Pirezidantiin US Joo Baayidan loltoonni Ameerikaa Somaaliyaatti deebii'anii akka bobba'aniif murteessan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidant Baayidan loltoonni Ameerikaa deebi'anii Somaaliyaatti akka bobbaafaman murteessuu aangawoonni Ameerikaa himan.
Murteen kun murtee kana dura Pirezidantiin duraanii Donaald Tiraamp loltoota Ameerikaa 700 Somaaliyaa keessaa akka bahan bara 2020 murteessan ni jijjiira.
Murteen US kun kan dhagahame Somaaliyaan Pirezidantii haaraa erga filattee boodadha.
Pirezidantiin Somaaliyaa haaraa Hasan Sheek Mohaammud gaafa Wiixataa michuuwwan biyyattii idil-addunyaa waliin akka dalagan himaniiru.
Sababa hidhattoota al-Shabaabin Somaaliyaan akkaan hubamte. Ammallee gareen kuni bakkeewwan to'ate keessaa qaraxa ni funaana.
Kana dura Donaald Tiraamp loltoonni Ameerikaa Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan yeroo murteessan hedduun yaaddoo ibsanii turan.
Loltoota Ameerikaa waliin biyyoota Gamtaa Afrikaa jalaa nagaa kabachiiftonni 19,000 Somaaliyaa keessa jiru.
Marsaa ammaan loltoonni Ameerikaa 500 caalan akka bobbaafaman Dubbii Himtuun Mana Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa US Aadde Adiriyeen Waatsan himaniiru.
Ibsi mootummaa US, murtee kana dura bulchiinsi Donaald Tiraamp fudhate ''jarjarsuu'' jechuun qeqeera.
''Bakkatti akka deebifaman murteen murtaa'e gahuumsaafi milkaa'ina humnoota keenya guddisuufi,'' jechuun Dubbii Himtuun kuni dubbachuu isaanii Niiw Yoork Taayims gabaaseera.
Aadde Adiriyeen Waatsan dabaluunis, ''michoota keenyaaf deeggarsa dabalataa taasisuufi,'' jedhan.
Akka qondaala kanaatti, loltoonni Ameerikaa deebi'uun isaanii lola al-Shabaab irratti baname ni cimsa.
Filannoo morkin itti baay'ateen Pirezidantiin duraanii biyyattii Hasan Sheek Mohaammud pirezidantii haaraa Somaaliyaa ta'uun gaafa Dilbataa filatamaniiru.
Hojiin cimaan pirezidantichaa Somaaliyaa harka caalu qabatee kan jiru al-Shabaab irraa deebisee lafa to'achuudha.
Garee al-Qaeda waliin hidhata qaba kan jedhamu al-Shabaab biyyattii gara caalu qabatee kan jiru yoo ta'u, irra deddeebiinis magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishoofi kaanirratti haleellaa gaggeessa.
Somaaliyaatti buufatee mootummaa Somaaliyaa kan lolaa jiru al-Shabaab ammallee yaaddoo Somaaliyaafi biyyoota Baha Afrikaa birooti.
Dhihoomallee nagaa kabachiistota Gamtaa Afrikaa jala loltoota Burundiirratti haleellaa raawwatee ture.
Torban muraasa dura Itoophiyaan miseensota al-Shabaab Magaalaa Finfinnee fi kutaalee Itoophiyaa adda addaatti haleellaa raawwachuuf socho'aa turan jedhamuun shakkaman to'achuu himteetti.


















