Guyyaa namootni jaalallee hin qabne kophummaa isaanii itti kabajatan

Madda suuraa, Lilly Roadstones
Guraandhala 14 guyyaa jaalalleewwanii (Valentines Day) jedhamee yemmuu addunyaa irratti kabajamu, jaalalleewwan kennaa waliif kennuun, jaalala isaanii waliif ibsuu fi yeroo addaa waliin qabaachuun haala adda addaan kabaju.
Namoota jaalallee hin qabneef guyyaan kun filatamaa ta’uu dhiisu mala.
Ta’us garuu guyyaa namoota jaalallee hin qabnee jedhamuun guyyaan kabajamu akka jiru beektuu?
Sadaasa 11, guyyaa namoota jaalallee hin qabne (Singles' Day) jedhamee kabajama, keessumaa Chaayinaa keessatti.
Guyyaa kana irratti namootni jaalallee hin qabne, qophaa ta’uu isaanii akka kabajanii fi guyyaa itti of kunuunsan akka ta’uuf uumame.
Kabaji guyyaa kanaa maalii kan jedhu irratti tilmaama hedduutu jira.

Madda suuraa, Oscar Wong
Kanneen keessaa caalaatti kan simatameeru, bara 1993’tti doormii Yunivarsitii Nanjiing keessatti eegaluu isaadha.
Barattoonni dhiiraa afur, jireenya jaalallee dhabuu gaddaan guute dhiisanii, Sadaasa 11 guyyaa kophaa ta’uu isaanii itti kabajan akka ta’uuf murteessani, akka odeessi marsariitii Wikipedia ibsutti.
Guyyaa 11/11 kan filatanis lakkoofsi tokko tokko qofaa wal bira dhaabbate akka isaaniin bakka bu’uufi.
Boodarra shaakalli kun yunivarsitii tokkorraa isa kaanitti daddarbaa, babal’achaa dhufe.
Jalqabarratti dhiiroota qofaan kabajamaa kan ture guyyaan kun, boodarra shamarranis ayyaanicha kabajuun, namootni jaalallee hin qabne guyyaa kana guyyaa itti kophummaa isaanii leellisatan ta’eera.
Dabalataan ammoo guyyaa kanarratti, qophii itti dargaggoonni jaalallee barbaadan walitti qabamanii wal ilaallatan qopheessuunis baramaadha.
Yunivarsitoonni adda addaa guyyaa kana irratti sagantaalee addaa hedduu ni qopheessu. Namootni bebbeekamoo Chaayinaas guyyaa kana irratti konseertii fi sagantaa adda ni qopheessu.
Namootni gariin ammoo guyyaa kana irratti jaalallee argachuuf fedhii qaban ibsuun kabajatu.

Madda suuraa, Keep It 100
Dabalataan ammoo namootni guyyaa kana irratti gaa'eela dhabbachuuf filatan jiru. Akka odeeffannoon marsariiti National Holiday Calander irra jiru ibsutti, bara 2011tti Beejiing keessatti qofa jaalalleewwan 4,000 guyyaa Singles' Day irratti cidha isaanii gaggeeffataniiru.
Guyyaan kun mootummaa Chaayinaatiin akka guyyaa ayyaanaa seera qabeessatti labsamuun beekamtii hin arganne. Ta’us garuu guyyaan kun addunyaa irratti akka guyyaa gabaa guddaatti fudhatamee beekama.
Sababiin isaas bara 2009 irratti gabaan intarneetaa Alibaba, guyyaa kana fayyadamuun gurgurtaa gabaa intarneetaa guddaa beeksiseera.
Guyyaan kun ayyaana Guyyaa Biyyaalessaa fi Waggaa Haaraa Chaayinaa giddurraa waan bu’uuf yeroo itti namootni mi’a itti bitatan yoo ta’u, guyyicha yaadachuufis salphaadha jedha.
Boodarra guyyaan Singles’ Day kun beekkamtii argachaa deeme. Gabaan interneetaa biroonis guyyaa kana irratti gatii mi’aa hir’isuun gabaa isaanii itti beeksisuu eegalani.
Guyyaan mufannaa barattoota jaalallee hin qabneen eegalamuun, amma guyyaa namootni jaalallee hin qabne ofii isaaniif kennaa bitan ta’uun hundeeffamee kun, amma caalaatti guyyaa gabaa interneetaa guddaa (massive online sale) itti gaggeeffamu ta’eera.
Fakkeenyaaf bara dabre keessa dhaabbileen Chaayinaa gabaa intarneetarraan beekaman Alibaba fi JD.com jedhaman, guyyaa kanatti gurgurtaa meeshaalee doolaara biiliyoona 115 tahu gaggeessuun isaanii gabaafameera.















