Buqqaatonni 700,000 naannoo Somaalee keessa jiran 'deeggarsa hatattamaa fedhu' - Dhaabbilee gargaraasaa

Madda suuraa, NRC
Ega Adoolessa darbee as qofa namoonni 200,000 ol walitti bu'iinsa sabootaa baqatanii dahannoowwan yeroo naannoo Somaalee keessa qubatanii jiru jedha gabaasni haaraan dhaabbati gargaarsaa 'Norwegian Refugee Council (NRC)'.
Akka dhaabbati kun jedhutti, kunis lakkoofsa namoota sababa walitti bu'iinsaan qe'ee isaanii irraa buqqa'anii naannoo Somaalee keessa qubatan, kan waggoota muraasa darbanii gara 700,000'tti ol guddisa.
Warri balaawwan akka gogiinsaafi lolaan buqqa'an yoo itti daraman ammoo lakkoofsi namoota buqqa'anii kan naannoo Somaalee keessa qofa jiran miliyoona 1.1 akka gahu mul'isa gabaasni kun.
Kanneen walitti bu'iinsaan baqatan hedduun isaanii Naannoo Oromiyaa keessaa dhufani jedha gabasichi.
Daahannoo ykn kaampiiwwan buqaatonni kunneen keessa qubatan humnaa ol namootaan kan guutamee kan jedhu gabaasichi, dhaabbileen gargaarsaa muraasi waan jiraniif namni hedduun rakkataa jira jedha.

Madda suuraa, NRC
Namoota 65,000 biroo waliin kaampii Kolojoo keessa buufatee kan jiruufi bara darbe naannoo Oromiyaa keessaa buqqa'uu kan dubbatu Abdiraahmaan Mo'aaliim, "hanqina nyaataafi weerara dhibeewwan adda addaaf saaxilamaa jirra" jedhu.
"Daa'imman dabalatee guyyaatti namni sadii hanga afurii yeroon itti du'u jira" jedhan.
Mootummaan naannichaa dhaabbileen gargaarsaa hedduun gara naannoo Somaalee akka galan gaafatee jira.
Mootummaan dhaabbileen gargaarsaa gara naannichaa akka hin seenne danqalee jiran furuun haala akka mijeessus himeera.
Yeroo dhiyoottis maatii 5000 buqqa'anii kaampii keessa jiran deebisanii qubachiisuuf mootummaafi dhaabbileen gargaarsaa karoorsanii hojjetaa akka jiran kan eere gabaasi NRC kun, 'gargaarsi ammas daran akka barbaachisu' hima.
"Bara kana Itoophiyaa keessaa buqqaafama ija hawaasa idil-addunyaa jalaa dhokate guddaatu ture. Mootummaan furmaata waaraa kennuuf hojjetaa wayita jirutti, dhaabbileen gargaarsaa ammoo deeggarsa namoomaa kennuun lubbuu baraaruu qabu" jedheera NRC ibsa baaseen.














