Itoophiyaa fi Ertiraan maal walitti daldaluu danda'u?

Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii Itoophiyaa Eertiraa waliin waliigaltee daldalaa akka mallateessaniif sanada gargaaru qopheessuu beeksise.

Itoophiyaafi Eertiraan rakkoo isaan gidduu jiru furanii erga araarri bu'ee booda daldala kan ilaallatuun wantoota lama irratti fedha walfakkaatu qabuu kan jedhan Hoogganaan Kominikeeshinii Ministeericha Obbo Wandimmuu Filaattee, inni jalqabaa waliigaltee daldalaa mallatteessuu, inni lamattaa ammoo naannoo daangaa biyyoota lamaanitti raadiyeesii 10-15'tti waliigaltee daldalaa fiixee biyyaa mallatteessuudha jedhan.

Gama walitti daldala Eertiraa waliin qabaachuu mallu irratti maaltu Itoophiyaarraa gara Ertiraatti gurguramuu danda'a kan jedhurratti qorannoon gaggeefameeras jedhan.

Dhimmoota lamaan kanarratti qorannoon gaggeefamee sanadni meeshaalee gurguraman, daldala hangamii, maallaqa hangamiin fi gosa maallaqaa ittiin daldalamu kan ibsuu Ministeera Haajaa Alaaf ergameeras jedhan.

Fedhiin gama Itoophiyaan qoratamee dhiyaate kun karaa Ministeera Haajaa Alaa mootummaa Ertiraaf erga dhiyaatee booda isaaniis fedha isaanii adda baasanii gara maree walitti daldaluutti ce'aama.

Marii godhamu keesatti gosoota meeshaalee walitti daldalamaniifi gosa maallaqaa daldalli biyyoota lammii ittiin raawwatamuurratti yoo waliigalame waliigalteen daldalaa kun ni mallattaa'a jedhan.

Maallaqni daldalli ittiin raawwatamu birrii Itoophiyaa ykn Naqfaa Ertiraa ykn Doolaara haata'u kan jedhu waliigaltee biyyootni lameen mallatteessaniin murta'aa.

Hariiroon daldalaa biyyoota lameenii battala araarrii bu'ee daangaan biyyoota lamaanii banametti kan eegalame ta'uus, seerrii daldalli kun ittiin hoogganamu bahee waan hin turreef, sochiin daldalaa naannoo daangaa jiru takka o'aa takka qabanaahaa tureera.

Daangaawwan sochii hawaasa biyyoota lamaaniif banamanii tures takka banamaa yeroo kaan ammo cufamaa turaniiru.

Amma fedhiin gama Itoophiyaan jiru adda bahe mootummaa Eertiraaf ergamuun tarkaanfii jalqabaa ta'uufi fedhiin gama Eeertiraas yoo adda bahee waliigalteen mallattaa'u walitti daldalli biyyoota lamaanii seeraan hoogganama jedhameera.

Hanga sun ta'utti naannoo daangaatti daldalli al-idilee gaggefamu akkuma jirutti itti fufuu akka malu eeraniiru.

Itoophiyaan omishaalee qonnaa, albuudaa, ijaarsaa, agro-indastriifi kaanis Eertiratti gurguruuf fedha akka qabdu Obbo Wandimmuun beeksisaniiru.

Fedhii guddaan Ministeerri isaanii qabu omishaalee fi bu'aa gara biyyoota birootti gurgurtaaf dhiyaatuu dabaluudha jedhanii, omishaaleen gabaa biyya keenyaa keessatti barbaaadamaniifi Ertiraan dhiyeessuu dandeessuu jiraannan marii irratti hundaa'e murtaa'a jedhaniiru.