Shamarree Jimmaatti ijoollee tekonooloojiifi saayinsiin qaraa jirtu- Mihiret

Dhabbanni Tootaal-Inarjiis Itoophiyaa jedhamu damee hoji-uumtota bara 2022 jedhuun dargaggoota dorgomsiise warra mo'atan dhiyeenya kana beeksisee ture.

Dhaabbatichi dargaggoota yaada hojii uumuu foyyaa'aa qabu jedhu kanneen umuriin isaanii waggaa 18 hanga 35 ta'an dorgomsiisuuf waamicha kan dhiyeesse torbanoota muraasaan dura ture.

Waamicha kana hordofee dorgomtoonni 800 ol ta'an yaada hojii uumuu qabna jedhan galfachuun isaanii kan ibsa yoo ta'u kanneen keessaa 355 kan ta'an dameewwan sadiidhaan dorgommiif dhiyaataii turan.

Dameewwan kunneen sadan pirojektii hojii uumuu filatamaa, dubartii hojii uumuun filatamtuu taateefi hojii uumuu waggaa sadii keessatti milkaa'uun filatamaa ta'e kanneen jedhamanitti qoodamanii ture.

Qopheessitoonni dorgommichaa 15 warra xumura boqonnaa dorgommichaatti darban filachuudhaan hojiiwwan kalaqaa akka dhiyeessan taasisan.

Haala kanaan, damee dubartii hojii uumuun filatamte ta'uun Mihiret Yilmaa filatamuun badhaafamteetti.

Hojii uumuun kan badhaafame Mihiret eenyu?

Mihiret Yilmaa jedhamti. Yunivarsiitii Jimma irraa Baayoomedikaal Injinaringiitiin digirii ishee jalqabaa argatteetti.

Ameerikaatti kan argamu Ayowaa Yunivarsiitii irraa ammoo Biizinasiin, Hojii uumuun, dame gaggeessummaatiin barnoota ishee xumururuun eebbifamuu dubbatti.

Waggaa lama dura ammoo hiriyyoota ishee waliin ta'uudhaan dhaabbata Daayinaamoo Senter foor Tekinooloojii jedhamu magaalaa Jimmaatti hundeessuu BBC'f ibsiteetti.

Wiirtuun kun magaalaa Jimmaa keessatti qofa xiyyeeffannaa gochuun hojjechaa jira.

Mihiret fi hiriyyoonni ishee yeroo barnoota isaanii hordofaa turanitti wanti hubatan, dhaabbata kana akka hundeessan sababii isaan kakaasan akka ta'an dubbatti.

Wayita turtii isaanii yunivarsiitii kanatti yaadi-rimee barnoota isaanii gara hojiitti jijjiiruu irratti rakkoo jiru hubachuu isaaniitiin kana furuudhaaf yaadnee dhaabbata kana hundeessine jetti.

Dhaabbileen barnoota olaanoo keessa wayita turanitti waan baratan gara hojiitti jijjiiruudhaaf muummeewwan banaman jiraatanillee "hanqina qabu" jetti.

Sababii kanaaf, dargaggoonni yunivarsiitiirraa eebbifaman beekumsa sadarkaa yaad-rimeetti sirriitti hubatanillee yaada qaban gara hojiitti jijjiiruu irratti garuu wanti isaan hafu akka jiru isheefi hiriyyoonni ishee hubataniiru.

Dabalataanis, barattoota sadarkaa tokkoffaa irraa jalqabee beekumsa Saayinsii, Tekinooloojii, Injiinaringiifi Herregaan qaramaa guddachuu qabu yaada jedhu qabataniiru.

Ijoolleen ol-adeemoo kun yeroo gara dhaabbileen barnootaa olaanoo yeroo galanitti ogummaa kan qaban, yaada qaban gara hojiitti jijjiiruudhaaf humnaafi jabinni kan isaanitti hin hir'anne lammilee ga'ooman akka isaan taasisu dubbatti.

Yaada kana hiriyyoota ishee waliin taatee yeroo jalqabdutti, giddu-galeessa isaaniiti dhufanii barachuu warri barbaadan sadarkaa umuriifi barnootaa kam keessayyu kan jiran simachuudhaaf itti yaadaniiru.

Kanarraa kan ka'een yeroo ammaa barattoota sadarkaa tokkoffaa irraa kaasee hanga barattoota yunivarsiitiitti wiirtuu isaanii kanatti argamuudhaan beekumsaafi ogummaa argachaa kan jiran ta'uu ibsiti Mihiret.

