Waraana Kaaba Itoophiyaa: Lola, dhukaasa dhaabuu... maal jechuudha? Garamitti geessa?

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti ''lubbuu lammiilee baraaruufi dararama hambisuuf'' lola dhaabuuf murteessuusaa ibsuu hordofee, finciltoonni Tigraayis murtee walfakkaataan dhukaasa dhaabuu labsaniiru.
Kaabaa Itoophiyaatti ji'oota 16'n dabraniif humnoota Tigraay wajjiin waraanarra kan ture mootummaan Federaalaa Itoophiyaa ibsa guyyaa Kamisaa baaseen, sababa lola kanaan qarqaarsi namoomaa Tigraay gahuu malu waan hanqateef, namoonni kumaatamatti lakka'aman, naannolee ollaatti baqachaa jiru jedheera.
Kanumaafis jecha rakkoon namoomaa kana caalu akka hin mudanne jechuun, lola dhaabuuf murteessuusaa himeera. Mootummaan Federaalaa lola kanaan murtee akkasii wayita dabarsu kun isa jalqabaa miti.
Dhuma Waxabajjii 2013 ALI waraanni Itoophiyaa iddoowwan Tigraay gara caalu dhiisee wayita bahu, qarqaarsi namoomaa akka qaqqabu, akkasumas qonnaan bultoonni Tigraay oyiruusaanii akka qotataniif taasisuuf jecha, dhukaasa gam-tokkee labsuun isaa ni yaadatama.
Tahus garuu murteen mootummaa kanaa gama TPLFn fudhatama osoo hinargatin hafee ture. Kanaanis finciltoonni kunniin haleellaa gama naannolee Affaar fi Amaaraan taasisaniin, magaalota hedduu to'achuu danda'anii kan turan oggaa tahu, magaalaa guddittiittis dhiyaachaa turan.
Boodarras mootummaan federaalaa raayyaa ittisa biyyaafi humnoota naannolee walitti qabuun, gaggeessummaa MM Abiy Ahimadin haleellaa gaggeesseen, bakkeewwan humnoota TPLFn qabamanii turan deebisee to'ateera. Lolichis iddoowwan daangaa Tigraay jiran keessatti daanga'ee ture.
Labsii amma dura labsameen addatti isa alanaa kanaaf, Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) faara gaariin simachuun deebii gaarii kenneera.
Qarqaarsi namoomaa gara naannichaatti saffisaan kan gahu taanaan, lola akka dhaabu waliigaleera.
Murteen lola dhaabuu mootummaan rakkoo namoomaaf jecha dabarse kun, waliigaltee dhukaasa dhaabuu yookaa ammoo lola dhaabuuf waliigaltee dhukaasa dhaabuuf taasifamu irraa addadha.
Ibsa mootummaan baase keessattis murteen kun ''gara fuulduraatti dhiigni otoo hin dhangala'in, lola kanaafa furmaata akka fidu'' kan taasisu tahuu abdii godhachuus akeeka.
Murtee mootummaa Itoophiyaa kanaan boodas, mootummaan Ameerikaa murtee kana qaamoleen wallolan lamaan, dhukaasa dhaabuu waaraatti akka geessanis hubachiiseera.
Namoomaaf lola dhaabuu (Humanitarian Truce)
Qarqaarsa namoomaa dhiyeessuuf jecha lola dhaabuunis (Humanitarian Truce) tahe waliigalteen dhukaasa dhaabuu (Cease Fire) waraana iddoo tokkotti gaggeeffamu qabbaneessuuf gahee guddaa qabanis, haalli raawwii isaanis tahe adeemsi keessa dabraman garaagara.
Waraana waliinii Siiriyaan kallattiinis tahe al-kallattiin bakka lamatti hiramuun kan wal hadhaa turan Ameerikaa fi Raashiyaan, waggoota muraasa dura waliigaltee - lolaaf wal barbaaduu dhiisuu (cessation of hostilities) jedhamurra gahanii turan.
Wayita sanatti Kings College of London'tti dhimmoota waraanaa irratti barsiisaa fi barreessaa kan tahan Saamir Purii dhimmoota: namoomaaf jecha lola dhaabuu (Humanitarian Truce)፣ lolaaf wal barbaaduu dhiisuu (Cessation of hostilities)፣ waliigalteen dhukaasa dhaabuu (Cease Fire) fi lolatti xumura gochuu (Armistice) jedhaman akkanaan ibsanii turan.

