TPLF Naannoo Affaar bakka Erebtii jedhamuutii gadhiiseera jechuun ibse, Affaar homaa hin ibsine

Waggaa tokko oliif humnoota federaalaa waliin lola kan seenan finciltoonni Tigraay, Naannoo Affaar keessaa bakkee to'atanii turaniifi Aanaa Erebtii jedhamu keessaa bahuu beeksisan.

Dhimma kana irratti gama mootummaa federaalaas ta'e Naannoo Affaar wanti jedhame hin jiru. TPLF bakkeewwan Affaar qabate hafan keessaa bahuun isaas hin beekamu.

Deeggarsi namoomaa ummata Naannoo Tigraay sababa waraanaan hubameef konkolaataan imalu Naannoo Affaar keessa darba.

Haa ta'u malee, sababa TPLF bakkeewwan Naannoo Affaar to'ateef danqaa uumuu mootummaan ibsaa ture.

TPLF humnoota isaa bakkee kanaa kaasuuf kan murteesse gargaarsa namoomaaf jecha waliigalteen lola dhaabuu waliigalame akka kabajamuufi gargaarsi Tigraay akka seenuufi jedhe.

TPLF bakkeewwan Naannoo Affaar qabate keessaa bahuu isaa ibsuun kan dhagahame yeroo Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US, Itti-aanaa isaanii waliin Finfinnee akka seenan yeroo ibsamettidha.

Ambaasaaddarichi yeroo xumuraaf ALI Bitootessa 12 fi 13 Finfinnee erga daawwatanii booda mootummaan federaalaa gargaarsa namoomaaf jecha lola dhaabuu labse.

Bakkeewwan TPLF Affaar keessaa qabate

Erga mootummaan finciltoota Tigraay irratti haleellaa baneen gara Finfinnee isa imalaa turan akka ofirra deebi'an godhee booda ture, finciltoonni Tigraay Mudde keessa Affaar seenuun haleellaa kan banan.

Naannoon Affaar haleellaa kanaan deeggarsa mootummaa federaalaa dhabuu himuun lammiileen kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'uu himeera.

Yeroos Dubbii Himaan Naannoo Affaar Obbo Ahimad Haloyitaa humnoonni TPLF Naannoo Affaar Godina Lama keessa aanolee argaman shan to'achuu himanii turani.

Zoonii lama yookin Godina Kulbatii Rasuu jala aanoti humnoota TPLF'n to'ataman jedhaman Ab'aalaa, Magaalee, Erebtii fi Baraahilee fa'i keessatti argamu.

Torban sadii dura gargaarsa namoomaaf jecha labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan labse finciltoonni Tigraayis akka simatan ibsaniiru.

Yeroos mootummaan humnoonni TPLF bakkeewwan naannolee ollaa qabatan keessaa akka bahan gaafateera.

Naannoon Affaaris finciltoonni Tigraay bakkeewwan Affaar to'atan keessaa akka bahan yeroo dheeraaf gaafataa tureera. Yeroo adda addaattis lolli adeemsifamaa ture.

Haaluma walfakkaatuun kanarraa ka'un paartiin mormituu naannichaa Paartiin Ummata Affaar gama isaan hojiirra oolmaa waligaltee lola dhaabuu akka shakku ibse.

Naannoo Affaar keessa godinaaleen shan kan jiran yoo ta'u bakkee Naannoo Tigraay daangessu Zoonii lama keessa aanoleen shan jiru.

Ulaan deeggarsaa gara Tigraay konkolaataadhaan imalu Godina lama yookiin Kulbatii Rasuu jedhamu jala Aanaa Ab'aalaa keessatti argama.

Ibsa TPLF gaafa Kibxataa baasen humnoota isaa baaseera kan jedhe Aanaa Erebtii jedhamuun bekamuudha. Dhimma kanarratti qondaaltota Naannoo Affaar dubbisuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Waa'ee gargaarsa namoomaa

Torban sadii dura mootummaafi finciltoonni Tigraay gargaarsa namoomaaf lola dhaabuu erga labsanii booda torban lama dura konkolaattonni gargaarsaa marsaa duraan gara Tigraay geessaniiru.

Gargaarsi konkolaataan seene kunis erga baatii Muddee kan duraati jedhameera.

Eegasii garuu hin ergamne jechuun jarri TPLF ni komatu. Mootummaan Itoophiyaa qaamni dhorke hin jiru, dhiheessii dhaabbilee gargaarsaarratti hundaa'a jechuun ibse.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) ''qondaaltota Affaar biraa deeggarsa geessuuf ulaan nagaa qabu jiraachuu isaa yoo nuuf mirkaneessan,'' gargaarsa geessina jedheera.

Guyyaa Kibxataa Komishinarri Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Obbo Mitikkuu Kaasaa gargaarsa gara Tigraay geessuuf qophiirra jiraachuu isaaniis ibsaniiru.

Lolli waggaafi ji'a jaha dura eegalee gama Affaariifi Amaaraa babal'ate lammiilee kumaatama lubbuu dhabsiisuu amanama.

Akka UN'tti sababa waraana kanaan Tigraay, Affaariifi Amaaraati lammiileen miiliyoona 10'tti siqan deeggarsa nyaataa barbaadu.