Antooniyoo Koontee Tootenahaamiif, Unay Imiree fi Shaampiyoonsi Liigii har'aa

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Simon Stone
- Gahee, BBC Sport
Tootenahaam leenjisaa duraanii Chelsii Antooniyoo Koontee leenjisaa isaanii gochuun bakka Nuunoo Ispiritoo qacaran.
Hojii gaggeessaa ol aanaa Daani'eel Leevii fi daarikterri kilabichaa Faabiyoo Paratisii Wiixata kaleessaa leenjisaa lammii Xaaliyaanii kana waliin dubbachuun waliigaltee irra gahan.
Nuuno Espiriitoo Saantoo ji'oota afuriif erga Tootenahaam leenjisee ari'ame.
Koonteen hanga Waxabajji 2023tti Tootenahaam waliin waliigaluutu himame. Koonteen Piriimer Liigii keessatti leenjistoota miindaa guddaa argatan keessaas tokko taha.
Lammiin Xaaliyaanii Koontee kan amma umuriin isaa ganna 52 tahe erga Inter Miilaan shaampiyoonaa Xaaliyaanii godhee hojiisaa gadhiisee as akkasumatti ture.
Koonteen yeroo Chelsii leenjisaa turetti waancaa Piriimer Liigii fi FA Kaappii injifachuun bara 2018 ammoo qabxii gadi bu'aan eegallaan ari'ame.
Taphataan sarara gidduu duraanii kun kana dura bara 2011 -2014tti Juuventas leenjisuun waancaa Serie A sadii injifateera. Akkasumas bara 2014-2016tti garee biyyaalessaa Xaaliyaanii leenjiseera.
Nuunoon taphoota 17 irratti qofa waliigalaan Tootenahaam leenjisee tapha Maanchister Yuunaayitid waliin taasisan irratti ammoo 3 fi 0'n mo'amnaan ari'ame.
Faabiyoo Paratisiin kana dura Koontee wajjin hojjetee waan beekuuf inni nama kilaba keenya fuulduratti deemsisudha jechuun waan leenjisichi barbaadu fudhatan.
Oduu biraan ammoo abbootii qabeenyaa Sawudiin erga bitamee Niw Kaasil leenjisaa haaraa kilabicha guddisu barbaadaa jira.
Koonteen leenjistoota maqaa dhahaman keessaa tokko taure. Garuu Tootenahaam galuuf murteesse. Amma Niw Kaasil leenjisaa duraanii Arsenaal kan amma Vilaariyaal leenjisaa jiru Unay Imiree qacaruuf waliin dubbataa jira.
Unaay Imireen waancaa Liigii Awurooppaa injifachuun leenjisaa maqaa guddaa qabudha. Kana dura PSG fi Arsenaal leenjisaa yeroo tures cimina gaarii agarsiisee ture.
Imireen Arsenaal keessatti milkaa'ina guddaa dhabus taphoota gaggeesseen %55 ol injifataa ture. Amma Niw Kaastil kan leenjisuuf waliigalu yoo tahe taphattoota kilabicha jijjiran jedhe keessatti lammii Naayijeeriyaa Chikwuuzee dabalatee taphatota biraa ji'a Amajjiitti mallattesisu barbaada.
Niw Kaasil erga Istiiv Biruusiin gaggeessee itti aanaa isaan durfamaa jira.
Har'a taphootni Shaampiyoonsi Liigiis ni gaggeeffamu. Muddama keessa kan jiru Ole Gunaar Soolshaayer har'a gara Xaaliyaaniitti imaluun Atalantaa waliin morkata.
Maalmoo v Chelsii
Woolfsibargi v RB Saalsibargi
Daayinamo Kiiyev V Baarseloonaa
Baayern Muunik v Benefiikaa
Vilaariyaal v Yaangi Booyis
Juuvantas v Zeenit st Piitersbarg













