Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Artist Alii Birraa 'toowbate', muuziqaa akkam godhe?
"Aliidhaaf muuziqaan jireenyasaati. Aliin akkamitti muuziqaa dhiisee jiraachuu danda'a?'' jechuun haati warraa artistichaa Aaddee Liillee Maarkos Birraa BBCtti himan.
Oduun gameessi aartii Oromoo doktarri kabajaa artist Alii Birraa muuziqaa guutummaatti dhaabee amantii qofatti fuulleeffateera jedhu erga dhagahamee boodadha haati warraa isaa kana kan dubbatan.
Artist Alii Birraa toowbateera (gara amantii qofatti fuulleffate) kan jedhu erga televizhiniin 'TV Islaamaa' jedhamu gabaasee booda dhimmichi ijoo dubbii ta'eera.
Mootiin muuziqaa kuni ammaan booda sirba umriisaa guutuu keessa jiraate dhiisee keessaa baheera kan jedhus namootatti raajii ta'ee ture.
Viidiyoo miidiyaalee hawaasummaa irraa naanna'aa ture kanarrattis Aliin sagaleen isaa jijjiiramee miira dadhabbiitiin yoo dubbatu kan mul'isu ture.
Artist Alii Birraa durumaanuu amantii Islaamaa kan hordofuu fi masjiidota ijaarsisuu fi hojiiwwan tola ooltummaa keessatti akka hirmaatu kan dubbate yoo ta'u, eebba masjiida ijaarsisee irratti argamuun garuu waan hundarraa toowbachuun karaa Rabbiin barbaadu isa sirriirra bu'uusaa ibseera.
Alii Birraa sagalee kiilolee gurra namaaf soora qalbii ta'uun beekamu wayita toowbachuusaa ilaalchisuun dubbatu sagaleensaa achi hin jiru.
''Maqaa Rabbiitiinan haasaa koo eegala,'' jechuun wayita dubbii eegalu sagaleensaa erga dhukkubsatee akka jijjiirame ibse.
Alii Birraa boqonnaa jalqabaa Qur'aana qulqulluu qara'uun haasaa isaa eegale, Rabbiin waan hunda caalaa guddaadha jechuun itti fufe.
Alii Birraa umriisaa hafte keessatti masjiidota ijaaruun bakki kadhannaan Rabbii itti gaggeeffamu mijeessuuf akka hojjetu hime, hojii tola ooltummaa isaa kana keessatti namoota isa tumsa keessaa haadha warraasaa Aadde Liillii Maarkas Birraa galateeffateera.
Alii Birraa waa'ee muuziqaa akkam godha kan jedhurrattii kallattiin dubbachuu baatus, garuu jiruu fi jireenyasaa keessatti waan itti gaabbee dhiifama gaafate akka qabu akkanaan hime.
''Jireenya keenya keessatti waa hedduu lallaaqqannee jirra. Olii fi gadi fiiguu keessa waan balleessine qabna. Ani masjiida kana ijaarsisuuf wayita yaadni naaf dhufe nan toowbadha jedhee hin yaadnen ture.
Calliseeman waan gaarii hojjechuuf karoorfadhe. Anaa toowbatee gara Rabbii garagalu dhukkubni natti dhufe. Amma karaa Rabbii qajeelaarra bu'eera,'' jechuun waan murteesse hime Artist Alii Biraa.
Akka masjiida ijaarsisuuf kan hamilee fi tumsa ta'eef aayyoo isaa fi haadha warraasaa ta'uu kan hime Artist Alii Birraa, ''Haati warraa kiyya Liillii Birraa amantiin isii Islaama miti, garuu hojii kana keessatti ana caalaa isiitu hirmaata,'' jedhe.
'Aliif muuziqaan jireenya'
Dhimma kanarratti bilbilaan BBC'tti kan dubbatte haati warraa Alii Birraa, Liillii Markas, waan miidiyaa hawaasummaa irratti odeeffame kana quba hin qabnu jette.
Alii Birraa Masjiida Aanaa Gursumitti ijaarsise tibbana akka eebbisiisee fi saganticha irratti waan dubbate ta'uu akka hin oolles himte.
Odeeffannoon Aliin ammaan booda muuziqaa guutummaatti dhiisee gara amantii qofatti fuullefateera jedhu eessaa akka dhufe quba hin qabus jette.
"Aliidhaaf muuziqaan jireenyasaati. Aliin akkamitti muuziqaa dhiisee jiraachuu danda'a? Oduun kuni eessaa akka dhufe ani hin beeku" jette Haati warraa Alii Birraa.
Wellisaa Alii Birraa yeroo dhihoo asitti dhibee fayyaa isa mudateen hospitaalota biyya keessaa fi alaatti yaalii argachaa jira.