Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Doolaarri Miiliyoona 10 buqqatotaaf arjoome

Madda suuraa, UNOCHA
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti barreessaan dhimmoota hawaasummaa fi walitti qabaan deeggarsa bayyanachiisaa yeroo balaa, Maark Laawkook, lammilee balaa fi hongeen miidhaman erga daawwatanii booda gargaarsi doolaara miiliyoona 10 Fandii gidduugala gargaarsa atattamaarraa akka kennan beeksisaniiru.
Waggoota walitti aanaa sadiif hanqina roobaa naannolee biyyattii akka Somaalee fi Oromiyaa mudateen namoonni miiliyoona hedduun lakkaa'aman deeggarsa atattamaa barbaadu kan jedhan Mr Maark Lowkook, walitti bu'iinsi daangaafi daangaan alaa naannoo Somaalee fi Oromiyaa jidduutti dhalateen lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii daran dabaluu hubanneerra jedhan.
Akka Mr Maarkiitti, ''Fandii gidduugala gargaarsa atattamarraa, deeggarsi doolaara miiliyoona 10 namoota rakkoo walitti bu'iinsaa kanaan qe'eesaanirraa buqqa'aniif qofa akka oolu hayyameera. Maallaqni kun deeggarsoota atattamaan daraara lammilee kanaa furuuf barbaachisaniifi buqqaatota kanneen deebiisanii dhaabuun furmaata walitti fuufiinsa qabu fiduuf oolu qaba'' jedhan Obbo Maark.
Dhaabbata Biyyoota gamtoomaniitti ragaan waajira Qindeessaa deeggarsa namoomaa akka ibsutti ,nammoonni miiliyoona tokko ta'an sababa walitti bu'iinsa naannoo somaalee fi Oromiyaatiin bakka jireenyaa isaaniirraa buqqa'uuf dirqaamaniiru.
Maallaqni kun buqqaatotaaf wantoota atattamaan barbaachisan akka bishaan dhugaatii, dahoo fi kanneen biroof dhiyeesuuf oola jedhameera.
Obbo Maark, Lammiilee qe'eesanirraa buqqa'anii kanneen amma Godina Addaa Naannawaa Finfinnee qubataniifi naannoo Somaalee jiran daawwachu isaanis himaniiru.
''Wanti irra deddeebiin naamonni walitti bu'iinsa kanaan buqqa'an anaa fi waahila koo Bulchaa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Ahiim Istaayinaritti himan, gara naannoo irraa buqqa'anitti deebi'uu akka hin feeneefi naannoo amma qubatanii jiranitti jireenya haaraa eegalu akka fedhaniidha'' jedhan.
Kana milkeessuuf mootummaan qaamolee hawaasaa, dhaabilee dhuunfaa fi hawaasa biyya alaa waliin ta'uun tarsiimoo dirirsuun hojii hojjechaa jiruu kan beekan ta'uu himun, maallaqnin amma kennamu hojiileen kun akka saffissan gargaara jedhan.
Maallaqichi akkamiin naannolee lamaan kanaaf akka qoodamu gaafannee deebii kennanniin ''hojjettoonni Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii garee Itoophiyaa qondaaltota biyatti waliin dhimma kana irratti ni hojjetu, ammaaf wanti yaadame garuu hin jiru'' jedhaniiru.
Maallaqni Waadaa galame dhimma jedhameef ooluu fi ooluu dhabuusaaf hordoffii godhamu ilaalchisee yaada kennaniin ammoo,''Itoophiyaan qabeenya qabduun rakkoo jiru furuu irratti maqaa gaarii qabdi. Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Sirni hordoffii mataasaa qabaa waan ta'eef Saniin hordofna'' jedhan.
Haaluma walfakkaatuun Mr Maarkii fi Istaayinar namoota balaa hongeen miidhamanis daawwataniiru. Hanqinni roobaa kutaalee biyyattii tokko tokkotti itti fufinsaan waggoota Afuriif mudachaa waan jiruuf lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii ji'oota dhufan keessatti dabaluu ni danda'a yaaddoo jedhu akka uume beeksisaniiru.

Madda suuraa, UNOCHA
Dhimma kana irratti marii qondaaltota mootummaa waliin taasisaniin rakkoo kanarraa dandamachuuf mootummaan Itoophiyaa deeggarsa idila addunyaa gaafachuus beeksisaniiru.
Bara 2017, Itoophiyaatti naannolee balaa hongeen miidhamun gargaarsa atattamaa barbaada namoota miiliyoona 8.5 bayyanachiisuuf deeggarsi maallaqaa barbaachisu doolaara Ameeerikaa Biiliyoona 1.4 keessaa dhibbeentaan 80 kennamuun hojiin bayyanachiisuu gaariin hojjetameera jedhan Mr Maark.
Haata'u malee ammas Hanqinni roobaa dhiibbaa 'La nina'n mudatu deeggarsi hanga bara darbee akka barbaachisu waan dirqisiisuuf qophiin dursee godhamuu qaba jechuunis dhaamaniiru.
Rakkoolee deeggarsa ariifachiisaaf saaxilan xiqqeessuu akkasumas saaxilamtoota itti fufinsaan bayyanachiisuuf dhaabbanni biyyoota gamtoomanii kutaan deeggarsa namoomaa attattamaa, Sagantaa Misooma Dhaabatichaa waliin qinda'uun sagantaa haaraa 'New way of working' jedhu eegaleera.













