Waraana kaaba Itoophiyaa: Dhalattooni Tigraay maatii isaanii quba hin qabneef miidiyaa hawaasaan 'jaalala ergaa' jiru

fakkii dubartiin maatii yaadde boraatee hammattee jirtu

Namoonni biyya alaa jiraatan, namni tokko biyyatti gaafa deebi’u, ‘’maaloo mi'a kana naa fudhu deemi, maatii biraan naa gahi,’’ jechuun waan baramedha.

Sagaleen akka qodaa imaanaadhaan ergamee garuu hin beeku. Sababa waraana kaaba Itoophiyaa baatii kudha torba guuteen namoonni sagalee isaanii waraabanii imaanaadhaan erganii beeku.

Waraana kanaan Naannoo Tigraayitti tajaajilli bilbilaa, intarneetiifi baankii fa’i ji’ootaaf addaan cituu isaaniin dhalattoonni naannichaa haala firaaf maatii isaanii baruu hin dandeenye.

Kanaaf yoo danda’an sagaleedha kan isaan ergan.

Nama ergaa isaanii qaqqabsiisu danda’uuf sagalee isaanii waraabanii erguun, deebii eegu. Ergaan kuni ''haadha koo nagaa kooti hin yaadiin,’’ ykn ''abbaa koo akkam jirta?'' kan jedhu tahuu danda’a.

Hermoon Gabirahawaariyaa namoota sagalee isaanii maatiitti ergan keessaa tokkodha.

''Torbee lama dura karaa Fannoo Diimaa carraan argamee maatiin koo naa bilbilu jedheen eegaa ture. Garuu hin taane. Hin arganneeni. Darbee darbee lafa namoota interneetiin jiru deeman nan gaafadha. Yoon carroome ergaan na gaha. Abdiidhaanan jiraadha,’’ jetti.

Kuni garuu carraa namni hundi argatu miti.

Kanaaf tahuu mala tibbana miidiyaa hawaasummaarratti duula jalqabameen #sendlovetotigray jechuun sababa waraana kanaan namoonni baayyee maatii isaanii arguu dadhabuu isaanii ibsuun suuraa garagaraa maxxansaa kan turan.

Suuraawwan qoodamaa turanis, fuula gammachuu qabu, walitti qabamuu, jireenya hawaasummaa, jila, firooma, obbolummaafi olloomii fa’i kan agarsiisan turan.

Suuraawwan durii irraa firaafi maatii yaaduun mul’ata. Namoonni suuraa kunneen ilaalan garuu abdii qooduu barbaadu.

Suuraawwan qoodaman keessaa, ‘’haadha koo yeroo dhumaaf ergan dubbisee guyyooti 314 darban... haala maatiin koo keessa jiran ergan dhagahee waggaan tokko darbe, biyya koon yaade,’’ kan jedhan fa’i jiru.

ስእሊ ኣብ ትዊተር ዝተጠቅዑ ምስልታት

Madda suuraa, Twitter

Maatii yaaduurraan kan ka’e Daagmaawwiit yeroo ammaa miirri itti dhagahamu adda tahuusaa dubbatti.

‘’Yaaduu hoo namni hundi maatiisaa yaada, kan keenya garuu yaaddoo lubbuudhaan jiru laata? jedhu qaba. Hin arginaanii laata? Yeroo wal-arginu akkam taana laata? Yaadoo jedhu qabna,’’ jetti.

Sababa waraana waggaa tokko ol adeemeen maatii, hiriyyaa fi namoota beektu biroo argachuu akka hin dandeenye dubbatti.

Hunda caalaa immoo waraanichi guutummaan dhaabachuu dhabuufi maatiinshee haala keessa jiran beekuu dhabuun hirriiba akka ishee dhorku dubbatti.

Guyyoota darbanitti yeroo duulli jaalala agarsiisuuf jecha suuraa maatiifi firaa duraan waliin ka’an yeroo qoodan Daagmaawwiitis hirmaattee turte.

‘’Suuraa namoonni maxxansan keessaa naman beeku yeroon argu, eessadha jiru laata jedhee yaada. Baayyee miira namaa tuqa. Yeroo ammaa karaan miira kee itti qooddu miidiyaa hawaasaa qofa dha,’’ jetti.

‘’Abdii nuu kenna jedheen abdadha.’’

Suuraan humna qaba. Yaadannoo qilleensa caalaa dafee si biraan gaha. Kaleessa urgaasaa gaarii wajjin sii fida.

‘’Tigraay yaaduun keenya jaalala keessa keenya jiruun ibsama. Kunis aadaa, namoota beekamoofi haala hawaasaa naannichaa suuraa agarsiisuun ibsamuuu danda’a,’’ jechuun duula miidiyaa hawaasaa kana kan qindeessu Gooyitoom Taganyi dubbata.

Gooyitoom ogeessa koominikeeshinii gatii taheef mudannoowwan garagaraa suuraafi viidyoodhaan bartee galmeessuu qaba.

Gooyitoom duula suuraa qooduu kanaaf sababa ijoo lama akka qabu hima. Inni jalqabaa namoota waan gaariidhaaf walitti fiduun ergaa hiika qabu dabarsuu dha.

‘’Maatiin keenya akka waa’ee isaanii yaadnu ergaan yoo isaan qaqqabe abdii isaaniif tahuu danda’a. Haalli keessa jiran ulfaataa dha.

