Poolisiin mana sirreessaafi sirreeffamaan US miliqan 'walitti dhufeenya addaa' qabu ture jedhame

Madda suuraa, Lauderdale County Sheriff's Office
Ameerikaa Alaabaamaatti sirreeffamaa miliqeefi qondaala akka miliquuf gargaaru shakkamte jidduu ''walitti dhufeenyi addaa'' jiraachuu qorattoonni himan.
Ibsi qondaala Alaabaamaa kennaniin, dhugaan kunis sirreeffamtoota waahillan namticha miliqee, Keesi Waayit, irraa mirkanneefame.
Poolisiin namticha ajjeechaan shakkamee murtee eeggataa tureefi qondaala poolisii kan taate Viikii Waayitaa adamsaa jira.
Shakkamaan miliqe nama waggaa 38 yoo ta'u, qondaalli poolisii gargaaruun shakkamte ammoo dubartii waggaa 56ti.
Jarri lamaanuu kan badanis osoo poolisittiin shakkamaa gara qorannoo sammuu geessaa turtetti.
Haata'u malee, walitti dhufeenyi jara lamaan jidduu maal akka ta'e polisiin ifa hin gone.
'Omaa hin dhabu'
Guyyaa Jimaataa gaafa jarri lamaan badan qondaala poolisii kanaaf guyyaa hojii dhumaa ture.
Dhiheenya kanas manashee gurguuruun yeroo baayyee bashannana irratti dabarsuu akka barbaaddu hiriiyaatti himtee turte.
Amma poolisiin Aadde Waayitii erga adeemsa mana sirressaa cabsuun qofaashee fuutee baateen booda shakkamaan akka miliquuf gargaaruu shakkeera.
''Qorattoonni odeeffannoo sirreeffamtoota Jidduugala Mana Sirreessaa Kaawuntii Laawunderdaal irraa argateen qondaala poolisii Waayitiifi shakkamaa Keesii Waayitii jidduu walitti dhufeenyii addaa akka ture odeeffannoo argateera,'' jechuun ibse Ajajaan Riik Singleton ibsa Kibxata kenneen.
"Walitti dhufeenyi sun amma karaa qorannoo madda walabaa keenyaafi kan biraatiin mirkanaa'eera'' jedhan.
Waa'ee isaanii maaltu beekama?
Aanga'oonni poolisiin kun sirreeffamichi akka miliquuf gargaaruu ykn humnaan sirreeffamichaan butamuu ishee qorataa jiru.
Maqaan abbaa isaanii wal yoo fakkaateellee, jarri kun firummaa hin qaban jedhame.
Keesii Waayit akka ''balaafamaafi hidhataatti'' ilaalamaa jira sababii qawwee qondaaltittiin qabattee turte irraa fudhachuu danda'uf.
Qondaalli poolisii Kaawuntii Laawundardaale, Riik Singleton gaazexessitootatti akka dubbateetti, poolisiin kun mana hidhaatii sirreeffamaa waliin kan baate ganama keessaa gara sa'aatii 09:30. Sirreeffamaa qorannoo fayyaa sammuutiif mana murtiitti akka geessitu waahillan isheetti himtee turte.
Erga isa achitti buuste boodas waan dhukkubaa jiruuf walllaanamu akka barbaaddu poolisiin kun himtee turte.
Haata'u malee gara sa'aatii 5'tti konkolaataan ishee lafa jiddugala gabaatti dhaabbate argame.
Sa'aa booda 9:30'tti ammoo qondaaltoonni sirreeffamichi gara mana sirreessaatti akka hin deebiine fi poolisii kanas omtuu argachuu akka hin dandeenye hubatan.
Tajaajilli Maarshaalii US nama shakkamaa kana deebiisanii to'achuufi bakka Viikii Waayitii jirtu odeeffanoo kenneef badhaasa hanga $10,000 (£7,950) akka kennu beeksise.
''Kaaseey Waayit qondaala mana sirreessaafi ummataaf yaaddoo cimaa akka ta'e amanama,'' jedha ibsi Maarshaalii US Maartii Keelii kennan irratti.
'Hojjattuu fakkeenya gaarii'
Qondaali poolisii Singletan akka jedhaniitti, qondaalli poolisii Viikiin waggoota 25 darbaniif qajeelcha keessa hojjataa turte. Isheen itti aantuu daarektoreetii sirreessaa fi walakkaan mijeessuu geejiba mana sirreessaa keessatti gahee qabdi turte.
Ofii isheetiin sirreeffamicha mana murtiitti geessuuf murteessuun imaammata kan faalleessuudha jedha. Namni yakka cimaa akkasitiin himatame silaa poolisoota lamaan dabaalamaa tures jedhan.
''Kanan isinitti himuu danda'u hojjataan waajiricha keessaa hundi kun mudachuufi bakka isheen buute dhabamuutti nahee jira.''
Viikiin waggoota hedduuf hojjattuu beekamtuufi ''hojjatuu fakkeenya gaarii'' turte jedhe.
Kanaafuu osoo dogongora hojjatee jirti hin jenneen dura ragaa qabatamaa barbaadnas jedha qondaalli poolisii kun.
''Akka inni miliquuf gargaartee? Kunis ta'uu ni danda'a. Akka kallattii qorannoo tokkootti kanas ni ilaalla. Tarii daandiirratti butamtee? Fedhii ishee malee fudhatamte? Kunis kallattii gara biraa qorannudha.''
"Sirreeffamicha waan beeknuuf, haala kamuu keessatti balaa keessa akka jirtuun yaada,'' jedhee qondaalli kun.

Madda suuraa, Lauderdale County Sheriff's Office
Himannaa ajjeechaa
Sirreeffamaan umuuriinsaa waggaa 38 ta'e Obboo Casey White Fulbaana 2020 ture erga nama waggaa 58 Koonee Ridgeeway jedhamu waraaneen booda himannaa ajjeechaan kan himatame, akka Tajaajila Maarshaal US jedhutti.
Ejensiin seera raawwachisaa federaalaa US kun akka jedhutti, bara 2015 keessas yakkawwan garaa garaa kan akka konkolaataa hatuu, poolisoota ari'achuufi hannaan hiidhaarra ture.
Namni kun wayita miliqeetti yakka ajjeechaa raawwachuu amanuudhaan murtee eeggataa jiraachuu aanga'oonni himan.













