Waancaa Addunyaa: Poorchugaal yookaan Itaaliin biyyoota jajjaboo Waancaa Addunyaan ala tahuuf dirqaman

Le'oonaardoo Boonuchii Waancaa 2020 yeroo taphattoota kaan waliin kaasu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itaaliin Shaampiyoonaa Awurooppaa bara 2020 Waancaa Adunyaaf darbuuf tapha gulaalliiti galte

Ramaddiin taphoota gulaallii walakkaa xumuraa fi xumuraa ifa ta'eera. Ramaddii kanaan Poorchugaal fi Itaalii keessaa tokko Waancaa Addunyaan ala tahuuf dirqamu.

Tapha gulaallii Waancaa Addunyaa walakkaa xumuraan Itaalii fi Makedooniyaa Kaabaa walitti fida. Poorchugaal ammoo Tarkii waliin taphatti.

Ramaddiin kun Shaampiyoonaan Awurooppaa Itaaliin yookiin ammoo gareen Kiristaanoo Roonaaldoo Poorchugaal akka Waancaa Addunyaa Qaatar 2022 irratti hin argamne dirqiiisa.

Sababni isaas biyyootni lameen yoo morkattoota isaanii jechuun Itaaliin Masedooniyaa Kaabaa, Poorchugaal ammoo Tarkii yoo mo'atan biyyootni lameen ammas waliin taphachuun abbaan injifate imala gara Qaataariif darba.

Kun ammoo biyyoota gurguddoo Waancicha injifachuu danda'u jedhamuun eegaman keessaa tokko akka hafan taasisa.

Taphni walakkaa xumuraa biraan Iskootilaandi Yuukireen waliin morkatti. Weelsi ammoo Oostiriyaa waliin taphatu.

Yoo Iskootilaandii fi Weelsi mo'atan istaadiyeemii Kaardif irratti Waancaa Addunyaa Qaatar qopheessituuf darbuuf ammas wal morkatu.

Weelsi waggoota 64 booda Waancaa Addunyaaf darbuuf taphatti. Iskootilaandi ammoo waggoota 24'f osoo hin darbiin turteetti.

Ronaaldoo

Madda suuraa, BBC Sport

Ramaddii Walakkaa xumuraafi Xumuraa

Iskootilaandi v Yuukireen

Weelsi v Osstiriyaa

Raashiyaa v Poolaandi

Poorchugaal V Tarkii

Iswiidin V Cheek Rippaablik

Itaalii v Masedooniyaa Kaabaa

Ramaddii Xumuraa

Weelsi ykn Oostiriyaa v Iskootilaandi ykn Yuukireen

Raashiyaa/ Poolaandi v Iswiidin/ Cheek Rippaabilik

Poorchugaal/ Tarkii v Itaalii/ Masedooniyaa Kaabaa

Xumura Poorchugaal yookaan Itaalii...

Itaaliin bara kana Waancaa Awurooppaa 2020 mo'ataniiru. Poorchugaal ammoo bara 2016 Waancaa Awurooppaa mo'atte.

Yoo lamaan isaanii morkattoota isaanii mo'atan dhumarratti walitti dhufuun taphatu. Garuu taphichi dirree Poorchugaal irratti kan gaggeefamu yoo tahu tapha deebii hin qabu.

Kun ammoo Poorchugaaliif carraa gaarii kennuu danda'a.

Osoo hin darbiin hafuun, yeroo afur Waancaa Adunyaa kan mo'atte Itaaliif kufaatii guddaadha. Sababni isas Waancaa Adunyaa bara 2018'f osoo hin darbiin hafteetti. Kun ammoo waggoota 60 seenaa galmaa'edha.

Leenjisaan Itaalii Roobertoo Maansiinii kun nuuf ramaddii ulfaataadha jedhan. Masedooniyaan Kaabaa garee cimaadha. Yoo mo'annes dirree keenyaan ala taphachuu qabna.

Silaa xiqqoo wayyaa qaba ture. Garuu ofitti amanamumma qabna. Keessumaa yeroo ulfaataa akkasii kanati,'' jedhan.

Poorchugaal kan kuftu taanaan ammoo Kiristaanoo Roonaaldoo kan amma ganna 36 taheef tapha xumuraa Waancaa Adunyaa inni gaggeesse tahuu danda'a.

Taphataa cimaan biraa Waancaa Adunyaa irratti eegamu Rooberti Lewandowiskii yoo tahu biyyi isaa Poolaandi morkattota ishee mo'achuun dirqama taha.