Isheefi hiriyyoonni ishee barattoota beekumsaafi ogummaa isaanii gabbisuu kan dandeessisu 'Laabii' hundeessuudhaaf maallaqa barbaaduun dhimma harkaa qaban keessaa tokko ture.

Kutaan itti ogummaa gabbisuuf hundeessan haala gahaa ta'een meeshaaleen barbaachisaniin akka guutamu taasisuudhaaf maallaqaaf harka firaa ilaaluu, liqaa gaafachuufi beesee yeroo gara garaa argataniifi qusatan akka fayyadamuu qabanillee isaan taasisee ture.

Isaan booda ijoolleen haala salpha ata'een elektirooniksii akka hubatanitti, barnoota bilbila mobaayilaafi viidiyoowwaniifi sagaleetiin qophaa'een deegaramanii barachaa, bashannanaa barachaa akka waraabanillee turtii BBC waliin taasifteen ibsiteetti Mihiret.

Barnootaafi wantota ittiin barsiisan waraaban kanas manneen barnootaa gara garaa keessatti erga sakata'insa taasisaniifiif booda kan ittiin barsiisanis akkaataadhuma sanaan gurmeeffachuu isanii itti dabaluun dubbatti.

Barattoonni kunneen yeroo gara isaanii dhufanitti Afaan oromoofi Amaariffaan akka baratan taasisuun kan ittiin barsiisan qopheessaniiru.

Wiirtuu isaanii kana keessattis yeroo barnoota kennanittis sadarkaa umuriifi barnootaatiin addaan qoodanii leenjisu.

Barattoota Daayinaamoo Senter foor Tekinooloojii

Wiituun kun giddu-gala isaa magaalaa Jimmaa godhatee ijoollee ol-adeemoo Saayinsiitti dhiyoo akka ta'an gochuuf cimee hojjechaa jira.

tekinooloojii, Injiinaringiifi Herrega barsiisa. Qorannoowwaniifi kalaqawwan xixiqqaa ammoo akka fedhii fedhiifi bifa isaanitti toluun gargaara.

Wiirtuun kun adda-durummaan Roobootiksiitiin, Elektirooniksiitiin, akkasumas Pirogiraamingiitiin barattoota leenjisa.

Wiirtuun liqaa maallaqaa maatii irraa walitti sassabameen hundeeffame kun yeroo ammaa kana ogeessota 12 qacaree hojjechiisaa jira.

Barattoota gara wiirtuu kanaa dhufanii barsiisanis kafaltaa madaalawaa ta'e kaffalchiisu.

Barattoonni wanta yaadaan baratan ilaalanii qaqqabaa akka baratan gochuu kan isaan dandeessisu ijoolleedhaaf kan ta'u meeshaa dijiitaalaa ittiin barsiisan salphaa qopheessuu isaaniis Mihiret ni dubbatti.

Meeshaan dijitaalaa ittiin barsiisan kun ammoo baratoota kan madaaludhamoo kan hin madaalledha kan jedhu ammoo osoo gara hojiitti hin seeniin dura manneen barnootaa gara garaa keessaattiifi barattoota irratti sakatta'insa taasisuu isaaniis ni eerti.

Keessumaa Pirograamingii ulfaataa jedhanii hedduun akka yaadan kan himtu Mihiret, barattoonni isaanii garuu karaa salphaa ta'eefi isaan bashannansiisuun akka barsiisan ibsiti.

Ijoolleen kunneen pirogiraamingii yeroo baratanitti geemiiwwaniifi roobootiiwwan akkam godhanii gabbisuu akkaataa danda'an irratti bashannannaafi dandeettii waa kalaquu isaanii gabbifataa baratu jetti.

Wiirtuu isanii kana keessatti hojiiwwan kalaqaa gara garaas akka gabbisan kan dubbattu Mihiret, qonnaan-bultoota lafa xiqqaa irratti midhaan omishaniif kan oolu tiraakteera hojjetan akka qabanillee BBCtti himteetti.

Qonaan-bultoonni lafa xiqqaa irrratti omishan omishtummaan isaan akka dabaluuf gargaaruudhaaf tiraakteera dandeessisu hojjechuudhaan Yunivarsiitii Jimmaa waliin ta'uudhaan gara hojiitti galuudhaaf haala nu dandeessisa jedhan irratti qorachaa jiraachuus ibsiti.

Daayinaamoo Senter foor Tekinooloojiin hanga ammaa barattoota marsaa lamaan barsiise 1,180 eebbisiisuu isaa Mihiret ni dubbatti.

