Lammileen Keeniyaa paayileetota bubbee hamaa keessa xiyyaarota qubachiisan leellisaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Lammileen Keeniyaa paayiloota lama Daandii Qilleensaa Keeniyaa keessa hojjatan kanneen xiyyaarota bubbee hamaa ‘Eunice‘ jedhamuufi Awuroopaatti ka’e keessa nagaan qubsiisuu danda’an gama toora intarneetiin leellisaa jiru.
Balaliistuun xiyyaaraa jalqabaa Ruut Karahurii kan jedhamtu xiyyaara buufata xiyyaaraa Landanitti argamu Heezroow jedhamu kan haala qilleensa hamaa sana keessatti nagaadhaan qubsiifte.
Paayileetiin biraa Kiliiv Nyaachiyoo jedhamu ammoo xiyyaara buufata xiyyaaraa Skipool jedhamu kan magaalaa Amesterdaamitti argamu keessa haala qilleensaa bubbee hamaa qabu keessa kan qubsiisuu danda'e.
Aadde Ruut Karahuriin wayita xiyyaaricha obonboleettii hamaa sana keessa qubsiiftu viidiyoon kallattiin waraabamee tamsaafama kan ture wayita ta’u, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman daawwataniiru.
Paayileetiin Keeniyaa kun gara boodaarra gabbiinaa xiyyaaraa keessaa gargaara ishee Ayoob Harunan waliin viidiyoo akka itti qubsiisan ibsu waraabuunis gadhiisaniiru.
Aab Nyaachiyoon xiyyaaricha kan qubsiise sababii haala qilleensaa hamaatiin xiyyaarri mi’a fe’u buufata xiyyaaraa Skipool qubachuu dhiisuu isaa hordofeetu.
Lammileen Keeniyaa Sambattan lamaan darban paayletota lamaan galateeffachaa turaniiru.
‘’Bubbee cimaan hamaan kun harka caalaa kutaalee Awuurooppaa miidhe. Kaappiteen Kiliiv Nyaachiyoo xiyyaara 787 Amisterdaam qubsiisuun hojii boonsaa hojjatan.
Baga gammaddan!’’ jedhan Hogganaa ‘Central Bank’ Keeniyaa Paatrik Joorogee gama toora tiwitira isaanitiin.
‘’Kabajaan guddaan Kaapteen Karahuriif, paayilota biroof garaa garummaa koorniyaa malee kaaniif kaka’uumsa taati. Kabajaan Daandii Qilleensaa Keeniyaa kan namoota gahuumsaa fi oguummaa qaban kana leenjiiseef,’’ jedhe
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Daandiin Qilleensa Keeniyaa (KQ) ergaa fuula timiitara isaarratti baaseen, hojii Kaappiteen Ruut Karahuriin ogummaa adda ta'een bubbee hamaa Eunice jedhamu keessatti xiyyaara KQ100 B787 itti-aanaa paaiylatii ishee waliin ta'uun Buufata Xiyyaaraa Heezroow nagaan qubachiisuu isheetiif hedduu itti boonneerra jedhe.















