Naannoo Amaaraa: Balaan sigiigoo lafaa lubbuu namoota 8 galaafate

Bakka balaan sigigoo lafaa itti qaqabe

Madda suuraa, East Gojam communication offce

Balaan sigigoo lafaa Naannoo Amaaraa Godina Gojjaam Bahaatti mudateen namoonni sadeet lubbusaanii dhabaniiru.

Balaa Godinichatti Aanaa Goonchaa Siisoo Innaseetti kaleessa sa'atii 7:00 irratti mudateen namoonni saddeet kan du'an yoo ta'u, jahan isaanii miseensoota maatii tokko isaan lama ammoo ollaa hojii gargaaruuf bakka biraatii kan dhaqaniidha.

Hogganaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Goojjam Bahaa Obbo Gaashaayee Geetahuun BBC'tti akka himaniitti, wayita sanatti Abbaa manaa qofatuu lubbuudhaan ba'e.

Abbaan warraa lubuudhaa hafanis balaa kana irraa kan hafu dahda'aan waan mudannichi yeroo isaan bataskaana turan mudachuusaatti baraaramu danda'aniiru jedhan.

Akka Obbo Gaashaayee jedhaniitti miseensoonni maatiin mana keessa turan hundinu dhumaniiru.