Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa deggersi jiraattota naannoo Tigraay akka fooyya'u gaafate

Manguddoo Tigraay irraa buqqa'anii kaampii SUdaan keessa jiraachaa jiran.

Madda suuraa, ASHRAF SHAZLY

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni miliyoona 1 ol qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru

Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa gargaarsi lammiilee nagaa naannoo Tigraay keessa jiraataniif godhamu akka si'atuu fi fooyya'u qaamoleen hundinuu waan irraa eegamu akka godhan gaafate.

Komishinichi ibsa ALI Fulbaana 1, 2014 baase keessatti naannoo Tigraayitti hanqinni midhaan nyaataa fi mallaqaa mudachuu, gatiin nyaataa fi meeshaalee biroo akkaan dabaluu fi qaala'iinsi jireenyaa yaaddessaa ta'uu ibseera.

Dabalataan dhiyeessiin boba'aa fi tajaajilli geejjibaa hanqina waan qabuuf jiraattonni bakkaa bakkatti socho'uun waan jireenyaaf isaan barbaachisu argachuuf rakkataa akka jiran adda baasuu ibseera jaarmiyaan kun.

Bakkeewwan muraasatti ibsaan darbee darbee akka jiruu fi rakkoon interneetii jiraatus tajaajilli baankii bakka muraasatti ajaja qondaaltota mootummaan kennamaa jiraachuus eereera.

Waraanni naannoo Tigraay kutaalee biyyattii birootti babal'achuun miidhaa lammileerraan kan ga'e ta'us haalli naannoo Tigraay keessa jiru garuu akkaan nama yaaddessa jedha gabaasi kun.

Kanaafuu qaamni dhimmi ilaallatu hunduu xiyyeeffannaa kennuufii qabu jedhe.

Kanarratti dabalataan namootni Tigraay yakkaan shakkamuun Finfinneetti qabamanii hidhamanii fi manneen daldalaa jalaa cufaman komiwwan hedduu dhiyeessaa jiru jechuun yaaddoo qabu ibseera komishinichi.

Komiiwwan dhiyaatanirraa ka'uun kutaalee magaalaa komiin irratti ka'e lama qorachuu akka eegale kan himu jaarmiyaan kun, dhaabbileen daldalaa kan cufamaniif waan seera cabsanii fi yakkaan shakkamaniif ta'uu, kunis dhiyeenya kan hundeeffame Garee to'annoo daldala meeshaalee seeraan alaatiin ta'uu eere.

Haata'u malee abbootiin qabeenyaa dhaabbilee daldalaa kunneenii hedduunsaanii yakka ittiin shakkamanii hidhamanii fi dhaabileen daldalaa jalaa cufamaniif murteen waan itti hin kennamneef hanga yoonaa dhaabileen cufamanii akka turan taasifamuu jaarmiyaan mirga namoomaa kun ibseera.

Dhimma kanarratti bulchiinsi magaalaa Finfinnee, Poolisii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu hojii qorannoo ariifachiisuun furmaata akka itti kennan gaafateera jaarmiyaan kun.

Dhalattoonni Tigraay seeraan to'ataman hangi tokko magaalaa Finfinnee fi mooraa leenjii waraanaa naannoo Affaar akka jiran, maatii fi abukaatoowwan isaanii waliin walargaa akka hin jirre akkasumas mana murtiitti dhiyaataa akka hin jirre hubachuusaa ibse.