Waraanni warraaqsa Tigraay buufata isaa Ertiraarraa imale Zaalaambessaa gahe

Loltoonni Warraaqsa Dimookiraatawaa Ummata Tigraay buufata isaa Ertiraa irraa daangaa qaxxaamuruun Itoophiyaa seene.
Har'a waaree keessa Zaalaambessaa kan gahan yoo ta'u lakkoofsaanis kuma lamatti tilmaamamu jedhameera.
Haa ta'u malee, osoo loltoonni gara Itoophiyaatti imalani daangaa Ertiraa bakka Sagannaytii jedhamutti balaa konkolaataa isaan mudateen lubbuun namoota afur darbeera.
20 ol kan ta'anis madaa'uu isaanii gaazexessaan BBC Tigrinyaa bakka sana jiru nutti himeera.
Kunneenis hospitaala Dekemahaarii jedhamu keessatti wal'aansi kennamaafi jira.
Loltoonni kunneen konkoolaataa fe'uumsaanis deemaa akka turan beekameera.

Waamiicha nagaa mootummaan dhiheesseen looltoonni 2000 ol ta'an har'a ganama Zalaambassa galu jedhamee eegama.
Awutoobusiin looltoota kana simachuuf qophaa'anis magaalaa Zalaambassa keessatti argamu.
Dhaabni Warraaqsa Dimookiraatawaa Ummata Tigraay waggoota 17 darbanif buufata isaa Ertiraa godhachuun mootummaa mormaa turuun isaa ni yaadatama.













