Ameerikaan madaa hokkora kaappitol irraa hin fayyine - Joo Baayidan

Guyyaa yaadannoo hokkora kaappitol waggaa tokkoffaa irratti pireezidantiin US Joo Baayidan pireezidantii duraanii Doonaald Tiraamp cimsanii qeeqan.

Haasawa kallattiin TV irratti darbeen pireezidantiin duraanii soba facaasuun gamoon seera baastota US (US Capitol) akka haleelamu taasiseera jedhan.

Deeggartoonni Tiraamp Amajjii 6 bara 2021 wayita koongirasiin Ameerikaa injifannoo filannoo pireezidantummaa Baayidan mirkaneessuuf walgahetti gamoo kaappitol weeraruun hokkora kaasan.

Taateen kallattiin tamsa'aa ture kun addunyaa guutuu rifaasise.

Aab Tiraamp hiriira guyyaa sana Waayit Haawus fuullee ture irratti deeggartoonni isaa gara gamoo kaappitol "karaa nagaa" akka duulan, garuu ammoo akka "lolan" ergaa dabarse.

Deeggartoonni isaa filannoo pireezidaantummaa irratti hanni raawwatameera jedhanii amanu, garuu kun raawwatamu ragaan hin argamne.

Dubbii waggaa tokkoffaa taatee kanaarratti Joo Baayidan dubbatan booda Doonaald Tiraamp battalatti ibsa baasaniin, kufaatii Joo Baayidan himan.

Irra deebiinis filannoo hatameen aangoo qabachuu isaanii ragaa osoo hin dhiyeessiin qeeqan.

Miseensonni koongirasii paartii Diimokiraat guyyicha yaadachuuf dungoo ibsuu dabalatee sagantaawwan hedduu qopheessaniiru.

Hedduun isaan wanta guyyaa sana isaan mudate, akkamiin kanneen hokkora kaasan dhokatanii akka jalaa bahan himaniiru.

Hokkora kanaan wal qabatee amma dura qorannoo godhameen namoonni 725 shakkamanii to'annoo jala oolfamaniiru.

'Dimokiraasii Ameerikaa mormarra waraanuuf...'

Aab Baayidan haasawa Kamisa taasiseen jechoota jajjaboo fayyadamee Tiraamp fi hokkora kaappitol qeeqe.

"Kanneen kaappitol weeraran akkasumas kanneen kakaasan, albee qara morma Ameerikaa fi diimokiraasii Ameerikaatti qabani" jedhan Aab Baayidan.

Haasawa kana taasisan galma kaappitol hokkortootaan weerarame keessa dhaabbataniiti.

"Lolaa fi hokkoraan as keessa seenan, Ameerikaa tajaajiluuf osoo hin taane fedhii nama tokkoo tajaajiluuf" jechuun dubbatan.

"Pireezidantiin duraanii Ameerikaa waa'ee filannoo 2020 soba hedduu uumee facaase ... of tuulummaan isaa dimokiraasii fi heera keenyaa caalaa isaaf barbaachisaa ture," jedhan.

Ammallee doorsifni diimokirasii Ameerikaarratti godhamu hin dhaabbanne jechuun akeekkachiisan.

Koongirasiin Ameerikaa boodarra kanneen hokkorichaan miidhamaniif yaadannoo sammuu taasiseera. Miseensonni rippabliikaanii tokko tokko sirna kanarratti hin argamne.