Waraana Tigraay: Mootummaan Itoophiyaa Maqaleetti haleellaa qilleensaa sadaffaa raawwate

Madda suuraa, DT
Mootummaan Itoophiyaa guyyaa sadaffaaf magaalaa guddoo Tigraay Maqalee keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu mirkaneesse.
Haleellaa sadaffaa kanaan buufata leenjii waraanaa humnoonni Tigraay itti fayyadaman rukutuu ministirri komunikeeshinii Itoophiyaa Laggasaa Tulluu (PhD) Rooyitarsitti himaniiru.
Buufatni leenjii waraanaa kun kan amma dura raayyaan ittisaa Itoophiyaa ajaja Kaabaa itti fayyadamaa ture ta'uus dabalanii himuu Rooyitars gabaaseera.
Haleellaa qilleensarraa jalqabaa Wiixata darbe kan raawwate yoo ta'u, meeshaalee komunikeeshinii TPLF itti fayyadamaa ture barbadeessuu irratti kan xiyyeefate akka ta'e mootummaan himeera.
Haleellaan qilleensarraa lammataa Roobii darbe raawwate ammoo naannoo Masfin Indastiriyaal Injinariing jedhamuun beekamu, bakkewwan TPLF meeshaa waraanaa itti omishuu fi suphaturratti kan xiyyeeffatedha jedheera.
Dubbii himaan TPLF Obbo Getaachaw Raddaa jeettiin waraanaa mootummaa Kamisa sa'aa booda magaalittiirra marsaa akka turte malee xiyyeeffannoo kamuu rukutuu quba akka hin qabne Rooyitarsitti himaniiru.
Haleellaan qilleensaa kun wayita humnoonni Tigraay fi raayyaan ittisaa Itoophiyaa naannoo Amaaraa Kibba Walloo keessatti lola jabaatti jiranitti raawwatamaa jira.
Guyyaa kaleessaa humnoonni Tigraay magaalota Kibba Walloo Hayiq fi Bitsima jedhaman to'achuu himanii, magaalota akka Deessee fi Kombolchaatti aggaamaa akka jiran beeksisanii turan.
Mootummaan naannoo Amaaraas namni humna qabu martuu gara Walloo akka duulu waamicha dhiyeessee jira.

Madda suuraa, Reuters
TPLF haleellaawwan qilleensaa mootummaan walitti aansuun raawwateen namoonni nagaa miidhamaa jiru jedha.
Haleellaa guyyaa jalqabaan qofa namoonni sadi du'aniiru jedha. Haleellaa Roobbii kaleessaatiin ammoo haadha ulfaa dabalatee namoonni saddeet madaa'anii hospitaala galuu ogeeyyiin fayyaa BBC'tti himanii turan.
Ministeerri Ittisaa Itoophiyaa ibsa baaseen humni qilleensaa humna lafoo Itoophiyaa deeggaruun Tigraay keessatti kuusaa fi suuphaa waraanaa, buufataalee leenjii, buufataalee ajajaa akkasumas konkolaattota loojistiksii fi qabeenya miliqsuurratti bobba'an mancaasurratti akka argamu ibseera.
Haleellaawwan kunneen namoota nagaa haala hin miineen rawwatamaa jirus jedhe.
Lolli kun mariin xumura akka argatu dhiibbaa gochaa kan jirtu Ameerikaan, haleellaan qilleensaa mootummaan raawwate lola hammeessa jechuun balaaleffattee jirti.
Waraana erga eegalee ganna tokko guutuuf guyyooti muraasni hafan kanaan namoonni kumaatamni yoo du'an, miliyoona lamaa ol qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Tigraay dabalatee naannoolee Amaaraa fi Affaar keessatti walumaagalatti namoonni miliyoona 7 ta'an ammoo deeggarsa namoomaa barbaadu.