Barattoota marsaa lamaffaa yeroo eebbisiisanittis agarsiisa tekinooloojiifi festivaala qopheessuudhaan hawaasa Yunivarsiitii Jimmaafi jiraattota magaalaatiif dhiyeessaniiru.

Haaluma kanaan geemiiwan, roobootiiwwaniifi pirojektiiwwan biroo wiirtuu kana keessatti hojjetaman agarsiisaaf dhiyeessaniiru.

Barattoonni kunneen saatii barnoota idileetiin alatti barnota kana akka argatan gochaa akka turan kan addeessitu Mihiret, weerara koronaavaayirasii hordofee barnoonni yeroo addaan cite ammoo lakkoofsa barattootaa hir'isnee saatiidhaan qoqqooduudhaan barsiisaa turuu kaasti.

Weebsayit develooppiment, saayibar sekiwuriitii, pirogiramingii, giraafiksi dizaayinii kaneen jedhaman yunivarsiitii irraa eebbifamanii ogummaa isaa qabaachuu warra barbaadan akka argatan kan isaan barsiisanidha.

Gara ijoolleen jiran deemuu

Mihiret barattoonni manneen barnootaa mootummaattis ta'e kan dhuunfaatti baratan gara wiirtuu isaanii osoo hin dhufiin beekumsa tekinooloojiifi ogummaa isaanii akka gabbifatan gochuuf karoora qopheessanii hojiitti seenuu isaaniis ni dubbatti.

Kanas magaala aJimmaa keessatti argaman manneen barnootaa mootummaafi dhuunfaa ja'a waliin dubbachuudhaan hojjechaa akka jiran turtii BBC waliin taasfiteen ibsiteetti Mihiret.

Keessattu umanneen barnootaa sadii waliin dubbachuudhaan manneen barnootaa kanneen keessatti laaboraatoorii tkinooloojii hundeessuudhaan beekumsa dabarsuu akka jalaqabaniiru kaasti.

Barattoonni manneen barnootaa filataman kanneen keessa jiranis barnoota idilee isaanii cinaatti dabaree barnootaa tekinooloojii akka qabaatan gochuudhaan gara laaboraatoorii dhufuudhaan hojii beekumsa bu'uuraa isaanii akka cimsatan gochuu jalqabneerra.

Barumsichi barsiisota wiirtuu kanaatiin akka kennamus kan dubbattu Mihiret, waa'ee saayinsii hawaa, waa'ee tekinooloojii, waa'ee roobootiksii, akkasumas waa'ee pirogiraamingii akka isaan barsiisan himti.

Kana gochuudhaan ammoo gara wiirtuu isaanii dhufanii ijoollee barachuu hin dandeenye bira gahuudhaan carraa barachuu akka argatan taasisuun bakka caalaa bal'aa qaqqabuu isaaniillee ibsite.

"Barattoonni kiyya ana mataa kiyyallee na ajaa'ibu," kan jettu Mihiret, yeroo leenjii rakkoo adda baasuufi leenjii hojii uumuu jedhu waliin waan fudhataniif beekusma barumsaan argatan gara hojiitti jijjiiruudhaaf rakkoo naannawaa isaanii jiru ilaalanii yaada furmaataa akka maddisiisan isaan gargaaruullee dubbatti.

Barnoota argatan kana fayyadamuudhaan tuttuqqaa harkaa irraa bilisa kan ta'eefi sadarkaa qulqullinaa barbaadamu bifa eegeen maashina buna fellu ijoolleen hojjetan, konkolaachiftoonni halkan konkolaataa oofan akka hirribni isaani hin dagneef kan isaan gargaaruufi libsuuwwan ijaa lakkaa'uudhaan bilbula nama dammaqsu 'manatsarii' dhageessisu barattoota hojjetan akka qabanis dubbatti Mihiret.

Ijoolleen humna guddaa of keessaa qabu kan jettu Mihiret, gara fuula duraatti gara Finfinnee dhufuudhaan dameewwan banuudhaaf yaada akka qabdullee ni dubbatti.

Mihiret dorgommii Tootaal-inarjii qopheesse irratti mo'achuudhaan Birroo uma 370 badhaasaan argatteetti.

Kanarratti dabalataan, hojii isaanii haala gahumsa qabuun hojjechuu kan isaan dandeessisu leenjii akka rgatanis ibsiteetti.

Torbanoota itti aananitti ammoo dorgomtoota biyyoota Afrikaa 32 ta;an keessaa babba'aniifi dorgommii Tootaal-inarjii mo'atan waliin morkachuudhaaf Itoophiyaa bakka buutee gara Firaasnitti qajeelti.