Finfinneetti namootni maallaqa seeraan ala sharafuun shakkaman 10 to'annoo jala oolan

Finfinneetti namootni maallaqa seeraan ala sharafuun shakkaman 10 to'annoo jala ooluu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.

Qajeelchi poolisii kutaa Bulchiinsa Laaftootti Diviziyooniin qorannoo yakkaa fi balaa tiraafikaa eeruu uummata irraa argateen hordoffii taasisee waraqaa sakatta'insaa mana murtii irraa baafachuun gara bakka jedhameetti akka deeman ibse.

Kun gaafa Qaammee sadii yoo tahu sakatta'insa mana shakkamtootaatti tasa taasiseen birrii miliyoona 7.6 fi dolaara Ameerikaa kuma 53 to'annoo jala oolchuu qondaalli komiishinichaa Komaander Awwel Ahimad himaniiru.

Akka odeeffannoon fuula feesbuukii Komishinii Poolisii Magaala Finfinnee irraa arganne jedhutti maallaqa cinattis maashinni maallaqa lakkaa'uuf gargaarus to'annoo jala ooluu himaniiru.

Shakkamtootnis naannoo lammiileen biyyota alaa baay'inaan jiraatan adda baafachuun manneetii viillaa kireeffachuun maallaqa biyyoota alaa garaagaraa akka sharafaa turan Komaandarichi himaniiru.

Namootni yakkichaan shakaman 10 to'annoo jala ooluun qoratamaa akka jiranis komishinichi beeksiseera.

Mootummaan Itiyoophiyaa sharafa gabaa gurraachaa ykn seeraan alaa to'achuuf bara darbe suuqiiwwan cufuun tarkaanfii fudhataa turuun isaa ni yaadatama.

Ergasii maallaqani biyyoota alaa garaagaraa osoo biyyaa bahuu naannoo daangaa fi bakka garaagaraatti to'atamaa ture.