Hogganoonni Sudaan Kibbaa waraana biyyattii waloon hoogganuuf waliigalan

Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia
Hoogganoonni Sudaan Kibbaa Pireezidant Saalvaakiir Mayaardiitiifi itti aanaan isaanii Reek Maachaar jaarsummaa Sudaaniin ajaja waraanaa waloo ijaaruuf waliigalteerra gahan.
Ji'oota darban muraasa dhibdee humnoota hoogganootni lameen bulchan gidduutti ka'een nageenya Sudaan Kibbaa yaaddoo jabaa keessa galee ture.
Waliigaltee bara 2018 mallattaa'e keessatti dhimma ijoo kan ta'e ajaja waraanaa waloo ijaaruu irratti waliigalteen kan mallatteeffame Sanbata darbe jaarsummaa magaalaa guddoo biyyattii Jubaatti gaggeefameeni.
Waliigaltee amma malleetteefameen hoogganoonni waraanaa mormitootaa hooggansa waraana biyyattii keessatti aangoo ni qabaatu. Gartuun pireezidant Kiir, aangoo waraanaa, Poolisiifi nageenyaa dhibbeentaa 60 yeroo qabaatu, kan Machaar SPLM-IO fi mormitootni hidhannoon socho'an biroon ammoo aangoo dhibbeentaa 40 hafe qabatu.
Warri hidhannoon mootummaa morman yeroo torban tokkoo keessatti maqaa hooggantoota waraanaa isaanii dhiyeessuu qabu. Achii booda humni waraanaa waloo ijaarame ifa ta'ee, gara hojiitti bobba'u.
Kuniis yeroo ji'a lama hin caalle keessatti xumuramaa jedha waliigalteen hoogganoota siyaasaa biyyattii gidduutti mallatteeffame.
''Uummatni Sudaan Kibbaa nagaa dharra'u, nagaan dhimma nageenyaati, har'a gama kanaan tarkaanfii murteessaarra geenyeerra. Fuula duratti adeemuuf waliigalleerra'' jedhan waraana Reek Maachaar kan hoogganan Meejar Janaraal Maartiin Abuchaa.
Itti dabaluunis ''waahillan koo gama kaaniin jiraniif sagalee waraanaa callisiisuun Sudaan Kibbaa badhaatuu gochuuf barbaachisaa ta'uun dhaama. Mee waraanni haa hafu, haleellaan haa dhaabatu'' jedhan.
Ameerikaa dabalatee hawaasni idila addunyaa biyya dhalattuu haaraa Afrikaa taate Sudaan Kibbaa keessatti waraanni waliinii waggoota hedduuf gaggeefamaa turee hanga ta'e tasgabbaa'e irra deebiin dhalachuu isaatti yaaddoo guddoo qabaachuu ibsaa turan.
Hoogganoonni siyaasaa biyyattii rakkoo kanaaf fala ta'u akka barbaadaniis dhaamaa turan.Waliigalteen haaraan kun mallatteefamuu wajjin walqabatee IGAD ''milkaahina guddaa'' jechuun tarkaanficha jajjabeesseera.
Walabummaa Sudaan Kibbaa fi san boodas waraana waliinii dhalateef furmaata barbaaduu keessatti gumaacha guddoo kan qabaachaa turte Itoophiyaanis gama Ministeera Haajaa Alaa ibsa baafteen, waliigaltee kana jajjeetti.
'Itoophiyaan Sudaan Kibbaa cinaa ni dhaabbatti, nageenyaafi misooma waaraa mirkaneessuuf yaalii godhamu ni deeggarti'' jedhanii MM Abiy Ahimad jedha Ministeerichi.















