Dilbii Jornaaliin Yunvarsiitii Wallaggaa qorattootaaf abdii uumee

Fuula JDA

Madda suuraa, Yunivarsiitii Wallaggaa

Jornaaliin maxxansa qorannoowwan saayinsawaa hayyootni dhaabbilee barnootaa fi kanneen biroo irratti maxxansiifatanii fi namoota kaaniif ammoo madda ragaalee fi odeeffannoo ta'ee kan tajaajiludha.

Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti qorannoo qoratan Jornaalii irratti maxxansiiifachuun ammoo waan murteessaa fi guddina gulantaafillee ulaagaa ijoo ta'edha.

Dhiheenya ammoo barattoonni barumsa isaanii xumuranii eebbifamuuf qorannoo isaanii Jornaalii beekamaa irratti maxxansiifachuun akka ulaagaa tokkootti kaa'amaa jira.

Jornaalonni heddumminaan kan maxxansiifaman afaaan Ingliziitiin ta'ulleen yeroo dhihoo asitti garuu afaanota Biyya keessaatiinis maxxansiisuun jalqabameera.

Yunvarsiitiin Wallaggaa Jornaalii Dilbii Qorannoo gosa Saayinsii, Beekumsa fi Teeknolojii Kanneen Afaan Oromootin Barreeffaman SImatee maxxansuu akka eegalu himeera.

Jornaalii Afaan Oromootiin Maxxansuun Faayidaa maalii qaba?

Yunvarsiitii Wallaggaatti Pirezedaantii itti aanaa Qorannoo Damee Tajaaajila Hawaasaa Dr. Dirribaa Dhibbaa Afaan Oromootiin Jornaaalii maxxansuun guddina afaanichaatif waan murteessaa ta'edha jedhu.

"Jornaaliin maxxansa beekumsi, kalaqni fi argannoowwan adda addaa kan ittiin bahudha. Addunyaan maxxansa jornaaliitiif afaan Ingilizii baayinaan fayyadamu. Akka baha afrikaatti ammoo afaan Oromoos afaanota Gurguddoo keessaa tokko."

"Uummanni bal'aan afaan Oromoo Dubbatu kuni ammoo karaa afaan kanaatiin beekumsa barbaadan akka argataniif yaadameeti .Afaan duudhaa fi aadaan Uummatichaas karaa saayinsawaa ta'een akka qoratamuuf nigargaara" jedhan Dr. Dirribaan.

Jornaalii dilbii Qorannoo Yunvarsiitiin wallaggaa eegalsiise kuni Qorannoowwan aadaa, seenaa fi Eenyummaa Oromoo irratti hojjetamanii fi Afaan Oromootiin barreeffaman kan irratti maxxanfaman ta'ulleen dhimma Oromoo irratti kanneen baarreeffamanii fi afaan Biraatin yoo barraa'es ammaaf daangaan hin kaa'amne jedhan.

Yunvarsiitiin Wallaggaa Jornaalii Qorannoo Kanaan Qorannoowwan saayinsawaaa tahan karaa namni hundi argachuu danda'uun online irratti maxxansa.

"Jornaaalii kanarratti waraqaawwan Qorannoo barattootaa ni maxxanu, qorannoowwan idilee yunvaarsiitichi gaaggeesus nimaxxanfaamu. Yaadonni kalaqaa, beekumsi hawaaasaa fi wanti karaa saayinsawaa ta'een qoratamee fi barraa'e kamuu kan aadaa fi eenyummaa uummatichaa beeksisu maxxansa kana keessatti hammatamu," jedhan Dr. Dirribaan.

Adeemsa maxxansa Jalqabsiisuu kanaafis weebsaayitiin banamee, ogeessonni irratti hojjetan ramadamanii Qorattoonni qorannoowwan isaanii gara Dilbii kanaatti fidanii akka maxxansiifataniif hojjetamaa jiraachuus eeran.

Maxxansi Jornaalii Afaan Oromootiin maxxanfamu kuni hamma nuti beeknutti biyya keessatti jaalqabaatis jedhu Dr. Dirribaan.

"Oromoon saba Guddaa seenaa eenyummaa duudhaa guddaa qabudha. Inni kuni saba addunyaatti karaa saayinsaawaan qoratamee hin baane. Ukaamamee taa'ee jiraa. Jornaaliin kuni maxxansa jalqabuun waan dhokate kana gadibaasa" jedhu.

Yunvaarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Afaanii fi Hogbarruu kan tahan Qulqulluu Ijoo, Jornaalonni Afaan Oromootiin maxxanfamuun waan Oromoo gabaa addunyaatti beeksifachuu jechuudha jedhu.

"Jalqabarratti Baarattootaaf eebbifamuuf Qorannoo isaanii jornaalii irratti akka maxxanfataniif carraa guddaaa uuma. Lammaffaa waa'ee oromoo fi Oromummaa addunyaatti beeksisuuf gargaara." Jedhan.

Jornaalii Afaan Oromootiin Maxxansiisuu kana Yunvarsiitiin Jimmaa Ammaan dura jalqabee akka turee fi Yunvarsiitiin Finfinnees Jalqabuuf adeemsarra jira jedhan Brasiisaaa Qulqulluun.

Hojiin qorannoo saayinsawaa Afaan Oromootii fi dhimma Oromoo irratti hojjetaman Jornaalii irratti maaxxansuu kuni waa'ee haawaasichaa beeksisuu caalatti qorattoonni biyya alaas dhimma kana akka qorataniif hawwachuuf nigaargaaras jedhan.

"Ammaan dura namni afaan Oromootin qorannoo isaa Jornaalii irratti maxxansiifachuuf carraan jiru dhiphaadha. Kanaaf amma afaan Oromootiin jalqabuun isaa barattootaaf, kanneen Afaan Oromootiin qorannoo isaanii barreessaniif balbala carraa guddaa bana," jedhan Barsiisaa Qulqulluu Ijoo.

Yunvaarsiitiin Wallaggaa ammaan duras akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuu fi mana Barumsaa muuziqaa Afaan Oromootin banuunis aadaa fi afaan Oromoo guddisuuf hojjechaa ture.