Laga Keeniyaa tokko keessatti reeffi namoota 20 jooniyyaan gatamee argame

Madda suuraa, Tiwiiterii Miliisent Omanga
Torbanoota dhiyaa keessatti Lixa Keeniyaa laga jiru keessatti yoo xiqqaate reeffi namoota 20 jooniyyaa keessatti argamuu, gartuuleen mirga namoomaaf falman himan.
Gartuun HAKI Africa akka BBC’tti himeetti, reeffi Laga Yaalaa keesatti argaman hedduun isaanii jooniyyaa keessa kan turan yoo ta’u, gariin isaanii hidhamanii kaan ammoo qaamni isaanii ciccitee ture.
Hogganaan olaanaa HAKI Africa, Huseen Kaalid, akka jedhanitti, manni awaalchaa naannicha reeffa eenyummaan isaanii hin beekamne kunneen simachaa ture ammattii, reeffa kaaniif bakka uumuuf jecha, Onkololeessa keessa reeffa sagal jumlaan awwaaleera.
Jiraattonni naannicha akka jedhanitti reeffi kunneen galgalaan namoota hin beekamneen lagichatti gatamani.
Gazeexessaa fi nama siyaasaa Bonifees Muwaangii waliin ta’uun gara naannicha kan imalan Obbo Kaalid, ofii isaanii ijaan reeffi lama yeroo lagarra bololi’u arguu isaanii himu.
HAKI Africa akka himanitti, yemmuu mana awwaalchaa naannichaa ga’innitti, reeffi namoota hin beekamne 21 argamee ture.
Sana booda gara Laga Yaalaatti yemmuu imalan, namni reeffa laga keessaa baasuu, erga Adoleessa 2021 as reeffa 31 lagicha keessaa baasuu isaa fi isaan keessa 10 jooniyyaa keessa akka turan akka itti hime ibsaniiru.
Jiraattonni lagichaa gadditti jiraatan bishaan laga kanaa dhugaatiif akka fayyadaman baruu isaaniis ibsaniiru.
Galgala galagala konkolaan pikaappii fi probox jedhaman reeficha yeruu hedduu lagatti akka gatan jiraattotta naannicha eeruun HAKI Africa ibseera.
Akka dhaabbataatti taatee kanaan hedduu rifachuu kan ibsan HAKI Africa, eenyummaan namoota kanaa adda baasuuf tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamuu gaafachuus ibsaniiru.
Dabalataanis mootummaan ajjeechaa kana eenyu raawwatee, reeficha akka gataa jiru adda baasuun, tarkaanfiin to’annoo jala oolchuu akka fudhatamu gaaffachuu himaniiru.
Odeessa kanatti dhiyaatan biroof:













