Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Itoophiyaa dorgommii 'Robotics' Chaayinaatti godhame injifatan
Chaayinaa magaalaa Beejiingitti dorgommii 'Robotics' gaggeefameen barattootni Yunivarsiitii Teknoolojiifi Barnootaa Teenzeen lammiilee Itoophiyaa ta'an shan warqee Meetiifi Nahaasa injifatan.
Lammiileen Itoophiyaa dorgommii kanarratti hirmaatan Salaamuu Yisihaaq, Abukaam Getaacheew, Tsaggaayee Alamuu, Yohaannis Hayilamasqaliifi Heenook Seeyifuu jedhamu.
Damee lammiileen Itoophiyaa kun irratti dorgomaniin Salaamuu Yisihaaq warqee, Abuukam Getacheew fi Tsaggaayee Alamuu ammoo Meetii badhaafamaniiru.
Yohaannis Haayilamasqaliifi Henook Saayifuu ammoo meedaaliyaa Nahaasaafi waancaa badhaafamaniiru.
Badhaasa warqee kan argate Salaamu Yisaaq gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen lammiilee Itoophiyaa kun damee "Tri-Co" Robots and Robot Application'' jedhuun akka dorgoman ibseera.
''Dorgommichaaf sa'aatiin sadii kennameera. Sa'aatii kana keessatti qaamolee roobootii gargara bahanii jiran walitti suphuun 'lubbuu itti horuun' roobootii ergama kennamuuf ba'u qopheessuudha'' jedha Salaamuun.
Dorgommii kana irratti kan hirmaatee Salaamuun barnoota digirii sadaffaa qara'aa kan jiru yeroo ta'u dorgommii kana sa'aa 1:53 keessatti xumuruun injifatee warqee badhaafame.
Dorgommii kana irratti dorgomtootni 2000 ta'an yunivariistilee 20 fi dhaabbilee qorannoo fi daldalaa irraa hirmaataniiru.
Salamuun damee 'Industrial robotics and artificial intelligence' jedhuun dorgome.
Waayee dorgommichaa maal beekna?
Dorgommiin kun qaama Konfireensii Roobootii idila addunyaa bara 2015'tti eegalee yeroo ta'u, gama 'artificial intelligence' dorgommiiwwan afurtu dorgomama.
'Tianjin University of Technology and Education' keessatti barnoota digirii sadaffaa hordofaa kan jiru Salaamuun dameen irratti hirmaate sagantaan kompiitaraa kan irratti hin fe'amiin qaamota roobootii adda adda jiran walitti fiduu qopheessuudha.
Dhumarrattis robootichi akka ta'utti walitti galuufi ergama kan bahatu ta'uu mirkaneessuudha.
Sooftiweerii itti fe'uunis qaama dorgommichaati.
''Akka tasaa lammii Chaayinaa waliinan dorgome...roobootiin hojjedhe akka hojjetu mirkaneessaniiru injifachuu koo naaf mirkaneessan'' jedha Salaamuun.
''Bakka biraatii miya akkamiin deddeebisa akka ajajnetti akkamiin socho'a waan jedhu ilaalan''
Roobootiin Indaastirii Itoophiyaaf maal fayyada?
Industirial Robotics qo'achaa kan jiru Salaamuun, barbaachisummaa damee kanaa yoo ibsu Chaayinaafi Jarman omiisha konkolaataa keessatti Roobootii hangam akka fayyadaman akka fakkeenyaatti ibsa.
''Qaamota konkolaataa hedduu kan walitti galchan roobootiiwwaniidha. Namni dhumarratti gaarummaa isaanii ilaaluufi mirkaneeffachuuf yoo deemaan alatti hojicha roobootiitu dalaga.''
Itoophiyaa keessattis omishaalee doromaa ta'an omishuuf teknoolojiin kun barbaachisaada jedha.
''Itoophiyaa keessa meeshaan dheedhiin gahaan jira. isa kana achumatti 'process' gochuun addunyaaf adeemsi itti dandeenyu irratti garuu booddee jirra. Humna namaa leenji'e nu barbaachisa.''
Fakkeenyaaf bunni kiiloon birrii 200 ykn 300 dha. As Chaayinaatti 'process' godhanii kiiloo walakkaa maallaqa biyya kanaan 800'n gurguru. Itoophiyaatti birrii kuma saddeet akka jechuuti. 'Ethio-flavour' jedhanii gurguru. Itoophiyaatti buna sana process godhanii kallattiin gara Chaayinaa osoo export godhanii asharafni maallaqaa Itoophiyaatti deebi'a ture'' jedha.
Warshaalee akka sibiilaa fi simiintoo keessattis industirial robotics artificial intelligence hojiirra oolchuun baasii gad aanaafi humna xiqqaan omisha dhiyeessuu ni dandeessisu jedha Salaamuun.
Salaamuun Itoophiyaa teeknikaal Yunivarsiitii keessattii barsiisaa kan ture yeroo ta'u yeroo biyyatti deebi'u industrial robotics dabalatee gosa oogummaa afuriin dhaloota leenjisuuf kaayyoo qaba.
Itoophiyaa keessatti indaastiriin babal'achaa jira kan jedhu Salaamuun, dameen kun 'artificial intelligence'n deeggaramuun isaa waan hin oolle jedha. Imala garasitti godhamuuf ammoo ogeessii barateefii gahumsi isaa mirkanaa'e ni feesisa jedha.
Damee kana cimsuuf humna namaa gahumsa qabu horuuf akka carraaqus ibseera.