Namichi qarshii sooramaaf jecha reeffa haadhasaa dhokse to'atame

Madda suuraa, Getty Images
Ostiriyaatti namichi reeffa haadhasaa kutaa kuusaa wayinii keessa waggaa tokko caalaa tursun qarshii sooramaa ishee argachaa ture jedhe poolisiin.
Manguddoon ganna 89 dhukkuba waa irraanfachuu qabdi jedhamte, yeroodhumti ishee gaheeti, bara darbe baatii Waxabajjii keessa duute.
Ilmi ishee namni ganna 66 reeffashee mana kuusa wayinii keessa yeroo kaa’ee akka foolii hin godhanne huccuu madaa ittiin xaxaniifi meeshaa cabbeessuun saamse.
Akka poolisiin jedhutti namni kuni hamma yoonaa kaffaltii doolaara 59,000 tahu argateera.
Dhimmi kuni kan ifatti bahe hojjetaa qarshii sooramaa ishee poostaadhaan gara naannoo Taayirool jedhamu marmaarsutu ishee arguuf gaafatee didamnaan poolisitti gabaase.
Boodarra qorannoo poolisiin taasiseen reeffi manguddoo kanaa haala namatti hin tolleen argame.
Poolisiin Ostiriyaa miidiyaa biyyattii ORF jedhamutti akka himetti cirracha fincaan adurreef mana keessatti namoonni fayyadamanille reeffa haadhasaa foolii akka hin qabaanne gochuuf fayyadameera.
‘’Walumaagalatti reeffi mala warra Masrii ittiin reeffa tursan maamii jedhamu sanaan tursiifame jedhe.
Poolisiin Heelmat Gaflar, namichi galii biraa ijaa hin qabneef haatisaa akkuma duuteen otoo gabaaseera tahe qarshii sun ijaa dhaabbatuuf haadhasaa awwalchisuufis tahe mana waliin keessa jiraatan hambifachuu hin danda’u ture jedhe.
Shakkamaan kuni obboleessasaa haati isaanii hospitaalatti kunuunsa argachaa akka jirtu hime dhufee ilaaluu yoo fedhellee isheen dhukkuba irraanfachuu ijaa qabduuf isa baruu akka hin dandeenye itti hime.













