Hojii Tigraayitti maallaqa daddabarsuu komishiniin hanga parsantaa 40 itti gaafatamu

Madda suuraa, Raya kobo communication office
Haati ijoollee lamaafi jiraattuu magaalaa Finfinnee kan taate, Tirhaas Haayiluu maatiishee Tigraayitti argamaniif maallaqa eerguuf guyyaa dhumaa Baankii dhaqxe hin dagattu.
Bara darbe Caamsaa keessa mootummaan federaalaa Maqalee yoo bahu, Tirhaas maatiisheetiif karaa baankii maallaqa galchaa turte.
''Akkuman hojii baheen baankii deemuun maallaqa harkakoorra ture galcheef. Gara manaa yoon deebii'u kaniin dhagahe na naasise. Maaltu uumamee jedheen bitaa natti gale. Guyyaa sanaa kaasee baankiiwwan waan cufamaniif maatiikoo bira osoo hin gahiin hafa,'' jetti.
Naannoon Tigraay erga baatii Caamsaa keessa to'annoo TPLF jala oolfamte kaasee baatiiwwan 11'f dhorkaa jalatti argamti.
Waraana naannichatti Sadaasa 2020 keessa eegaleen booda tajaajilliwwan bu'uraa baatiiwwan muraasaaf tajaajila kennuu eegalanii turan, erga mootummaan federaalaa Maqalee baheen booda guutummaatti akkuma adda citetti jiru.
Guyyaa sanattis wayita waraanni federaalaa magaalattiidhaa bahutti dhaabbileen daldalaa, waajjiraaleen mootummaafi dhaabbileen tajaajila hawaasummaa kennan kan biraa cufamuun namoonni nagaa hedduun gara manasaanii deebi'an.
Yeroo sanaa kaasees tajaajilli bilbilaa, baankii fi kaan bade hafe.
Tirhaas har'as maatiishee Maqaleetti argamaniif maallaqa ni ergiti. Garuu ammo akka kanaan duraa karaa baankiitiin miti.
Faddaalota beektuuf bilbiluun kafaltii tajaajilaa (commission) gaafatan kanfaluun ta'uu BBCtti himte.
Namoonni maallaqa fudhachuun maallaqa gara Tigraayitti ergan kunneenis, kanfaltii harka 20-40 ta'u akka gaafatan BBC namoota garaa garaa irraa odeeffateera.
Namoonni kunneenis maallaqni akka ergamuuf barbaadamu gara akkaawuntii isaanii galu kan taasisan yoo ta'u, erga kan gaheesaanii fudhataniin booda kaan ni erguuf.
Namoonni hojii akkanaa hojjatanis Finfinneedhaa kaasee, naannoo Amaaraa fi Affaar keessatti akka argaman BBC hubachu danda'eera.
Walitti dhufeenyi nama maallaqa erguu, kan fudhatuufi faddaalaa jidduu jiruus kan amantaa qofarratti hundaa'e ta'uu kanneen BBC dubbise ni himu.
Namooti bo'an hedduutu jira'
Jiraataan daangaa naannoo Amaaraafi Tigraay ta'e Nuuraddiin (maqaan kan jijjirame), faddaaloota daddabarsa maallaqaa hojjatan keessaa tokko.
Maallaqicha maatii Tigraayitti argamaniin gahuun bu'aa bahii hedduu qabaachu dubbata.
Maatiiwwan baadiyyaa Tigraay keessatti argamanis yoo maallaqni ergamuuf, miilaan sa'aa dheeraa imaluun itti kennuun gahee hojiisaanii keessa tokko akka ta'e BBCtti hime.
Namoonni maallaqicha erganis karaa namaatiin ykn bilbilaan akka isa qunnaman kan dubbatu Nuraddiin, erga hojii kana eegale kaasees gara bakkeewwan Tigraay garaa garaatti imaluufi namoota naannichatti hojii walfakkataa hojjatan waliin ta'uun maallaqicha akka kennu hima.
