Sudaan Kibbaa yeroo jalqabaaf riqicha dhaabbataa Laga Abbayyaa irratti ijaarratte

Rqicha haaraa Sudaan Kibbaa Laga Abbayaa irratti ijaarratte, Caamsaa 19, 2022

Madda suuraa, Nicholas

Sudaan Kibbaa riqicha dhaabbataa kan jalqabaati jedhame Laga Abbayyaa irratti ijaarratte.

Riqichi dhaabbataa Laga Abayyaa irratti biyyattiin ijaarratte kun Caamsaa 19 yeroo eebbifametti namoonni gurmuudhaan irra ce'aa gammachuu isaanii yeroo ibsatanis argameera.

Riqchi maqaan 'Freedom Bridge' jedhamu moggaafameef kun meetira 560 dalga kan dheeratu yoo ta'u, qarqara magaalaa guddoo Sudaan Kibbaa, Juubaatti argama.

Riqichi Laga Abayyaa irratti biyyattiin ijaarte kun gargaarsa maallaqaa mootummaa Jappaan irraa argameenidha.

Ijaarsi riqicha kanaa kan jalqabe bara 2013 keessa yoo ta'u, sababiiwwan wal waraansa biyyattii keessatti mudateefi weerara koronaavaayirasii uumemeen si'a hedduu ijaarsi isaa dhaabbatee ture.

Riqichi duraan ture cabuu kan danda'uufi kan sosocho'ullee waan ta'eef yeroo tokko tokko namoota warra lafoo ta'aniifiyyu ce'uudhaaf baayyee sodaatama ture.

Kamisa kaleessaa yeroo riqichi kun eebbifamee banamutti kaadhimamamaan pirezidaantii Keenyaafi ergamaan bu'uuraalee misoomaa Gamtaa Afrikaa 9AU) kan ta'an Raayilaa Odingaa, akkasumas gaggeessaan ejensii Gargaarsaa Idil-addunyaa Jappaan Tanaakaa Akihiikoo argamaniiru.

Eebba riqichaa kana irratti pirezidantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir namoota walitti qabamanitti dubbii dubbataniin, "Freedom Bridge2 mallattoo hariiroofiu michummaa bara dheeraafi irraa hin darbne ummata Jappaaniifi Sudaan Kibbaati jedhan.

Riqichi kun muddama tiraafikaa magaalaa Jubaa kan salphaa taasisuufi daldala ammo saffisiisudha jedhamee abdatama.

Lagni Abbayaa maddi ykn burqaan isaa Itoophiyaa keessaa yoo ta'u, harka dhibba keessaa 85 kan Itoophiyaa keessaa bahutu gumaacha.

Lagni kun Itoophiyaan alatti maqaa Naayil jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kiiloomeetira 6,853 deemuun addunyaa irratti dheerinaan tokkoffaadha.

Langi Abayaa kun biyyoota Afrikaa kudha tokko keessa darba. Isaanis: Itoophiyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa Tanzaaniyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa, Buruundii, Dimokiraatawaa Rippabilika Koongoo, Ertiraa, akkasumas Masiriidha.