Aguweeroon tapha Baarseloonaan Alaves waliin 1 walqixa baherratti miidhamee hospitaala gale

Serjiyoo Aguweeroo tapha gareen isaa Baarseloonaan Alaves waliin goolii 1n walqixa bahe wayita taphataa jirutti 'dhukkubbii laphee' isa mudateen erga rakkateen booda hospitaala geeffameera.

Taphni kun erga Roonald Kohemaan ari'amee booda kan jalqaba taphatanidha.

Aguweeroon boqonnaa dura tapha keessa osoo jiruu harkaan laphee isaa qabatee kufee booda osoo gara hospitaalaatti hin geeffamiin dura dirree keessatti daqiiqaa dheeraaf wallaansi kennameeraaf.

Boodarra Baarseloonaan "qorannoon onnee" akka taasifamuufiif gara hospitaalaa geeffame jedheera.

Jifataa duraanii kilaba Maanchester Siitii kan ta'e Aguweeroon taphataa umuriin isaa waggaa 33 ta'edha.

Taphataan kun erga dirree keessatti laphee isaa qabatee kufeen booda wallaansa atattamaa erga taasifameefiif ambulaansiidhaan gara hospitaalaatti geeffamuu gaggeessaan kilabichaa yeroodhaafii Serjii Baaryuhaan TV La Liga'tti himeera.

"Waan baayyee isinitti himuu hin danda'u. Hospitaala akka geeffameefi akka qorannoon taasifameefiif nan beeka."

Taphataan lammii Arjentiinaa kun jijjiirraa tibba Gannaa kana taasifameen gara Baarseloonaa erga deemee kun tapha isaa jalqabaa taasisuu isaati.

Aguweeroon Maanchester Siitii keessa aggoota 10 erga tureen booda kontiraata wagga lamaa Baarseloonaa waliin mallatteessun garas deemeera.

Turtii isaa Maanchester Siitii keessattis taphoota 390 taphate irratti gooliiwwan 260 lakkoofsisuun kilabichaaf taphataa yeroo ikamiyyu gooliiwwan hedduu lakkoofsise jedhameera.

Qabxiin Baarseloonaa erga Alaves waliin walqixa bahee akka inni sadarkaa saglaffaarra taa'u isa taasiseera. Kunis La Liga duraa kan jiru Riyaal Maadiriidiin qabxii saddetiin caalameeti.

Riyaal Maadiriid tapha Sanbata kaleessaan Eolche 2-1n injifateera.