Ol-adeemtuun Somaalii nama ishee gudeeduuf yaale ajjeefte hidhaa hiikamte

Naannoo Giizaa

Madda suuraa, AFP

Ol-adeemtuun ganna 15 lammii Somaaliyaa Masrii keessatti konkolaachisaa dirqiin ishee gudeeduuf yaale ajjeeftee harka kennitee turte hidhaa gadhiifamte.

Shamarreen kun konkolaachisaa baajaajii erga ajjeeftee booda poolisiitti harka kennattee guyyoota afuriif hidhaa erga turtee booda gadhiifamte jedhaniiru miidiyaaleen Masrii.

Waajirri Abbaa Alangaa Masrii shamarreen kun yaalii miidhaa ofirraa qolachuuf gooteen namichi harkatti du'uu ragaan argameera jedhe.

Hidhaarraa haa gadhiifamtuyyuu malee qorannoon dhimma kanaa itti fufa jedhameera.

Ahram Online, akka jedhutti konkolaachisaan bajaajii ajjeefame ishee fuudhee bakka fagoo erga geessee booda dirqiin ishee gudeeduuf yaaluu shamarreen kun Poolisiitti himteetti.

Osoo isaan waldhaansoo qabduu aalbee isaatiin harki ishee miidhamuufi achiis aalbee isaatiin isa waraantee baqachuu himte.

Reeffi nama maqaan adda hin baafamne kana guyyoota 10 dura dhiyeenya magaalaa Kaayeroo magaalaa Giza jedhamtutti argame.

Dhimmi shamarree kanaa miidiyaalee hawaasaa gubbaatti dubbii ijoo erga ta'ee kan bubbule yeroo ta'u, ogeeyyiin seeraa muuxannoo qaban shamarree kana bilisa baasuuf akka ishee gargaaran waamichi dhiyaateera.

Qo'annooleen akka agarsiisanitti Masrii keessatti haleellaan saalaa baratamaa dha. Gabaasni UN bara 2013 akka agarsiisutti dubartootni 99.3% jireenya isaanii keessatti haleellaan saalaa gosa adda addaa irra gahuu gabaasaniiru.

Biyyattiin adabbii namoota haleellaa saalaa raawwatan irratti muramu cimsitus aanga'oonni garuu himatamtoota qorachuufi irratti faraduu irraaboodatti jedhuu jedhamuun qeeqamu.