Madda suuraa, AFP
Walitti bu'insa dhaabuu (Truce)
Dr Saamiir akka jedhaniitti, walitti bu'insa dhaabuuf waliigalteerra gahame jechuun, qaamoolee wal dhaban jidduutti dhukaasa dhaabuuf 'waliigalteen baayyee irratti hin mari'atamiin' jiraachuu mul'isa jedhan.
Qaamoleen wal waraanan waldhabdee dhaabuuf waliigalterra gahuuf waliigaltee sirna hordoofeefi ifaa irra gahuun hin eegamu.
Murtee kanaanis humnootiin wal lolaa jiran waraanni yeroo dheeraaf akka dhaabbattuufi sosochiin waraanaa akka dhaabbatuuf waliigaluu danda'u.
Dr Saamiir akka jedhanitti, humnoonni wal waraanaa jiran adda hundaan osoo hin taane, adda muraasa qofaan walitti bu'iinsa dhaabuuf waliigaluu danda'u. Deeggarsa namoomaa ummataan gahuuf jecha walitti bu'insa dhaabuuf murtee dabarsu haalli itti danda'an jira.
Waldhabdeef walbarbaacha dhaabuu (Cessation of hostilities)
Dr Saamiir akka jedhaniitti waldhabdeef wal barbaacha dhaabuu (Cessation of hostilities) akka waliigaltee dhukaasa dhaabuu (Cease Fire)tti dhimmoota ifaafi tarreeffame qabaachuu baatuus walitti bu'iinsa dhaabuuf (Truce)f kan taasifamu irra sirna ifaa foyya'aa qaba.
Qaamooleen wal waraanaa jiran waliigaltee waldhabdeef wal barbaachuu dhiisuu (Cessation of hostilities) irra gahan jechuun ammoo, wal waraanuu fi loltoota isaanii sochii loltummaa irraa akka of qusataniif waliin galan jechuudha jedhan yoo ibsan.
Haata'u malee jedhu Dr Saamiir, ''walitti bu'iinsaaf wal barbaaduu dhaabuu (Cessation of hostilities)n dhukaasa dhaabuu jechuu miti.'' Garuu ammoo gara waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataatti geessuuf carraa gaarii uuma jedhan,
Akka Dr Saamiir ibsaniitti, qaamooleen wal lolan walitti bu'iinsaaf akka wal hin barbaadne yoo waliigalan, sababii dubbii barbaacha qama tokkootiin waliigaltichi diigamuun gara waraana cimaatti seenuu danda'u.
Dhukaasa dhaabuu (Ceasefire)
Qaamoolee wal waraanaa jiran jidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifame jechuun, qaamooleen hundi ifatti waliigalteen walitti bu'iinsa dhaabuuf kutannoo agarsiisaniiru jechuudha jedhu Dr Saamiir.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ammoo, hidhannoo hiikkachuu, loltoonni eddoowwan qabatanii turan gadhiisanii bahuu, qaxanicha sochii loltuu keessaa bilisa taasisuu hammachuu danda'a.

Madda suuraa, AFP
Walitti bu'iinsa dhaabuu (Armistice)
Akka ibsa Dr Saamiiriitti waliigalteen walitti bu'iinsa dhaabuu kan sadarkaa dhumaatti dhufudha.
Qaamooleen wal waraanan waliigaltee dhukaasa dhaabutiin booda haala nagaa walitti fufaan itti dhufurratti waliigalteerra yo gahan, walitti bu'uu dhaabuuf walii galan jedhama.
Waliigalteewwan walitti bu'iinsa dhaabuuf taasifamu ittigaafatamummaa seeraa qabatanii dhufu.
Akka fakkeenyaatti waraanni Addunyaa lamaan ifatti akka dhaabbatan kan mirkanneessan waliigalteewwan walitti bu'iinsa dhaabuuf taasifaman ta'uu Dr Saamiir ni ibsu.
Eessaan gahuu danda'a?
Waraanni Tigraayiitti eegalamee naannawa Kaaba Itoophiyaa waliingahees, osoo itti hin cimiin dura qaamooleen garaa garaa mootummaafi finciltoonni karaa mariitiin furmaata akka barbaadaniif watwaataa turan.
Erga waraanichi cimee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefaman, miliyoonoonni buqqaafamaniifi rakkoolee gara garaatiif saaxilaman boodas, ammas wal gaarreeffannaafi muddamni itti fufeera.
Haala ragaa UN baaseetti, waraana kaaba Itoophiyaatti dhalateen walqabatee rakkoo namoomaa umameen namoonni miliyoona 10tti siqan deeggarsa barbaadu.
Lakkoofsa namootaa deeggarsatu barbaachisa jedhame kana keessaayis, irra caalaan kan naannoo Tigraayiitti argaman yoo ta'u, haala tilmaama dhaabbatichaatti ummata naannoo Tigraay keessaa harki 90 deeggarsa nyaataa atattamaatu barbaachisa.
Tarkaanfiin amma mootummaan namoomaaf jecha lola dhaabuuf labseefi murteen TPLF fudhate kunis, dhiyeessii deeggarsa baayyee barbaachisaa ta'e naannoo Tigraayiin qaqqabuuf carraa ni uuma jedhamee eegama.
Akkasumas tarkaanfichi marii nagaatiif karra saaquun, gara marii waraana hamaa sana xumuruutti geessuu ni danda'a jedhanii abdatu.













