Amajjii keessa mancaatiin bosona Amaazoon olaanaan galmaa'e

Madda suuraa, Reuters
- Barreessaa, Joorjiinaa Raanaard
- Gahee, BBC News
Lakkoofsi mukkeen bosona Amaazoon kan Biraazil keessa jiru keessaa Amajjii keessa murame, kan bara darbe baatii wal fakkaataa keessa murame daran akka caalu ragaan saatalaayitii mootummaa mul'ise.
Lafti bosonaa bara kana Amajjii keessa manca'e kan bara 2021 dachaa shaniin caala. Erga bara 2015 ragaan galmeeffamuu eegalee ammoo mancaatii Amajjii keessa dhaqqabe isa olaanaadha.
Kanneen eegumsa naannoof falman pireezidantiin Biraaziil Jeer Bolsanaaroo bosonni akka ariitiin manca'u hayyaman jechuun pireezidanticha qeequ.
Mootummaan Biraazil Hagayya bara darbee hanga Amajjii bara 2022 jidduutti walumaagalatti mancaatiin bosonaa xiqqaateera jechuun falma.
Jijjiirama qilleensaa addunyaan ittiin wal'aansoo qabaa jirtu to'achuuf bosona Amaazoon tiksuun dirqama.
Mukkeen barbaacha akkasumas dhaabilee addunyaa nyaata omshaniif midhaan dhiyeessuuf jecha lafa qonnaa babal'isuuf bosonni Amaazoon manca'aa jira.
Yaa'ii jijjiirama qilleensaa COP26 bara darbe Gilaasgootti taa'ame irratti mootummoonni biyyoota 100 olii mancaatii bosonaa dhaabuu fi kan amma dura manca'es bara 2030tti bakkatti deebisuuf waadaa galanii turan.
Lafti bosonaa Amajjii bara kanaa keessa manca'e bal'inni isaa iskuweer kiiloomeetira 430 yoo ta'u, Maanhaataan - Niwu Yoork dachaa torba caalu mancaa'eera.

Madda suuraa, Reuters
Roobni kanneen muka muran akka salphaatti bosona yabbuu keessa socho'uu waan danquuf mancaatiin bosonaa silaa Amajjii keessa hir'isuu qaba ture.
Bosonno kun gaazii qilleensa faalu addunyaa iddoo gara garaatii atimoosfeeriitti gadi dhiifamu xuuxuun qilleensi qulqulluu akka jiraatu gochuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Haata'u malee haguma bosonichi manca'aa deemu hammi qilleensa faalama bosonni qulqulleessuu danda'uu daran xiqqachaa adeema.
Ammoo hawaasni bosonicha jiruu fi jireenya godhate, bosonicha fayyadamuu baannaan waan ittiin jiraatu hin qabne jira.
Pireezidantiin Biraaziil Aab Bolsonaaroon illee mootummaan hiyyummaa xiqqeessuuf qabeenya bosonaa kana fayyadamuu qaba jedhee falma.
Gama kaaniin ammoo hawaasni jeebanti bosona kana keessa jiraatan kan bosonichaafi akkaataa jireenyaa isaanii tiksuuf qabsaa'an jiru.













