Qorichi sammuu hadoochu paarlaamaa UK keessatti argamuu poolisiin qorachuufi

Madda suuraa, PA Media
Af-yaa'iin paarlaamaa UK (House of Commons) Sar Liindiseey Hooyilee dhimma 'qorichi sammuu hadoochu' paarlaamaa keessatti argamuu poolisiif akka gabaasan himan.
Barruun 'Sunday Times' hafteen Kookeeyinii naannoo manneen fincaanii paarlaamaa UKtti argamuu gabaase.
Kun "akka malee yaaddessaadha" kan jedhan Sar Liindiseey, kanneen seera cabsan adabamuu qabu jechuun BBC'tti himan.
Oduun kun wayita mootummaan UK rakkoo itti fayyadama 'qoricha sammuu hadoochuu' to'achuuf waggoota sadii itti aananiif paawondii miliyoona 700 ramadee jirutti.
Maallaqni kun namoota qorichoota akkasii waliin qabaman adabsiisuu caalaa, namootni araada 'qoricha sammuu hadoochuu' irraa akka dandamatan gochuurratti xiyyeeffata.
Akka gabaasni 'Sunday Times' jedhutti manneen fincaanii 12 paarlaamaa keessatti argaman keessaa tokkorraa kan hafe hunda keessatti hafteen kookeeyinii argameera.
Komiishiniin paarlaamaa fi waajjira MM bulchu saroota foolii fuudhanii qoricha adda baasuu danda'an fayyadamuuf jedha.
Nama araadaan rakkachaa jiru yoo jiraate gargaaruuf duubatti hin jennu kan jedhan Af-yaa'ii Sar Liindiseey, warreen seera cabsanii maqaa gaarii dhaabbatichaa xureessan garuu seeratti dhiyeessinaa jedhan.
Dhimmicha poolisiin akka qoratuuf gabaasa akka godhanillee BBC'tti himaniiru.
Akka seera UKtti namni 'qoricha sammuu hadoochu' sadarkaa A jalatti ramadaman akka Kookeeyinii qabatee argame hanga hidhaa waggaa 7n adabama.
Kan warra fayyadamaniif dhiyeessu ammoo hidhaa umurii guutuu ykn maallaqa daangaa hin qabne ykn ammoo lamaanuu adabama.
Ragaaeen biyyaalessaa Ingilaand akka agarsiisanitti hanga Bitootessa bara 2020tti namoota umuriin isaanii 16 hanga 59 jiru 11 keessaa namni tokko 'qoricha sammu hadoochu' fayyadamu.
Kanneen keessa dhibbeentaa 3.4 ykn ammoo namoonni tilmaamaan miliyoona 1.1 qoricha sadarkaa A jalatti ramadame fayyadamu.












