Chaayinaafi Itoophiyaa fa'i mormanilleen UN Raashiyaa miseensummaa Mana Maree Mirga Namoomaa keessaa dhorke

Yaa'ii waliigalaa UN

Madda suuraa, UN

Ibsa waa'ee suuraa, Yaa'ii waliigalaa UN

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) yaa'iisaa waliigalaa Kamisa Eebla 07, 2022 Niiw Yoorkiitti taa'een, waraanni Raashiyaa Yuukireen keessatti sarbama mirga namoomaa cimaa raawwateera jechuun biyyattii miseensummaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN keessaa dhorke.

Yaadni murtoo Raashiyaa miseensummaa Mana marechaa keessaa dhorkuuf dhiyaatee ture kana biyyoonni 93 yoo deeggaran, Itoophiyaa fi Eertiraa dabalatee, biyyoonni 24 mormanii, 58 ammoo sagalee osoo hin kenniin hafaniiru.

Itoophiyaafi Eertiraan alattis, biyyoota Raashiyaan mana marichaa keessaa akka hin dhorkamneef morman keessaa Chaayinaa, Siiriyaa, Kuubaa, Maalii, Aljeeriyaa, Veetinaam fi Zimbaabuwee fa'i ni argamu.

Raashiyaa miseensummaa mana Maree Mirgoota Namoomaa keessaa dhorkuuf kan akka sababaatti eeramees, waraanni biyyattii Yuukireen keessatti sarbama mirga namoomaa cimaa raawwateera kan jedhudha.

Osoo kenniinsi sagalee miseensootaan hin eegalamiin duras, UNtti Ambaasaadarri Yuukireen Seergiy Kyslytsyaan, Raashiyaan darara ''sukkanneessaa'' raawwattee jirti jechuun dhimma ajjeechaa namoota nagaa loltoonni Raashiyaa magaalaa Buchaa keessatti raawwatan kaasanii ture.

Bakka bu'aan Raashiyaa Genaadii Kuzmin garuu sagalee kannamee kan balaaleffatan yoo ta'u, biyyoonni akka Kooriyaa Kaabaafi Siiriyaas deeggarsa isaanii dhageessisaniiru.

Haata'u malee biyyoonni Lixaa hedduun Raashiyaan mana marichaa keessaa akka dhorkamtuuf sagalee deeggarsaa kennaniiru.

Akkasumas biyyoonni akka Seeneegaal, Niijar, Kaameeruun, Gaambiiyaa, Masrii, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Kaataar, Saawud Arabiyaa, Yunaayitid Araab Imireetsi fi Yugaandaa fa'i ammoo kanneen biyyoota 58 osoo sagalee hin kenniin hafan keessatti argamu.

biyyoota sagalee kennan, kanneen mormaniifi kannneen sagalee hin kenniin hafan

Madda suuraa, UN

Biyyoonni miseensootaa kunneenis yoo Mana Maree Mirgoota Namoomaa keessaa biyya miseensa ta'e yoo haqan kun kan jalqabaa miti.

Liibiyaan hogganaan biyyattii booda aangoorraa kaafamuun ajjeefaman, Mu'aamaar Gadaafii mormitoota irraan miidhaa mirga namoomaa gahaniiru jedhamuu hordofee bara 2011tti teessuma mana marichaa keessaa qabdu dhabde jirti.

Murtee yaa'ichaan darbe kana hordoofees, Ministirri Dhimma Alaa Yuukireen Diimiitiroo Kuleebaa, ''Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii mirgoota namoomaa eegsisu keessatti yakkamtoonni waraanaa iddoo hin qabaatan,'' jedhaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa kun ergaa toora tiwitaraa isaaniirratti barreessaniin, biyyoota Raashiyaan akka mana marichaa keessaa dhorkamtuuf sagalee kennan hundaaf galata dhiyeessaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Biyyi miseensa Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN taate tokko yoo sarbama mirgoota namoomaa cimaa raawwatte manni marichaa miseensummaa keessaa dhorku danda'a.

Haaluma kanaanis manni marichaa biyya miseensa isaa balleessaa kanaan himatamte tokko dhorkuuf yoo xinnaatee sagalee miseensoota harka sadii keessaa lama argachu qabaata.

Yaa'iin Waliigalaa UN (UNGA)n qaama muummee dhaabichaa imaammata- tumudha. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii miseensoota 193 kan qabu yoo ta'u, tokkoon tokkoo biyyoota miseensa hundinuu sagalee wal-qixa ta'e qabu.