Covid: Suuraa hawaasa ganamaa Biraaziil talaalliin Amazoon keessatti rakkisaa ta'uu mul'ise

Madda suuraa, Erik Jennings Simões
Hawaasa ganamaa Biraaziil, bosona Amazoon keessa jiraatan keessaa tokko kan ta'e dargaggeessi tokko osoo abbaasaa dugdatti baatee iddoo talaalliin jiru deemaa jiruu suuraan kaafame, bakka addunyaarraa moggaatti baatee jirtu kanatti talaallii kennuun hagam rakkisaa akka ta'e kan mul'isedha.
Suuraa osoo dargaggeessi umrii waggaa 24 Tawy Zo'e, abbaasaa umrii waggaa 67 Wahu dugdatti baatuu mul'isu kana doktarootatu erga isaan talaallii fudhatanii ba'anii kaasan.
Hawaasi ganamaa bosona Amazoon keessa jiraatan iddoo talaalliin jiru ga'uuf lukaan sa'tii hedduu(yoo xiqqaate sa'atii ja'a) imalu.
Ragaan mootummaa biyyattii akka mul'isutti weerara koronaavaayirasiin hawaasa ganamaa kana keessaa namoonni 853 du'aniiru.
Gareen mirga namoota ganamaa kanaaf falmuu garuu lakkoofsi kun akkaan kanarra jira jedhu.
Dhaabbati miti-mootummaa Biraaziil keessatti argamu-Apib-jedhamu Bitootessa 2020 hanga Bitootessa bara 2021tti qofa namoonni 1,000 du'uu qorannoo gaggeesseen mirkaneessuu hime.

Madda suuraa, SESAI
Dargaggoo Tawy fi abbaansaa Wahu hawaasa Zo'e kan miseensa 325 qabu keessaati.
Ollaa hawaasa ganamaa bosona Amazoon lafa bal'ina dirree kubbaa miilaa miiliyoona 1.2 ta'u kan kaaba kutaa biyyaa Para jedhamutti argamu keessaa kan isaanii akkaan fagaatee moggaarratti argama.
Doktarri suuraa kana kaase-Erik Jennings Simões, Aab Wahu ijisaanii arguu akka hin dandeenyee fi sababa dhibeetiin deemuu kan hin dandeenye ta'uu hime.
Tawy abbaasaa lukaan sa'atii shanii hanga ja'aa baatee imalee akka garasaanii fides himeera.
Suuraan kun Amajjii bara 2021 keessa kan kaafame yoo ta'u, haalli kunis weerarri Covid-19 Biraaziil keessatti hagam hammaataa akka ta'e kan mul'ise ture.
Dr Simões garuu suuraa kaase kana bara kana gaafa Amajjii 1 inistaagiraamii irratti maxxanse.

Madda suuraa, SESAI
Biraaziil keessatti wayita talaalliin eegalamu hawaasi ganamaa dursa ni argatu jedhamee ture.
Garuu hawaasi kunneen faffaca'anii lafa bal'aa irra waan jiraataniif, bakkaa bakkatti imalanii talaallii kennuun ogeeyyii fayyaaf qormaata cimaa ture.
Keessaahuu hawaasa Zo'e kan moggaarra jiraatu bira ga'uun rakkisaa ta'eera.
Ogeeyyiin fayyaa kunneen boodarra bakkuma namoonni kunneen jiraatan bosona keessatti godoo ijaarrachuun talaallii kennuu eegalan.
Hawaasa waliin karaa Raadiyoo wal-quunnamna kan jedhu Dr Simões ''adeemsa hojii aadaa fi jiruu fi jireenya hawaasa kanaa kabaju diriirsuun hojjetaa jirra,'' jedha.
Aab Wahu Fulbaana darbe sababa hin beekamneen du'an, ilmisaanii Tawy ammoo maatiisaa waliin hafe, yeroo ammaa talaallii marsaa sadaffaa fudhateera.













