Ajjeechaa Bufaaloo: Hidhataan Ameerikaa namoota gur'aacha ta'an adda baasee ajjeese - Kantiibaa

Hidhataa Amerikaa

Madda suuraa, ERIE CO DA

Kutaa bulchiinsa Niiwu Yoork magaalaa Bufaaloo keessatti hidhataan lammii Ameerikaa adii ta'e bakka gabaa warri gur'aacha ta'an itti baayyyatan seenuudhaan haleellaa raawwachuun himame.

Namoota 10 ajjeeseera kan jedhamuun shakkame dargaggeessi umuriin isaa waggaa 18 ta'e Peeyitan Gendiroon kiiloomeetira 320 qaxxaamuree dhufee haleellaa raawwaachuu poolisiin beeksise.

Haleellaan kun jibba sanyii irraa ka'uun kan raawwatame ta'uu danda'a jedhamee qorannoon gaggeeffamaa jira.

Kantiibaan magaalaa Bufaaloo Baayiran Biraawun, "hanga danda'e lubbuu warra gur'aachaa balleessuudhaaf dhufe," jedhan.

Shakkamaan kun bakka eegumsi taasifamutti akkamiin salphaatti haleellaa raawwachuu danda'e jechuun namoonni hedduun gaafachaa jiru.

Namni kun Waxabajji darbe mana-barumsaa tokko keessatti haleellaan raawwadha jechuun akka dhaadataa ture pooolisiin tokko Asooshiyeetid Piresitti himeera.

Dhaadannoo isaa kana hordofees qorannoon fayyaa sammuu akka taasifameefis dhaga'ameera.

Namni kun 'faashistii' fi ol aantummaa warra aditti kan amanu akka ta'e kan agarsiisu "Maanifestoo" fuula 180 ta'u akka qabus dhaga'ameera.

"Wanta namoonni waa'ee namicha kanaa beekan baruun barbaada," jedhan bulchaan Niiwu Yoork Keetii Hochiil dubbii buufata TV ABC waliin taasisaniin.

Poolisiin akka ibsetti, namichi kun haleellaa osoo hin raawwatiin guyyaa tokko dura naannawaa sana caqasaa tureera.

Abbaan alangaa Niiwu Yoork Latiishiyaa Jams, waajirri isaanii barreeffamoota finxaalessummaa marsariitiirra jiran irratti xiyyeeffannoo akka taasisu dubbateera.

"Kun nama guyyaa guyyaan jibba sooramaa tureefi seexanno mo'amee haleellaa raawwatedha," jedhan abbaan alangaa kun.

Haleellaan kun jiraattota naannawaa sanaallee akkaan naasiseera.

Namoota 13 rasasaan dhahaman keessaa 11 gur'aachotadha.

Haleellaa Bufaaloo kanaan dura Kiraayist-Charch, Piitersibergiifi El Paasoo bakkawwan jedhamanitti akkuma kana haleellaawwan jibba sanyiirratti hundaa'an raawwatamaniiru.

Akkuma haleellaa sanyii irratti hundaa'an kanaan dura raawwatamanii namni Bufaalootti haleellaa raawwate kun gocha isaa kana kallattiin marsariitii irratti dabarseera.

"Maanifestoo" namichi maxxanse ammoo lakkoofsa ragaa hin qabneefi shiraan kan guutamedha jedhameera.

Maanifestoon namicha ol aantummaa warra adiitti amanu kanaa jechoota sanyummafi farra warra Seemiitiin kan guutamedha.

Shakkamaan umuriin isaa waggaa 18 ta'e kun wayita Covid keessa marsariitiiwwan finxaalessummaa baballisan daawwachuun ejjennoo finxaalessummaa tarkaanfachiisuu akka jalqabe himameera.

Uffata danbii loltummaa uffachuun meeshaa hidhatee gara suppar-maarketii Fireendilii jedhamu kan seene shakkamaan kun, haleellaa kana kallattiin dabarsuu kan eegale Sanbata waaree booda naannoo 8:30 irraa kaasee ture.

Waardiyaan Suppar-maarketichaa shakkamaa kanatti dhukaasee turellee uffata rasaasa ittisu waan uffatee tureef al takkaa qofa kan rukkatame.

Shakkamaan kun waardiyaa erga ajjeeseen booda gara gabaa sanaa seenuun nama argate mara irratti rasaasa roobse.

Namni kun haleellichaan booda to'annoo jala oolfamullee, haleellaa kana hin raawwanne jechuun waakkateera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan qorannoon xumuramuu baatullee haleellaa nama sanyii leellisu kanaa nan balaaleffadha jedhaniiru.