Godaansa: Waywaannaa lammiilee Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'ud Arabiyaa keessaa

Manni hidhaa al-Shumaysii dhiyeenya magaalaa Jeddaatti argama
Ibsa waa'ee suuraa, Manni hidhaa al-Shumaysii dhiyeenya magaalaa Jeddaatti argama

Lammiileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa mana hidhaa al-Shumaysii keessatti yeroo dheeraaf hidhamanii jiran rakkoolee fayyaa hamaaf saaxilamneerra jechuun BBCtti himan.

Akka gabaasaaleen mul'isanitti Wiirtuun Hidhaa al-Shumaysii mootummaa biyyattiitiin waggootaan dura namoota ''qajeelfamoota hayyama jireenyaafi hojii cabsan tursiisuuf'' manneen hidhaa gurguddoo hundaa'an keessaati.

Bakka kana dabalatee manneen hidhaa biyyattii keessa jiran kaanittis lammiileen Itoophiyaa kumaatamatti lakka'aman yeroo dheeraaf dararaan irra gahuu himatu.

Namoonni mana hidhaa kana keessa jiran irra hedduun bilbila harkaa kan hinqabne oggaa tahu, BBCn dargaggoota achi jiran keessaa kanneen bilbila dhoksaan galchan ykn bilbiluuf carraa argatan dubbiseera.

The Guardian waa'ee mana hidhaa kanaa gabaasa bara dabre keessa baaseen: ''Wayita achi gahan bilbilli ismaartii (kan sagaleefi viidiyoo waraabuu danda'u) godaantota kanarraa ni guurama. Maali jennaan haala jireenyasaanii akka hin waraabneef gochuufi.''

Lammiileen kunniin dhimmoota garagaraan dararamaa jiraachuu dubbatanis, wayita amma dubbisnetti rakkoon fayyaa akka isaan qunname kaasu. Mana tokko keessallee namoonni 250 ol tahan rukkatanii hidhaa jiraachuu himu.

Mootummaan Itoophiyaa dhimma kanarratti yeroo garagaraan ibsa kenneen, rakkoo kana furuuf akka hojjetuufi lammiilee hedduus gara biyyaatti galchaa akka jiru dubbata.

Itoophiyaan waggaadhuma baranaa qofa lammiilee 40,000 ol Sa'udii Arabiyaa irraa galchuu himteetti. MM Abiy Ahimad dhiibbaan akka deebi'an taasifamu ijaarsa Hidha Abbayyaan walqabata jechuun himanii turan.

Suura saatalaayitii Mana hidhaa al-Shumaysii

Madda suuraa, Google

Ibsa waa'ee suuraa, Suura saatalaayitii Mana hidhaa al-Shumaysii

Dargaggoonni mana hidhaa keessa jiran maal himu?

''Namoota baay'etu dhukkubsate,'' jedha dargaggoo Fu'aad. ''Namoonni baay'ee dhudhukkubsataa turan. Bakki kun baay'ee qorra. [Kanaanis] namoonni ni qufa'an. Namni dura qufaadhaan qabamee booda in haqqisiisa, garaa teessisa.''

Akka dargaggoon kun jedhutti, boodarra namoota akkasiin isaan dhukkubu eegdota poolisiitti himuun akka yaalchisan gaafatanis, kanneen ergaa kana fuudhanii himan ''ni tuman, tumanii ol nu deebisan,'' jedha.

Kanneen dhukkubsatanis yaalii fayyaa argachaa akka hin jirre kaasa Fu'aad. ''Nama baay'ee dhukkubsate gaafa argan gadi baasanii, aduu keessa ciibsanii eeganii ol galchu. Nama sana 'Dawaa argatteettaa?' jennee ogguu gaafannu, 'Aduu keessa nu kaa'anii, uleen nu tumanii nu deebisan' nuun jedhan.''

Dargaggoon BBCn dubbise biraa Mohaammad akka jedhutti, rakkoon isaan mudachaa jiru kanneen qofa akka hin taane kaasa.

''Rakkoon keenya hedduudha. Keessattuu namni dhukkubsate rakkoo hedduu arga. Namni keessaa fayyaalessi waa dubbatte gad-baasanii tuman.

Rakkoon guddaan kan biraan, nyaata. Nyaata nutti hin fidan. Wanni hafannuufi wanti uffannu hin jiru. Manni akka malee qorra, simintoorra ciisama.''

Kanneen biyyaa godaananii dararaa hedduun booda biyyoota Baha Giddugaleessaa gahan gara biyyaatti deebi'uu akka barbaadan miidiyaalee garagaraafi yeroo adda addaatti himaa kan jiran oggaa tahu, Itoophiyaa keessaa namoonni ammallee gara biyyoota kanaatti godaanuuf qophii wayita taasisan mul'atu.

Kana ilaalchisees dargaggoonni nuti dubbisne kunniin: ''Rabbiin bakkuma kanaahuu dhugumatti nu baasaayii? Ifa Rabbii ni arginaa? jennee yeroo yaaddessaa keessa jira.

Gaafa nuti 'Yaa Rabbii lubbuudhaan as keessaa ni baanaa jennuutti, namni asirraa bahee deebi'ee hojii barbaachaaf biyya kanatti ni deebi'a jedhee hin yaadu,'' jedha.

Lammiileen Itoophiyaa to'annoo mootummaa Sa'udii jala jiran dhiittaa mirga namoomaa, dhukkubaaf akkasumas du'aaf saaxilamaa turuun dhaabbilee gargaarsa namoomaa dabalatee qaamoleen garagaraa yaaddoo qaban ibsaa turan.

Qoontsilaan Itoophiyaa biyya Sa'udii magaalaa Jiddaatti argamus ji'ootaan dura lammiileen Itoophiyaa to'annoo qaamolee nageenyaa Sa'ud Arabiyaa jala jiran, hanqinni nyaataafi bishaanii, akkasumas meeshaaleen qulqullinaa mudachuu himee ture.

Hangi namootaa mana hidhaa al-Shumaysii keessa jiranii beekamuudhaa baatus, dhaabbanni Global Detention Project jedhamu marsariitiisaa gubbaatti akka ibseen [Afaan Ingiliiziitti si geessa], namoota 32,000 tahan keessummeessuuf ijaaramuu hima.