Taaliban shamarran barnootarra waan dhorkeef baankiin addunyaa hojii addan kute

Taalibaan shamarran mana barumsaa sadarkaa lammaaffaatti akka hin deebineef erga dhorkeen booda, baankiin addunyaa piroojectiiwwan afur Afgaan keessatti eegale, kan doolara miiliyoona 600tti tilmaamaman addaan kute.

Kaayyoon pirojektoota kanaa barnoota, fayyaa fi qonnaa fooyyeessuu ture. Dabalataanis, “ gargaarsa kanaan shamarranii fi dubartoonni akka fayyadamanii fi irratti hirmaatan xiyyeeffannoo guddaa,” akka qabu ture baankiichi dursee ibseera.

Torban darbe, Taalibaan ji’ootaaf dhoorkaa ture booda murtee shamarran barnootatti akka deebi’aniif kennee ture deebisee haqeera.

Taalibaan akka jedhutti, manneen barnootaa kan banaman erga dhimma yuuniformii barattoota shamarranii irratti murteen “seera Shariyaa fi aadaa Afgaan” eege taasifamee boodadha.

Murteen kun biyyooti addunyaan kan balaaleffame yoo ta’u, Sanbata irra ammo mormitoonni naannaa Ministeeraa Barnootaa biyyatti Kaabulitti walitti qabamuun manneen barnootaa adda banamaniif gaafataniiru.

Piroojeektiiwwan Baankii addunyaa kunneen, shamarraanii fi dubartoonni tajaajiloota Afgaanistaan keessa jiran hanguma dhiirotaatti akka argatan taasisuu irratti kan xiyyeefatan turani.

Faandiin Deebisee ijaaraa Afgaanistaan (ARTF), kana wagga darbe yeroo Taaliban aangoo qabate hojii dhaabee tureen, maallaqa kana hojiirra olcha ture.

Jalqaba ji’a kanaatti, Baankiin Addunyaa faandii kanarraa doolaara gara biiliyoona tokko ta’u, gargaarsa hatattamaa kanneen akka barnoota, qonnaa fi fayyaaf akka fayyadamamuuf raggaasisee ture.

Karoora kanaan, maallaqichi abbootii taayitaa Taalibaniitti hin kennamu, maalliqichi karaa Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabilee gargaarsaa biroon raabsama ture.

“Jalqabaratti, gummaachitoonni ARTF piroojektoonni afur doolara miiliyoona 600’tti tilmaamaman gargaarsa hatattamaa akka barnoota, fayyaa fi qonnaaf akkasumas jireenyaa hawaasaaf akka oolaniif ni murteessu,” jechuun baankichi Bitootessa 1 irratti ibsa baasee ture.

Piroojektoonni kunneen kan deebi’anii eegalan yoo baankichi akka kaayyoon isaa mirkanaa’u yoo sirritti bare qofa akka ta’e BBC’n hubateera.

Jimaata irra, US fi UK dabalatee ibsi waliini qondaaltoota biyyootii 10’n ba’e, murteen Taalibaan kun “kan nama jeequdha” jechuun ibseera.

Dabalataan mootummaan US marii Taalibaan waliin Qataaritti gaggeessuuf ture deebisee haqeera.