Waraana 2000 ol qabatee Eertiraa irraa biyyatti kan gale waa'ee 'TPDM' maal beektu?

Faajjii TPDM
Ibsa waa'ee suuraa, Faajjii TPDM

Waamicha karaa nagaan akka qabsaa'an mootummaan jaarmayoota siyaasaa biyya alaa turaniif dhiyeesse fudhachuun TPDM loltoota 2000 ol qabatee kaleessa gara biyyaa gale.

Dhaabni kun marii magaalaa Asmaraa keessatti Hagayya darbe mootummaa Itoophiyaa waliin taasiseen gara biyyaatti deebi'ee karaa nagaa qabsaa'uuf kan murteesse.

Akkamiin, yoom hundaa'e?

Sochiin Diimokiraatawaa Uummata Tigiraay TPDM A.L.I bara 1993 magaalaa Asmaraa keessatti hundaa'ee, waggoota 17'f deeggarsa mootummaa Eertiraan socho'aa turullee, maqaan isaa yoo dhahamu hin dhagaa'amu.

Waa'ee dhaaba kana hanga tokko kan barame Dhaabbanni Biyyoota gamtoomaniitti koreen dhimmi Eertiraafi Somaaliyaa qoratu gabaasa bara 2014 baaseen ture.

Gabaasichi mootummaan Eertiraa dambii ittiin bulmaata dhaabbaticha lakk. 1907(2009) cabsuun loltoota kanneeniif deeggarsa taasisa jedhamee himatame.

Naannoo daangaa Eertiraafi Itoophiyaa socho'aa ture kan jedhamu dhaabbatichi gabaajee maqaa afaan Tigireetiin 'Damhit' jedhamee beekama.

A.L.I bara 1993 namoota TPLF'tti mufatanii adda baahaniin kan hundaa'e yoo ta'u, hundeessaafi hogganaa olaanaa dhaabichaa kan ta'e Obbo Fissahaa Hayilamaariyaam bara 1997 sababa hin beekamneen ajjeefamee argame.

Waa'ee du'a nama kanaa hanga yoonaa wanti jedhame hin jiru.

Waraana TPDM 2000 ol gara biyyaatti deebi'an
Ibsa waa'ee suuraa, Waraana TPDM 2000 ol gara biyyaatti deebi'an

Qabsoo sirna dargii kuffisuuf gaggeesse keessatti qooda hoggansaa kan qabu namni kun, namoota TPLF'n gammoojjii keessatti ajjeefaman maqaa waliin saaxilaa ture.

Dhaabichi mootummaa diimokiraatawaa mirga sabootaafi sablammoota Itoophiyaa guutummaan guutuutti kabaju hundeessuun ergama isaa akka ta'e marsariitii isaa irratti ibseera.

Koreen DhBG gabaasa isaa keessatti akka himetti dhaabbatichi jiddu gala leenjii lama qaba ture.

Dhaabbilee hidhannoon mootummaa Itoophiyaa irratti qabsaa'an keessaa kan waraanaa hedduu qabudhas jedheera dhaabbatichi.

Dhaabbilee qawwee hidhatanii qabsaa'an keessaa kan mootummaa Eertiraa irraa deeggarsa qindaa'aafi cimaa argataa ture akka ta'es himeera.

Looltoonni dhaabbaticha amanamummaa pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiif qabanirraa kan ka'e hanga nageenya masaraa mootummaa biyyattii tiksuutti ergamni akka kennamuufis gabaasicha keessatti eerameera.

Hoggana olaanaa dhaabichaa kan ta'e namni Mollaa Asgadoom jedhamu waggoota muraasa dura loltoota 800 ol qabatee gara biyyaatti deebi'ee ture.