Yeroo waraanni kuni jalqabu Tigraayin ture. Tajaajiloota kan akka baankii fi suuqii dhabuun maal akka tahe argeera. Qarshii qabaachuu dhabuun maal akka tahe beeka. Kuni yeroo dheeraa hangasiif itti fufee arguun ni ulfaata. Namoonni sababa suuraa kanaan waan gaarii haasa’uu yoo danda’an abdii tahaafi jedheen yaada,’’ jedha.

Dhalattooni Naannoo Tigraay, naannichaan ala jiraatan carraan maatii isaanii Tigraay jiran waliin wal-argan dhiphaadha.

‘’Baatiiwwan booda gaafii gaaf, ergaan nu qaqqaba. Garuu haala keessa jiran hin beeknu. Haalli jiru jabaataa gatii taheef, abdii kutachuufi, miirri hamilee kutachuu jira. Duulli kunis haala kana dabarsuuf hanga tahe nu gargaara jedhee waanin amaneef jalqabe,’’ jedha.

‘’Namoonni yeroo dheeraaf waraana, du’a, haleellaafi beela fa’i dhagahaa bahan gatii taheef, fayyaan isaanii miidhameera. Namoonni hirriba hin rafneefi hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye jiru. Waa’ee maatii keenyaa yaaduuniifi jaalala qabnu qooduun waan gaarii hojjechuu dandeenya,’’ jedheera.

Namoonni yaada kana akkamiin fudhatan?

Sendlovetotigray yeroo jalqabu Daagmaawwiit suuraa miidiyaa hawaasaarra qoodde keessaa tokko suuraa cidha obboleettiishee dha.

Garaagarummaan cidhaa fi waraana gidduu jiru waan ifa tahedha. Inni tokko taatee gammachuun guddaan itti ibsamu yoo tahu inni kaana immoo madda gaddaa fi dhabuuti.

‘’Haala kana keessa taanee suuraawwan kunneen qooduun waan gaarii dha. Gaaf tokko ni ilaalu taha. Namoonni waa’ee isaanii yeroo yaaddu, isaanis akka si yaadan humni godhu wayii jira,’’ jechuun ibsiti.

Suuraawwaniifi viidiyoowwan namoonni miidiyaa hawaasaarratti qoodan baayyeen kan ayyaana uummataa, dorgommii ispoortii, cidha irratti, mana barnootaafi kaanirratti ka’an kan yaadachiisani dha.

Hermoon ammas dhimmooti qaama jireenyaa namaa tahan irraanfatamuu hin qaban. Carraa kana fayyadamuun hiriyyoota koof ergaa dabarsuuf itti fayyadamaa jira jetti.

‘’Uummanni beelaafi baqa gidduu jira. Namoonni nuti beeknu jiruu jennee yeroo gaafannu yeroo deebii hin argannetu jira. Kanaaf namoota beeknu hundaaf isa darbe yaadachuun wajjin akka jirru ergaa dabarsuu dandeenyeerra,’’ jetti.

Namoonni Naannoo Tigraay jiraatan miidiyaa hawaasaa irratti dubbiin namni irratti haasa’aa jiru yoo jiraateef karaa namoota muraasaan kan argatan yoo tahu, suuraawwan iskiriinii irraa fudhataman gurguraafi qoodaa maaltu tahaa akka jiru odeeffannoo walii qoodu.

Jiraataan Maqalee Marsaa* jedhamu, ‘’namni haala hamaa keessa gatii jiruuf haala akkanaa sadarkaa irraafaturra gaheera. Iddoo tokkorratti suuraa koofi hiriyyoota koo maxxanfame yeroo natti agarsiisan, akkasis turee edaa jedhee jireenya duriifi ammaa yaaduun gaddeera,’’ jedha.

‘’Har’a nuti waa’ee nyaata argannuuti yaaddoofna. Hojii, intarneetii, baankii faa ijaa hin jirreef haalli jireenya keenyaa geeddarameera. Hafuura baafachaa jireenya abdii hin qabnedha jiraanna.’’

Dhalattoonni Tigraay biyyaafi biyya alaa jiran firaafi maatii isaanii yaadachuuf suuraawwan kunneen haa qoodaniyyuu malee, duulli kuni rakkoo Tigraay keessa jiru akka mari’atan carraa kenneeraafi.

‘’Ammallee haalli keessa jirru dhagahamuu qaba. Haalli jiru akkasiin itti fufnaan arguuniyyuu nu gaddisiisa. Suuraan tokko tokko yeroo argitu kan gidiraa kee ittiin fayyifattu sii taha,’’ jetti Daagmaawwiit.

Kanaaf waraanni kuni akka dhaabbatu, nagaan akka bu’u, tajaajiloonni addaan citan akka deebi’aniifi maatiifi firoota isaanii arguun hawwii isaanii tahuu namoonni yaada nuu kennan kunneen dubbatu.

‘’Kuni hanga darbutti haala gaarii uumuun wal-deeggaruu qabna,’’ kan jedhu Gooyitoom, ‘’waan hundi yeroo banamu, miirri gaarii amma ijaaraa jirru maatii keenya gargaaruufi, obbolaa keenya gara mana barumsaatti deebisuuf nu dandeessisa,’’ jedheera.