Iskindir Naggaa 'reebichi waan irra gaheef dhaddacharraa hafe' - Abukaatota

Dhimmi isaanii Mana Murtiitti ilaalamaa kan jiru Obbo Iskindir Naggaa mana hidhaa keessatti reebicha irra gaherraa kan ka'e dhaddacha Kamisaa dhimma isaanii ilaalurraa hafuun ibsame.

Dura taa'aan dhaaba siyaasaa Baaldiraas Dimookraasii Dhugaaf, Obbo Iskindir Naggaa, waahillan isaanii sadii waliin erga hidhamanii waggaan tokko booda ragaaleen himannaa isaaniirratti dhiyaatan Roobii darbe dhagaahamuu eegalan.

Ta'uus rakkoo Obbo Iskindir mana hidhaatti mudate irraa kan ka'e dhaddacharratti argamuu akka hin dandeenye abukaatoowwan isaanii BBC'tti himaniiru.

Abukaatoowwan isaanii keessaa tokko kan ta'an Obbo Salamoon Gazzaahenyi, Obbo Iskindir dhaddacha irraa kan hafaniif mana hidhaa keessatti nama ofiis hidhaa jiru tokkoon reebichi waan irra gaheef ta'uu himaniiru.

Namni reebicha irraan gahe ''amma dura itti dhaadachaa ture'' jechuun Obbo Salamoon dabalanii himaniiru.

Dhaddacha Kamisaa irratti miseensonni dhaaba Obbo Iskindir, Obbo Sintaayyew Chakkol, Asteer Siyyuum fi Askaalee Damillee dhiyaatanii Obbo Sintaayyeew sababa Obbo Iskindir hin dhiyaanneef mana murtiif ibsuus himaniiru abukaatoon isaanii kun.

Bakka bu'aan mana hidhaa sanii hidhamaa tokko waliin guyyaa Roobii walitti bu'iinsi dhalachuu himee, Kamisa ganama beellama mana murtiin Obbo Iskindir fudhachuuf gaafannaan dhiyaachuu akka hin barbaanne itti himamuu mana murtiif ibseera.

Bakka bu'aan mana hidhaa Obbo Iskindir reebicha irra gaheen jilba isaaniirraa madaahuu himaniiru. Miidhaan isaanii Mana Murtiitti dhiyaachuurraa kan isaan dhorku osoo hin taane fedha dhiyaachuu waan hin qabneef ta'uus dabalanii himaniiru.

Reebicha obbo Iskindir irra gahe ilaalchisee Mana Amala Sirreessaa Federaalaa irraa ragaa gahaa argachuuf yaaliin BBC'n godhe hin milkoofne.

Dhaddachi Roobii darbe ragaa dhagahuu eegale Kamisas itti fufuun kan irraa ture ta'us himatamaan tokkoffaan waan hin argmaneef marii abukaattotaafii abbaa alangaa waliin godhameen ragaa dhagahuun Wiixata dhufutti akka dabarfamu murtaahuus dhageenyeerra.

Ragaan obbo Iskindir fa'a irratti dhagaahamu golgaa duuba moo ifatti haata'u kan jedhu irratti falmiin gaggeefamaa ture ifatti akka dhagaahamu murtaahuun furmaata argachuun ni yaadatama.

Obbo Iskindiriifi waahillan dhaaba isaanii biroon hokkora ALI bara 2012 ajjeechaa artistii maqaa guddaa Haacaaluu Hundeessaa booda dhalateen shororkeessummaan shakkamanii to'annoo jala oolan.