''Ani nama ergus ta'e kan fudhatu hin beeku. Amantaa qofaan hojjanna. Magaalota qofa osoo hintaane hanga sa'aatii saddeetii miilaa imaluun maallaqa maatii biraan gahe jiru. Haala isaanii yoon argu lubbu namootaa oolchaa akka jirru natti dhagahama,'' jedha.
Maatii Tigraay keessatti argaman tokkoof maallaqa ergu namni barbaadus, faddaalota Finfinnee hanga Affaar, Amaaraa fi Maqaleetti argamanitti bilbiluun, bakka namoonni maalaqicha fudhatan itti argaman ilaalchisuun odeeffanoo kennu qabaata.
''Nutis maqaafi waraqaa eenyummaa nama maallaqicha fudhatu ilaaluun kenninaaf. Tajaajila kennaafi jirra jedheen aman. Erga kanfalticha raawwannee boodas mirkanneessuuf viidiyoo gabaabduu waraabne nama maallaqa ergeef dabarsina. Achumaanis nagaa walii dabarsu,'' jedha Nuuraddiin.
Hojii maallaqa daddabarsuu kana keessattis kanneen kafaltii tajaajilaa hanga parsantaa 30-40 gaafatan jiraatan illeen, inni parsantaa 20 qofa akka fudhatu dubbata.
Nuraddiin kanfaltiin tajaajilaa sababii ol ka'eef yoo ibsu, maallaqni baankii bahe harka namoota ergameef hanga qaqqabuuf haala walxaxaa, balaafamaafi namoota kanfaltiin raawwatamuuf hedduun jiraachu kaasa.
''Kanfaltiin fudhannu hundi kiisi keenya hin galu. Maallaqa baankii baafnu namoota hedduuf kanfalama. Baankiidhaa yeroo tokkotti birri baayyee baasuun waan hindanda'amneef namoonni waan shaayi barbaadan jiru. Kana malees, Tigraay keessatti maallaqa baayyee qabatanii socha'un hin hayyamamu. Danqaawwan akkasillee maallaqaan keessa dabarra.''
Kana malees ''birrii kuma 10 keessaa 500 yoo nu qaqabee kaan rokkoolee daandii irratti mudatan mo'achuuf kan oolfamudha. Akkasis ta'e lubbuu nama tokko ni oolchina. Tigraayitti namoonni bo'aa jiru. Osoo maallaqa qabanuus beela'aa jiru,'' jedha Nuuraddiin haala jiru yoo ibsu.
Maallaqni kunis karaa seeraan alaatiin waan dabarfamuuf osoo qabame ni dhaalama, namoonni kana keessatti hirmaatanis hidhamu danda'u.
Torban darbe keessas, miidiyaan biyya keessaa birriin miilyoona sadii kan TPLF'f ergamuuf ture karaa kaaba Walloo-Qobbootti humnootii nageenyatiin to'atamu gabaasee ture.
Haaluma walfakkaatuun Magaalaa Saqooxaatti, ''birrii miiliyoonni shan TPLF'f ergamuuf ture,'' to'atamuufi shakkamtootni 20 to'annoo jala oolfamu bulchinsa Saba Waagihimiraatti waajjirri Nageenyaafi Tikaa beeksiiseera.
Odeeffannoowwan kanneen dhagahu kan dubbatu Nuraddiin, ''Akkas jedhamus nuti maallaqicha namootaaf ni qaqqabsiifna. Yoo hojii kana hojjannuttis maallaqni fudhatamu, nutis hidhamu akka dandeenyu ni hubanna. Namoonni beela'an ammoo jiru. Maatiiwwan hedduun maallaqichi xiqqoo ta'ulleen biraan yoo geenyu dhugaa bo'aa nu galateeffatu. Kun anaaf waan guddaadha,'' jedha.
Jiraattota maalaqasaanii fudhachuuf maallaqa kanfaluun dhukkubse
Torban darbe keessa qondaaltoota TPLF olaanoo dabalatee, bulchiitoonni godinaafi magaalaa qaamoolee hawaasaa adda addaa dubbisaa turan.
