Itoophiyaatti koroonaavaayirasiin hammaachuun Hospitaala Eekkaatti sireen ciisichaa guute

Itoophiyaatti weerarri Koronaavaayirasii hammaachaa waan jiruuf kutaa yaala cimaafi sireen hundi dhukkubsattootaan qabameera jedhe Hospitaalli Eekkaa Kotobee.

Jalqaba dhukkubni koronaavaayirasii Itoophiyaatti argamerraa kaasuun tajaajila yaalaa dhukkubsattoota Koronaavaayirasiitiif kennaa kan jiru Hospitaalli Eekkaa Kotobee yeroo ammaa hanga keessumsiisuu danda'uun ol ta'eera.

Hoji gaggeessaan Hospitaalichaa Dr. Yaareed Aggidew BBC'tti akka himanitti weerarrii dhibee Koronaavaayirasii marsaa sadaffaan amma Itoophiyaa keessaatti mul'achaa jiru lakkoofsaa dhukkubsattootaa haalan dabalaa jiraacuu eeran.

"Gosa koronaavaayirasii haaraa Deeltaa Vaayiras jedhamu kuni Itoophiyaa seenuu isaatiin walqabatee lakkoofsi nama koronaavaayirasiidhaan qabamuu haalan dabaleera. Dhukkubsattoota hedduutiu gara hospitaala keenyaa dhufaa jira. Kutaan yaala cimaa erga guutee ji'a tokkoo fi walakkaa taa'eera" jedhan.

Kutaa yaala cimaatiin alattis kutaaleen ciisanii yaaluus yeroo ammaa dhukkubsattootan guutamaa jiraachuus eeran.

Gosti Koronaavaayirasii haaraan 'Delta Virus' jedhamuun beekamu kuni koronaavaayirasii armaan dura turerraa saffisa namaa naamatti daddarbuu olaanaa cimaa akka qabus himan Dr. Yaareed.

"Addunyaa biraa irrattis Delta Virus nama hedduu miidhaa kan jirudha. Inni lakkoofsi nama qabamuu haalan akka dabalu godheera jedheen yaada. Kanaan alatti hawaasni keenyas dagannaa keessa waan jiruufi" jedhan.

Yeroo ammaa kana Hospitaala Eekaa Kotobee kan yaalli koronaavaayirasii itti kennamu keessatti namoonni 200 caalan yaalamaa kan jiran yoo ta'u erga koronaavaayirasiin Itoophiyaatti mul'atee kaasee Hospitaalichi namoota koronaavaayirasiidhaan qabaman 5,000 caalan yaaleera.

Yeroo ammaa kana namoota koronaavaayirasiidhaan qabaman keessaa kanneen oksijiinii barbaadanii fi yaala cimaa seenan qofatu gara hospitaalaaa dhufaa jiras jedhan.

Akkaataa daddarbiinsa koronaavaayirasii irratti hubannoon gahaan jiraatus ofdagannaan hawaasa bira jiruu fi ilaalchota dogogoraa dagannaaf saaxilan maqsuun hawaasni dammaqiinsaan gosa koronaavaayirasii haaraa kanarraa ofeeguu akka qabus dhaaman.