Nagaa eegsistoonni UN dhalattoota Tigraay ta'an gara Itoophiyaa hin deebinu jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Nagaa eegsistoonni UN dhalattoota Tigraay dhibbaan lakkaa'aman sodaa nageenyaaf jecha Sudaan irraa gara Itoophiyaa hin deebinu jedhan
Nagaa kabachiistoonni kunniin Abiyee kan bobbaafamanii turanidha - Abiyeen naannoo walfalmisiisaa daangaa Sudaan fi Sudaan Kibbaatti argamudha.
Hariiroon Itoophiyaafi Sudaan sababa waldhabdee daangaafi hidha guddichaa laga Abbayyaarratti ijaaramuun walqabatee gaafa hir'achaa dhufetti, nagaa eegsistoonni kunniin humna biyyooleessaa irraa babba'een bakka buufaman.
Dubbi-himaan UN tokko akka mirkaneessetti, gariin miseensota kanaa Sudaanitti eegumsi idiladdunyaa akka godhamuuf gaafataniiru.
Kanneen keessaa dhalataan Tigraay tokko, waahillan isaa 500 tahan kolu-galtummaa gaafachaa akka jiran himeera.
Akka inni jedhutti, sababa waraana Tigraay adeemaa jiruun yoo biyyatti kan deebi'an taate, nageenya isaaniif sodaa akka qaban hima.
Bara dabre keessas nagaa eegsistoonni Itoophiyaa naannoo Daarfur Sudaan keessatti nagaa kabachiisuuf bobba'anii turan, miidhaa irra gahu sodaatanii gara biyyaa deeb i'uu diduun isaanii ni yaadatama.
Yeroo sanatti miseensonni loltoota Itoophiyaa nagaa eegsisuuf UN jalatti Sudaan Kibbaatti bobba'an 15 ta'an gara Itoophiyaatti deebiyuu hin barbaadnu jechuu isaanii AFPn gabaasee ture.
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa dhimmicharratti ibsa fuula Facebook isaa gubbaatti gaaf sana baaseen, taatee kana mirkaneessuun, kanneen kana raawwatan ergamtoota 'TPLF' jechuun himateera.
''Miseensonni waraanaa afaan Tigree dubbatanii fi ergamtoonni juuntaa 15 gara biyyaa hin gallu jechuun, buufata xiyyaaraa Juubaatti lafatti gangalachuuniifi iyyuun hokkara uumuuf yaalaniiru,'' jedhan qondaalli Waraana Itoophiyaa.













