Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetiin Keeniyaa malaammaltummaan himatame harka kennate
Atileetiin abbaa meedaaliyaa warqee biyya Keeniyaa dhaloota hedduuf fakkeenya ta'eera jedhamu Kipchoogee Keeyinoo himannaan malaammaltummaa irratti dhiyaate poolisiif dabarsee of kenne.
Waggaa lama dura maallaqa garee Olimpikii biyyattiif ramadame akka malee qisaasuuni atileetiin beekamaan kun kan himatame.
Dura taa'aa Koree Olimpikii Keeniyaa kan ture Kipchoogeen aangoo isaatti fayyadamuun maallaqa mootummaa doolaara 25,000 baasee ilma isaa gara Olimpikii Riyootti ergeera jedhamee himatame.
Himata irratti dhiyaate boodas magaalaa Naayiroobii keessatti poolisiif dabarsee of kennee jira.
Ministira Ispoortii biyyattii kan turanifi wayita ammaa Oostiriyaatti ambaasaaddara Keeniyaa kan ta'an dhalataan Booranaa Hasan Waariyoos himata wal-fakkaataan dabarsanii poolisiif of kennanii jiru.
Namoonni lameen kun jalqaba torbee kana wayita namoonni hedduun mana murtiitti dhiyaatan osoo hin dhiyaatiin hafanii turan.