaa Eertiraa seenuu dhorkaman

Abua Abuuna Birhaane-Yesuus

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Eertiraa jila Pirezedaantii Waldaa Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Abuuna Birhaane-Yesuusiin durfamu akka biyyattii hin seenneef buufata xiyyaaraa Asmaraatti deebise.

Akka ibsa Waldaa Kaatolikii Itoophiyaatti, Walitti-qabaa Komishinii Araraa Biyyaalessaa Itoophiyaa Kaardinaal Abuuna Birhaane-Yesuus afeerraa Waldaan Kaatolikii Eertiraa kabaja waggaa shantamaffaa isaaniirratti akka argamaniif dhiyeesseen gara Asmaraatti imalan.

Haata'u malee, jilli kun akkuma buufata xiyyaaraa Asmaraa gahaniin gara magaalaa Asmaraatti seenuudhaaf ulaagaalee barbaachisan hunda erga guutanii booda viizaan ji'a tokkoof turu kennamuufillee haala hin beekamneen dhorkamuu ibsi Waldichaa kun ni mul'isa.

Aanga'oota Immigireeshinii Ertiraatiin "ajaja olii dhufedha" jedhamuun Eertiraa seenuu akka hin dandeenye itti himame.

Sababii kanaanis, Sanbata waaree booda saatii 11:15 irratti buufata xiyyaaraa Asmaraa gahanii saatii 16'f erga buufata kana keessa turanii booda Dilbata gara finfinneetti deebi'uuf akka dirqaman agarsiisa ibsichi.

Dabalataan ibsi Waldaa Kaatolikii kun akka jedhutti nagaan waggoota dheeraatiifi hawwaa turreefi itti dhama'aa ture hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiru jijjiiramee, saboonni biyyoota lamaanii bilisaan yeroo wal keessa deemuu danda'anitti kun uumamuun Waldaa Kaatolikii Itoophiyaafi Ertiraa hedduu kan gaddisiisedha.

Wanti uumame Waldaa Kaatolii biyyoota lamaan gaddisiiseera

Madda suuraa, A.B.F

Waldaan Kaatolikii Itoophiyaas wanti ta'e kun qaama mootummaa dhimmi isaa ilaallatuun qulqullaa'ee akka ifa ta'u carraaqqii gama ishee taasisaa jirti jedha ibsi kun.

Kana malees ibsi kun buufanni TV garee mormitoota mootummaa Eertiraa Asennaa jedhamu Kaardinaal Abuuna Birhaane-Yesuus Guraandahala 16, 2012 kabaja waggaa Waldaa Kaatolikii Kidaana Mihiratii Qabannaa irratti "araarri Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti uumameera jedhame soba ta'uu mirkaneeffannee deebineerra" jechuun dubbatan oduun jedhu sobadha jedheera.

Waldaan Kaatolikii Itoophiyaa nagaan biyyoota lamaan gidduu akka itti fufu cimtee akka hojjettus ibsi kun ni agarsiisa.