Afgaanistaan: Mana barnootaa “iccitii” shamarranii Afgaan keessaa beektuu?

Mandara mana jireenyaa Afgaanistaan tokko keessa dhokatee, manni barnoota “iccitii” haaraa jira – kun gocha mormii xiqqoo garuu cimaa Taaliban irratti taasifamedha.

Barattooti dubaraa muraasi barnoota herregaa kutaa keessatti hordofaa jiru.

“Dorsiisa jiru beekna, nutis waa’ee isaanii ni yaaddoofna,” jechuun barsiistuun tokko BBC’tti himteetti, garuu jetti, barnoonni dubaraa “dorsiisa kamiyyu” ni caala.

Bulchiinsota muraasa irraa kan hafe biyyattii guututti, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa shamarranii Taalibaniin cufamanii jiru.

“Wanta kana dhoksaan hojjechuuf cimsinee hojjechaa jirra,” jetti barsiistuun kun, “ta’us garuu utuuma na reebaniiyyu, utuuma to’annoo jala na olchaniiyyu, rakkoo hin qabu.”

Bitootessa keessa, manni barnoota shamarranii waan deebi’ee banamu fakkaate ture. Ta’us garuu barattoonni mana barumsaatti deemuu erga eegalanii gara sa’aatii muraasa booda, bulchiinsi Taaliban deebisanii geeddaru beeksisani.

Barattoonni mana barnootaa iccitii kanaa ammoo, kan hedduun isaanii kan shamarran saafelaa ta’an, miidhaan isaa ammayyuu haaraadha.

“Amma ji’a lama ta’era, ammayyuu manni barnootaa hin baramne,” jechuun barattuun ganna 19 BBC’tti himteetti. “Baayyee na gaddisiisa,” jechuun imimmaan ishee qabaa himti.

Ta’us garuu miirri mormiis jira.

Barattuun ganna 15 biraa ammoo “Jabduu ta’aa, yoo jabduu taatan eenyuyyu isin hin dhaabu,” jechuun shamarran Afgaan biroof ergaa dabarsite.

Manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa dubartootaa bulchiinsa Taalibaan jalatti deebi’anii banamaniiru. Baadiyyaawwan biyyatti keessatti nageenyii waan fooyya’aa jiruuf, lakkoofsi barattootaalle argameera, ta’us garuu barattoota umurii 13 oliif garuu yoom akka manni barnootaa deebi’ee banamu hin beekamu.

Taalibaan jalqaba “nannoon Islaamummaa” uumamu qaba jedha, ta’us manneen barnoota durumaanuu korniyaan gargar ba’anii waan turaniif, eenyuyyu kun maal jechuu akka ta’e hin beeku.

Anga’ooti Taalibaan irra daddeebiin ifatti mannee n barnoota daburaa akka deebi’anii banaman himanii turani, ta’us garuu barnoota dubaraa dhimmaa “miira qabeessa” akka isaanif ta’es ibsaniiru. Yeroo bara 1990’n keessa yeroo Taaliban aangoorra turan, dubartoonni hundi mana barnoota irraa dhorkamanii turani, sababa “yaaddoo nageenyaa” jedhuun.

Amma, maddileen hedduu akka BBC’tti himanitti, ammayyuu anga’ooti olaanoo Taalibaan yaada kana kan deeggaran fakkaata.

Dhoksaatti, miseensoti Taaliban biroon murtee mana barnoota kunneen deebisanii banuu irratti akka gaddan ibsaniiru. Ministeerri Barnootaa Taaliban yeroo bulchinsichi Bitootessa keessa murtee kana dabarse akkuma namoota kaanii kan rifatan fakkaata.

Anga’ootii Taalibaan olaanoo tokko tokko ammo ijoollee isaanii dubaraa barnootaaf gara Qataarii fi Paakistaanitti akka ergan himama.

Torbanoota dhiyoo keessatti, hayyuleen amantaa kan Taalibaan waliin hidhata qaban hedduun, barreessaa fi barsiisa amantaa mirga barnoota shamarranii deeggaru himaa turani.

Sheek Rahimullaa Haqqanii, Afgaan keessa kan jiraatu, “seera Shariyaa keessa barnooti dubarootaa hin eeyyamamu kan jedhu wanti deeggaru hin jiru. Wanti deeggaru tokkoyyu hin jiru,” jechuun BBC’tti himaniiru.

“Kitaabotni mantaa hundi barnoota dubartootaa akka eeyyamamaa fi barbaachisaa ta’e ibsu, sababiin isaa fakkenyaaf, yoo dubartiin tokko dhukkubsatte wal’aansa barbaadde, naannoo Islaamummaa akka Afgaanistaan fi Paakistaanitti, yoo dooktara dubaraan wal’aanamte wayya.”

Anga’ooti Lixaa, gama isaaniis, mirgi dubartootaa foyya’uun isaa Taalibaan akka maallaqa doolaara biiliyoonaan lakka’aman qabaman gadhisiisuuf waan furtuu ijoo akka ta’e ibsaniiru.

Rogeessonni mirga dubartootaa Afgaan ammo dhalootni dubartootaa duubatti akka hin hafneef yaalaa jiru.

Mana barnoota iccitii BBC’n daawwatetti, guyyatti kan barnoota gaggeessan sa’atii tokko fi lamaaf yoo ta’u, barnoota herregaa, baayolojii, keemitirii fi fiiziksii irratti xiyyeeffatu.

Barsiistuun kana hoggantu akka shamarrran hedduu mana barnoota kana seenuu fedhan akka jiran beekti, ta’us garuu sababa hanqina iddoo fi meeshaaleen, akkasumas iccitiin isaanii akka hin baramneef jecha simachuu hin dandeenye.

Manni barnootaa idilee dhiyootti deebi’ee ni banama kan jedhu irratti abdii hin qabdu, ta’us garuu waan dandeessu gochuuf kutatteetti.

“Akka dubartii baratteetti, itti gaafatamummaakoodha,” jechuun BBC’tti himteetti. “Barnootni dukkana kana keessaa nu olchuu danda’a.”