Walitajjiiwwan kanneen irrattis jiraatonni hedduun dhimmicha kan kaasan yoo ta'u, maallaqa ijoollee isaanii irraa ergamuuf fudhachuuf ammi kanfaltii raawwataa jiran akka isaan aarsu dubbatanii turan.
Jiraataan Magaalaa Maqalee tokko, ''maallaqa ijoolleen keenya qabeenyaa saanii qabsiisuufi biyya ormaatti hojjachu argatan yoo nuuf erganiitti, Allaamaaxaatti %30 itti kanfalamaa jira. Amma %40 gaheerayyu. Kanaafuu maal nyaataa? Maaloo seerri itti haa bahu,'' jechuun komii dhiyeessan.
Jiraataan biraas, ''wanti 40/60 jedhamu eegalameera. Birrii kuma 10 siif ergamee kan si qaqqabu kuma jaha qofaadha. Daldaltoonni maaliif sodaatuu? Haadha mucaa beela'e baattee jirtu TV irratti arguun kan itti hin dhagaahamne yoo ta'e, mootummaan maaliif kana hin ilaalle?'' jechuun gaafatan.
Kanaafu mootummaan namoota dhunfaa hojii kanarratti hirmaataa jiran irratti tarkaanfii akka fudhatu, marfamuun akka ka'uufi haalli tajaajilawwan hawaasaa itti argatan akka uumamuuf gaafatan.
Haata'u malee kan erguus ta'e kann fudhatu kanfaltiichatti aaranif, filmaanni ammaaf jiru kanuma waan ta'e maluma kanatti fayyadamaa jiru jedha.
Ani maallaqa kann ergu karaa Affaariin kann jedhu Samara Gabramaariyaam, dhiheenya kana kanfatii tajaajilaa %25 kanfaluun maatiif ergu dubbata.
''Maalaqa guddaas ta'e xiqqaan ergamuuf kanfaltii tajaajilaa baasaa jirra. Filmaatiwwan kaan ammoo cufaadha. Baankiin hin jiru. Kanaafuu maatiin maallaqa dhabuun beela'urra %40 ta'us kanfaluun erguu wayya. Kunis murte filmaata dhabuuti,'' jedha.
Miseensi poolisii maqaan akka hin eeramne gaafatan tokkos haalli naannicha keessa jiru cimaa ta'u dubbatu.
Hidhanni maallaqni Finfinnee kaasee hanga Waldiyaa, Affaariifi Tigraayitti ergamun kunis ''garee yakkaa'' ijaaramuun diinagdee seera qabeessa hintaane keessaa bu'aa seeraan ala argachu kiyyeefachuu socha'uudha jedha.
Haalli akkasi kunis hanqina dhiyyeessii bakka hir'inni dandeettii bulchiinsaa jiruutti kan uumamuu ta'uu kaasa.
''Fakkeenyaaf, bakka tokkoo dhiyeessii yoo dhibe kontirobaandiin ni gala. Bakka mootummaa bu'uun buu'aasaanii fudhatu. Bakka waraanaa ykn rakkoottis haalli akkasi ni mudata. Ammattis Tigraayitti waanti hunduu waan cufameef waan hundaa yakkamtootaaf kennuun hojjachiisuun baramaa ta'eera'' jedhu.
Tigraayiitti dhiyyeessiin maallaqaafi meeshaalee bu'uraa jiraachuunsaa, fedhiin ammoo guddaa ta'uun, namoonni dhunfaafi daldaltoonni hojii idileen alaa hojjatan baayyachaa jiraachu namoonni BBC'n dubbise ni himu.
Haata'u malee hoggansi Tigraayis sochiilee naannichaan alaa to'achu akka hin dandeeny dubbata.
''Kan naannicha keessa jiru ta'us, haalicha ni jajabeessuu jechuu baadhullee kun uummata fayyadaa jira waan ta'eef dhaabu hin danda'an. Kanaan alatti malaamaltummaan jiraachu mala,'' jedha.












