Abbaan Alangaa Federaalaa: Yakkamtoota hunda seeratti dhiyeessuun waan hin oolledha

Abbaan Alangaa Federaalaa Waliigalaa yakkawwan mirga namoomaatiin kan shakkaman Obbo Getachoo Aseffaa Maqaleetti akka argamuufi to'annaa jala oolchuudhaaf ajajini irratti bahuu ibseera.

Dubbi Himaan Abbaa Lanagaa Waliigalaa Obbo Zinaabuu Tunuu ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, sababii hanga ammaatti Obbo Getaachoo to'annaa jala hin oolchiin yoo ibsan, gochi yakkaa raawwatame walxaxaa waan ta'eef adda baasuudhaaf yeroo fudhateera.

Gama biraatiin ammoo, qondaala motummaa ol-aanaa ta'uu isaaniitiin walqabatees rakkoo uumuu waan danda'uuf hanga ammaatti osoo to'annaa jala hin olfamiin turuu himaniiru.

Hanga ammaatti garuu shakkamtoonni kun eessa akka jiran adda baafachuudhaaf hojii hojjetamaa tureen adda baafateera. Biyya keessatti kan argamanis ta'e kanneen biyyaa bahaan eessayyu dahoo godhachuun akka hin danda'amnes himaniiru.

''Eenyumtuu yakka raawwachuun uummata keessatti of dhoksuun hindanda'amu.'' Haaluma walfakkaatuunis, uummanni Tigraayi aarsaa olaanaa kanfalaa ture ammas yakkamtoota isaan keessa dhokatan dabarsee kennuun olaantummaa seeraa ni kabachiisa amantaa jedhu akka qaban himaniiru.

Kanaan alattis, qabeenyaa, ykn dahoo uummataan qaba jechuun seeraa jalaa dhokachuun waan hindanda'amnee waan ta'eef yakkamtoonni hundumtu waljalaan seerratti dhiyeffamuun waan hin olleedha jedhaniiru.

Ibsa raawwii hojii ji'a ja'aa Abbaa Alanagaa Federaalaa waliigalaa paarlaamaadhaaf dhiyeessani irratti Daarektarri Abbaa Alangaa Federaalaa Waliigalaa Obbo Birhaanuu Tsagaayee dhimma Obbo Getaachoo Asaffaa ilaallatuu wayita dubbatan, aanga'aan duraanii yakka mirga namoomaan shakkaman kun miseensa mana maree kan naannoos kan Federaalaas miti jedhan.

Isaan qabuudhaaf nama biraa ajjeesuu hin qabnu

"Bakki itti dhoktatanii jiranis kan baayyeedhuma adda bahee hin beekamiin ykn bakka hin beekamne osoo hin taane, naannicha keessa dhokatanii akka jiranidha odeeffannoo qabnuun," jedhan.

Naannoodhaafis kan gaaffii dhiyeessine akka dabarsanii kennaniif ture, kan jdhan Obbo Birhaanuun isaan qabuudhaaf garuu nama biraa ajjeesuun nurra hin jiru. "Isa qabuudhaaf deemnee walitti dhukaasnee nama biraa ajjeesuun nurra hin jiraatu."

Waldhabdee biyya keessatti uumamaa tureef hoggantootni mootummaa olaanoon baajata ramaduun socho'aa turan jedhe Abbaan Alangaa Federaalaa ibsa miidiyaaleef kenne kanaan.

Sababootni gurguddoon walitti bu'insa bakka garaagaraatti uumamaa turee sabummaa bu'uureffachuu fi Hoggantoota olaanoo mootummaa tokko tokkodha jedhan Daayirektarri Komunikeeshinii fi Dhimmoota Qunnamtii Uummataa Abbaa Alangaa Waliigalaa Obbo Zinaabuu Xuunuu.

Hooggantoonni bakka gara garaa kessatti nageenyi dhibuuf harka keessaa qabu

Keessumaa hoggantootni olaanoon dhimma nageenyaa keessaatti hojjetaa turan walitti bu'insaafi yakkoota raawwatan keessaa harka kan qaban akka jiran qorannoodhaan adda baasuu himan.

Waliitti bu'insa Somalee keessatti uumamee lubbuu namoota hedduu galaafatee fi kumaatamaan qe'ee irraa buqqiseefis hoggantootni naannichaa olaanoon tokko tokko bajatas ramaduun socho'aa turuu isaanii adda baasnerra jedhe.

Pirzidaantiin Naannichaa duraanoo Obbo Abdii Mohaamad Umar yakka kanaan shakkamuun to'annoo jala taa'uun dhimma isaanii hordofaa jiraachuun ni beekama.

Abbaan Alangaa ibsa isaa keessatti walitti bu'insa daangaa Benishaangulii fi Oromiyaa akkasumas Gujii fi Geediyoo keessatti uumame ilaalchisees ka'umsi sabummaa irratti xiyyeeffachuun walitti buusuu ture jedhan.

Waldhabdee naannolee kannenitti uumameenis lubbuun badee qabeenyi hedduun manca'eera.

Gareen jijjiramni biyya keessatti uumame akka itti hin fufne barbaaduu fi tokkummaan akka hin jiraanne barbaadu jira jedhanii shakkamtoota tokko tokko to'annoo jala oolchuun akka dhimma isaanii hordofan gochaa jirra jedhan.

Fulbaana darbe keessa waldhabdee Naannoo Addaa Finfinnee Buraayyuutti uumamee lubbuu namoota 37 galaafachuun namoota 4,500 ol qe'ee irraa buqqise jedhame ilaalchisees shakkamtoonni 109 adda bahuun himanni irratti dhiyaateera jedhan.

Isaan keessa himanni namoota 28 bakka isaan hin jirretti kan baname yoo tahu kan 82 ammoo bakka isaan to'atamanii jiranitti akka tahe himaniiru.

Sababa waldhabdee Burayyuudhaan qabeenyi miiliyoona 17tti tilmaamamu akka manca'e himanii sababni wal dhabde sanaas sabummaa irratti kan xiyyeeffate tahuu himuun gareen dhimma kana qabatee socho'aa tures jira jedhan.

Haatahu malee, hoggantoota ABOtu biyya galee yakka naannoo Buraayyuu akka raawwatu taasise kan jedhu irratti odeeffannoo hin qabnu jedhan.

Yakkoota garaagaraa malaamaltummaafi kanneen biroon wal qabatan ilaalchisees qorannoodhaan adda baasaa adeemuun himanni kan banamaa adeemu taha jedhan.