Amaaraa: Naannoon Amaaraafi Sochiin Humnoota Dimokraatawa Amaaraa waliigaltee mallatteessan

Mallattoon waliigaltee har'a yoo mallataa'u

Madda suuraa, Yemane G. Meskel

Jilla garee aanga'oota Naannoo Amaaraa gara Asmaraatti qajeelee fi Sochii Humnoota Dimokratawa Amaaraa jidduutti har'a waliigalteen araaraa mallataa'u Minitirri komumikeshiinii Eertiraa beeksiise.

Ministirichi Obbo Yamaana Gabramasqal akka tiwirariin beksiisaniitti, waliigalteen mallattaa'e kunis Sochiichi karaa nagaatiin Itoophiyaa keessatti sochiilee siyaasaa akka gaggeefatuuf kan dendeessisuudha.

Jilli garee aanga'oota Naannoo Amaaraa olaanoo hammates garee siyaasaa Sochii Humnoota Dimokratawa Amaaraa kan teessoo isaa biyya Eertiraa taasifate waliin mari'achuuf kaleessa gara Asimaraatti qajeela ture.

Jilli kunis marii kana dura garee sochiichaa waliin eegale ture itti fufiinsuuf deemuun barameera.

Gareen Sochii kanaas turbaniin dura yeroo jalqabaatiif gara Itoophiyaatti imaluun marii taasisuun isaanii ni yaadatama.

Haaluma kanaanis marii marsaa lammaffaa taasisuuf jilli garee naannoo Amaaraa gara Eertiraatti imalee kunis, wayita Asmaraa qaqabeetti aanga'oota sochiichaa fi qondaaltoota motummaa Eertiraatiin simannaan taasifameefiira.

Dhabbanni Sochii Humnoota Dimokraatawa Amaaraa dhaabba waggoota sadeettan darbaniif teessuma isaa Eertiraa taasifachuun qabsoo hidhannoo taasisaa kan argamuudha.

Haa ta'u malee sochiichi haala waltajjii siyaasaa biyya keessatti umameetti fayyadamuun qabsoo nagaa gageessuuf fedhii qabaachu ibsuun isaa ni yaadatama.

Magaalaa Asmaraa

Madda suuraa, Nigusu Tilahun face book

Kanaafuu mariin tibbanaa kunis qabsoo hidhannoo Sochiichaa kan murteessu akka ta'u yaadamusaa ejansiin qunnamtii ummata Amaaraa gabaaseera.

Haaluma walfakkaatuunis imala jilli Obbo Lammaa Magarsaa pirezidaantii MNO fi Dr Warqinaa gabayyoo gara Asmaraatti taasisuun marii aanga'oota ABO waliin godheen dhaabbatichi jirasaa mariin dabalataatiif gara biyyaatti erguunsaa ni yaadatama.