Weellisaan beekamaa Abeel Tasfaayee - The Weeknd ambaasaaddara Sagantaa Nyaata Addunyaa tahe

Weellisaan Abeel Tasfaayee - The Weeknd

Madda suuraa, Getty Images

Sagantaan Nyaata Addunyaa- WFP weellisaa beekamaa Abeel Tasfaayee sanyii Itoophiyaa qabu ambaasaaddara tola-ooltummaa gochuun muude.

Maqaa wal-tajjii ‘The Weeknd’ jedhamuun kan beekamu weellisaan kuni akka addunyaattii tola-ooltota beela balleessuuf dhaabicha waliin hojjetan waliin dalaguuf deema jechuu dha.

‘The Weeknd’ ji’ootaan dura waraana Tigraayi irratti namoota miidhaman deeggaruuf akka oolu doolaara miiliyoona tokko arjoomee ture.

Dhaabbatichi ibsa baaseen The Weeknd doolaara miiliyoona tokko kana dabalatee hanga yoonaa dhaabota gargaarsaa adda addaaf qarshii miiliyoona sadii tahu arjoomeera.

Sagantaan Nyaata Addunyaa Mootummota Gamtoomanii jalatti socho’u wagga waggaan biyyoota 80 keessatti namoota miiliyoon 100 ol tahaniif deeggarsa nyaata lubbuu baraaru kenna.

Maatiisaa lammiilee Itoophiyaa tahanirraa Kaanaadaatti kan dhalate Abeel Tasfaayee, waraanni kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru akka dhiibbaa irraan gaheefi Sagantaa Nyaaata Addunyaa waliin dhiyeenyaan hojjechuu akka barbaadu himeera.

Sagantaan Nyaata Addunyaa dhaaba isa guddaa deeggarsa nyaata lubbuu baraaru kennudha.

Yeroo ammaa kanatti Kaaba Itoophiyaatti dhaabota idila-addunyaa gargaarsa gochaa jiran keessaas tokkodha.

Dhaabbatichi deeggarsa kennuun dabalata jaarmiyaalee idil-addunyaa gargaarsaaf qindeessuun beekama.

Hojiiwwan muuziqaa isaatiin badhaasa pilaatiniyeemii fi daayimandii kan argate ‘The Weeknd’ gosa muuziqaa ‘pop’ jedhamuun warreen beekaman keessaati.

Abeel marsariitii muuziqaan irratti dhaggeeffatamu ‘Spotify’ jedhamurratti sirbisaa al biiliyoona 86 caalaa dhaggeefatamuun weellistoota baay’inaan dhaggeefatamuun maqaan eeramu keessaati.

Albamiin bara darbe baase ‘After Hours’ gosa muuziqaa ‘R&B’ dhaan sadarkaa tokkoffaarra ture.