Biraaziilitti balaan sigiga lafaa namoota 100tti siqan ajjeese
Roobi bubbee hamaa makate Biraaziil keessatti roobuun lolaa cimaa uumameen, magaalaa handaaraa tulluutti argamtu Petrópolis keessatti lafti sigigaachuun namoonni 100tti siqan du'an.
Magaalaan kaaba Rio de Janeirotti argamtu kun tulluu cinaa waan jirtuuf wayita roobni hamaan roobu tulluun kun itti jigee miidhaa irraan ga'e.
Balaa lolaa hamaa mudateen manneen fi konkolaattonni hedduun fudhatamaniiru.
Kantiibaan magaalattii battaluma balaan kun mudate labsii yeroo muddamaa labseera.
Namoonni 24 lubbuudhaan baraaramuu jaarmiyaan eegumsa uummataa Biraaziil, National Civil Defence jedhamu ibseera.

Madda suuraa, EPA
Viidiyoo fi suuraan namoonni miidiyaa hawaasummaarratti gadhiisan wayita manneen fi konkolaattonni lolaadhaan fudhatamanii deeman mul'isu.
"Shamarree dhoqqee jalatti fayyaa awwaalamte argeera,'' jedhe jiraataan magaalattii dargaggeessi waggaa 24 Wendel Pio Lourenco.
Yeroo ammaa daawwannaaf Raashiyaa kan jiran Pireezidantiin biyyattii Jair Bolsonaro, namoonni miidhaman akka gargaaramaniif hatattamaan akka haala mijeessan himan.
Hanga ammaatti loltoonni biyyattii 180 caalan bakka balaan kun itti mudatetti bobba'aniiru, gareen addaa lubbu baraartotaa fi sakattaatotaa heddumminaan ni ramadamus jedheera mootummaan biyyattii.

Madda suuraa, Reuters
Bakka balaan kun akkaan hammaatetti manneen 80 caalan lolaa hamaadhaan diigamanii fudhatamaniiru.
Magaalaan Petrópolis yeroo tokko bakka jireenyaa mootii gonfoo Biraaziil turte, iddoo hawwata tuuristii beekamtuudha.
Haalli teessuma magaalattii dachee olka'aa fi tulluu hedduun waan marfamteef sigiga lafaaf hedduu saaxilamtuudha.
Biraaziil keessatti balaan sigiga lafaa hamaan kan mudate bara 2011 ture, yeroo sana magaalaa kana keessatti akkasumas magaalota ollaa keessatti walumaagalatti namoonni 900 ol du'aniiru.



















