Waltajjiin hariiroo Oromoo-Somaalee har'a magaalaa Adaamaatti gaggeeffama

Simannaa jila MN Somaalee irraa dhufeef taasifame

Madda suuraa, Feesbuukii Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Simannaa jila MN Somaalee irraa dhufeef taasifame

Waltajjiin hariiroo Oromoo-Somaalee namoota 2000 ol hirmaachise har'a magaalaa Adaamaatti gaggeeffama.

Waltajjiiwwan maree hariiroo uummattootaa kanaan duras naannolee Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Benishaangul, Amaaraafi Somaalee gidduutti yeroo bulchiinsa pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Lammaa Magarsaas gaggeeffamaa tureera.

Erga Obbo Shimallis Abdiisaa pirezidaantii Itti Aanaa Oromiyaa tahanii muudamaniiis waltajjiin Oromaarraa [Oromoo-Amaaraa] magaalaa Ambootti gaggeeffameera.

Naannoon Oromiyaafi Somaalees daangaa bal'aa kan waliin qooddatan yoo tahu waliin jireenya uummattota lamaaniis guddaadha.

Haatahu malee, yeroo dhiyootiin as uummata Oromoofi Somaalee gidduutti walitti bu'insa naannoo daangaatti uumamaa tureen namootni ajjeefamuun kumaatamnis qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Saboonni hortee Kuush lamaanuu waggoottan dheeraaf obbolummaan waliin jiraachaa turan.

Naannoleen lamaan hariiroo uummattota isaaniifi gidduu isaanii jiru haaromsuuf waltajjii hariiroo hawwaasaa jedhu magaalaa Adaamaatti qopheessaniiru.

Jilli I/A Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Somaalee Obbo Musxafaa Mohaammed Umariin durfamus maricha irratti hirmaachuuf kaleessa galgala Magaala Adaamaa galeera.

Jila kanaaf I/A pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi qondaaltonni mootummaa naannichaa jiraattota magaalaa Adaamaa waliin tahuun simannaa ho'aa taasisaniiruuf.

I/G'n Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Oromiyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxee naannoolee ollaa waliif taane waliin hariiroo obbolummaa cimsuuf jabaannee hojjenna jedhan.

Waltajjiin maree mootummaafi uummata Somaalee waliin gaggeeffamu isaa kaan irraa adda dha kan jedhan Obbo Admaasuun waggoota lamaan darbaniif qaamoleen faayidaa isaanii mirkaneeffachuu barbaadan saboota lamaan walitti buusaa turan jedhan.

Kanaanis uummanni bal'aan qe'ee irraa akka buqqa'u gochuun sabootni lamaan ija shakkiin akka wal ilaalan tahaa ture jedhan.

Dabalataanis uummatni Somaalee bulchiinsa amma harka Oromoo jiru irratti shakkii akka qabaatu qaamotni godhan jiru jedhan.

''Kunis akka waan Oromoon buqqisaa taheefi akka waan Oromoon saba biraa jibbuutti ololli oofamaa ture shakkii bal'isuu danda'a.''

Kanaafuu wal tajjiin kun hariiroo obbolummaa saboota lamaanii duraan ture bakkatti deebisuu irratti xiyyeeffata jedhan.

Hojii mootummootafi uummattoonni lamaan waliin hojjetaniin rakkoon ture karaa tasgabbaa'aa taheen akka hiikamu taasisuun bu'aa gaggaariin galmaa'aa jira jedhan Obbo Admaasuun.

Hariiroon obbulummaa uummattoota lamaanii karaa wal amantaa qabu irratti akka bu'uureffatu gochuufi yoo rakkoon jiraates karaa nagaa akka hiikamu gochuu irratti mari'anna jedhan.

Dabalataan uummanni Oromoofi Somaalee duudhaas tahe amantaa walitti dhiyaatu qabu jedhanii, akkasumas naannoleen lamaan daangaa dheeraadhaan waan wal daangessaniif hariiroon isaanii itituu qaba jedhan.

Maguddootni, abbootiin amantaa, dubartootni, dargaggootniifi hayyootni 2000 ol tahan naannolee lamaan irraa wal- tajjicha irratti ni hirmaatu jedhan Obbo Admaasuun.

Keessuummota gara Oromiyaaf dhufaniifis magaaloNni Oromiyaa keessa darban simannaa ho'aa taasisaafii akka turaniifi kanneen xiyyaaraan dhufaniifis buufata xiyyaaraatti simannaan taasifamuu himaniiru.

Waltajjiin kun har'a magaalaa Adaamaatti kan gaggeeffamu taha.