Caffeen Oromiyaa muudama haaraa garaagaraa raggaasise

Caffeen Oromiyaa yaa'ii ariifachiisaa waggaa 4ffaa barahojii 5ffaa har'a ooleen muudamoota haaraa garaagaraa raggaasiseera.

Yaa'ii ariifachiisaa kanaan aadde Loomii Badhoo Af yaa'ii Caffee Oromiyaa tahuun muudamaniiru.

Yaa'icha irratti Af yaa'iin Caffee Oromiyaa duraanii Obbo Ishetuu Dassee itti gaafatamummaa hojii dabalataa waan qabaniif bakkicha irraa akka ka'an ibsameera.

Dabalataanis yaa'ichi muudamoota haaraa dabalataa biroo raggaasiseera.

Dr Girmaa Amantee sadarkaa itti aanaa pirezedaantii Oromiyaatti, itti gaafatamaa sektera Qonna Oromiyaa tahuun yommuu muudaman, Obbo Ahimed Tusaa sadarkaa wal fakkatuun itti gaafatamaa damee dinagdee tahuun muudamaniiru.

Akkasumas Aadde Xayibaa Hasan sadrkaa itti aanaa pirezedaantiitti, itti gaafatamtuu damee hawwasummaa tahuun muudamaniiru.

Obbo Dhaabaa Dabalee itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Ummamaa, Dr Milkeessaa Miidhagaa itti gaafatamaa Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafaa tahuun muudamaniiru.

Akkasumas bakka Dr Nagarii Leencoo Obbo Admaasuu Daamxoo itti gaafatamaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii tahuun muudamaniiru.

Gaazexeessaan Mahaammad Adamoo immoo daariktera OBN tahuun muudameera.

Obbo Shimallis Abdiisaa waliiti qabaa boordii OBN

Aadde Lalisee Namee, Dr Darajjee Garafaa,Obbo Admaasuu Daamxoo, Garg.Piroof. Mihiretuu Shaanqoo, Caaltuu Saanii fi Injiiner Warquu Gaachanaa miseensa boordii OBN gochuun muudeera.

Yaa'ichi dhimmota biroonis lakkoofsa biiroo naannichaa 42 irraa gara 38tti akka xiqqaatuuf murteesse.

Kana malees Caffeen labsii aangoofi itti gaafatama qaamolee hojii raawwachiiftuu Naannichaa deebisanii gurmeessuu murteessuuf ba'e raggasiseera.

Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka jedhanitti akkaataa gurmaa'ina biiroowwanii kana jijjiiruun kan barbaachiseef komii uummata hiikuudhaan akka fedhii tajaajilaafi bulchiinsa gaarii ittiin uumamuu danda'urratti milkaa'inni haa dhufuuf jecha.

Gurmaa'inni kanaan dura ture komii uummanni dhageessisu furuun hin danda'amne akka Pirezedaantichi jedhanitti.

Kan duraan ture, tajaajila saffisaafi qulqullina qabu uummataaf kennuu irratti milka'aa akka hin turre kaasanii hojiin haaromsaa jalqabamanis aanga'ootaafi hojjetoota haaromsuurra darbee kan uummatichi itti gammadu ta'uu hin dandeenye jedhan.

Kana waan ta'eefis, akkaataa kanaan dura ittiin hojjetamaa ture jijjiiruufi jijjiiramawwan dhufan itti fufsiisuudhaaf caasaafi gurmaa'insi haarawaan kun barbaachiseeras jedhan.

Gurmaa'insi haarawaa kun akkaataa irra caalaadhaan uummata bu'uura godhachuudhaan saba bal'aa bira sadarkaa gandaatti bifa hojjechuun danda'muun taasifameera.

Caasefmni haarawaa qaamolee raawwachiiftuu kun itti fayyadama humna namaafi baajataa ilaalchisee qaawwa mul'atan duuchuudhaafis ga'ee qaba jedhan Pirezedaantichi.

Caffeen muudama abbootii seeraa waliigalaan namoota 104 tahaniis raggaasiseera.